{"id":6206,"date":"2026-08-06T13:41:08","date_gmt":"2026-08-06T13:41:08","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6206"},"modified":"2026-08-06T13:41:08","modified_gmt":"2026-08-06T13:41:08","slug":"jijjiiramni-qilleensaa-toannoo-hiv-irratti-sodaa-uume","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/06\/jijjiiramni-qilleensaa-toannoo-hiv-irratti-sodaa-uume\/","title":{"rendered":"Jijjiiramni Qilleensaa To\u2019annoo   HIV Irratti  Sodaa Uume"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Jijjiiramni qilleensaa sirna fayyaafi jireenya addunyaa kanaa hundaa jijjiiraa jira, ta&#8217;us dhiibbaan inni dhibee HIV irratti qabu xiyyeeffannoo gahaa hin arganne. Lolaan, hongeefi buqqaatiin sagantaalee qorannoo, gorsaafi ittisaa walitti dhufeenya hawaasaa miidhaa jira. Dhaabbilee namoonni tajaajila fayyaa irraa argachaa turan itti fufinsaan miidhaa jira.<\/p>\n<p>Biyyoota Afrikaa Sahaaraa gaditti argaman keessatti hiyyummaafi walqixxummaa dhabuu caasaa hawaasummaa irraa kan ka&#8217;e HIVf saaxilamoo kan turan yeroo ammaa haalaan akka keessatti babal\u2019atuuf sababa ta\u2019eera. Balaawwan jijjiirama qilleensaa kunneenis namoota\u00a0 dhibichaaf saaxilamoo ta\u2019an daran rakkoo hamaaf saaxilee jira.<\/p>\n<p>\u200eAkka gaazexeessituun AllAfrica Meelodii<\/p>\n<p>\u200eChiroondaan, Konfiransii Addunyaa AIDS (International AIDS Conference) yeroo 26ffaa Riiyoo Di Jeneroo, Biraaziilitti gaggeeffame irratti ibsitetti, rakkooleen kunneen sirna fayyaa irratti dhiibbaa dabalaa jiru. Qorannoon dabalataa akka argisiisutti, jijjiiramni qilleensaa godaansa dabaluu danda&#8217;uufi karaa kanaas babal&#8217;ina HIVfi wal\u2019aansa isaa to&#8217;achuu irratti gufuu biraa uumuu danda&#8217;a. Ta&#8217;us ogeeyyiin fayyaa uummataa akka jedhanitti, qophaa&#8217;uuf karaaleen jiraachuu ibsu.<\/p>\n<p>Hayyoonni mirga saaxilamtoota HIVf falman pirezidaantiin Amerikaa jijjiirama tarsiimoo fayyaa HIV addunyaa irratti godhe mormuun, bulchiinsi kun deeggarsa maallaqaa hir\u2019isuun balaa fayyaa uummataa uumaa jira jechuun walga&#8217;ii dura mormii gaggeessaniiru. Gama biraatiin, Ameerikaan mormii kanaaf deebii kenniteen, moodeelli haarofni maallaqaa kun sagantaan HIV biyyootni mataa isaaniitiin hogganaman akka cimuufi itti-fufiinsa akka qabaatu kan godhuudha jechuun mormiin dhiyaate sirrii akka hin taane ibsiteetti.<\/p>\n<p>AllAfrica gabaasota gosa garaagaraa 600 ta&#8217;an dhaabbilee oduu 90 olii fi dhaabbilee biroo 500 ol irraa guyyaa guyyaatti maxxansa; kunis dhimma kam irratti ilaalcha garaagaraa bakka bu&#8217;a. Gabaasni kamiyyuu qaama barreesseef itti gaafatamummaa kan kennu yoo ta&#8217;u, AllAfrica mirga seeraa barruu kana gulaaluu ykn sirreessuu hin qabu.<\/p>\n<p>Maaddi odeeffannoo<\/p>\n<p>Geexee Gizaawutiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Jijjiiramni qilleensaa sirna fayyaafi jireenya addunyaa kanaa hundaa jijjiiraa jira, ta&#8217;us dhiibbaan inni dhibee HIV irratti qabu xiyyeeffannoo gahaa hin arganne. Lolaan, hongeefi buqqaatiin sagantaalee qorannoo, gorsaafi ittisaa walitti dhufeenya hawaasaa miidhaa jira. Dhaabbilee namoonni tajaajila fayyaa irraa argachaa turan itti fufinsaan miidhaa jira. Biyyoota Afrikaa Sahaaraa gaditti argaman keessatti hiyyummaafi walqixxummaa dhabuu caasaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6207,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6206"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6206"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6206\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6208,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6206\/revisions\/6208"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6207"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6206"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6206"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6206"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}