{"id":6215,"date":"2026-08-06T13:48:44","date_gmt":"2026-08-06T13:48:44","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6215"},"modified":"2026-08-06T13:48:44","modified_gmt":"2026-08-06T13:48:44","slug":"manni-maree-naannoo-amaaraa-raawwii-hojji-bara-baajataa-2018-gamaggamuun-karooraafi-baajata-bara-2019-raggaasise","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/06\/manni-maree-naannoo-amaaraa-raawwii-hojji-bara-baajataa-2018-gamaggamuun-karooraafi-baajata-bara-2019-raggaasise\/","title":{"rendered":"Manni Maree Naannoo Amaaraa Raawwii Hojji Bara Baajataa 2018  Gamaggamuun, Karooraafi Baajata Bara 2019 Raggaasise"},"content":{"rendered":"<p>Manni Maree Naannoo Amaaraa yaa\u2019ii idilee 12ffaa marsaa 6ffaa bara hojii 5ffaa gaggeesseen raawwii hojii bara baajataa 2018 gamaaggamuun, baajata raawwii hojii bara 2019 raggaasiseera.<\/p>\n<p>\u200eAf-yaa&#8217;iin Mana Maree Naannoo Amaaraa Aadde Faantuu Tasfaayee yaa&#8217;icha irratti haasaa taasisaniin, miseesonni mana marichaafi koreewwan dhaabbii karooraafi raawwii irratti yaada kennuun hordoffii bal&#8217;aa taasisuu ibsaniiru. Bara baajatichaatti qormaatilee hedduu dandamachuun hojiilee hedduu hojjechuun guddinni jajjabeessaan galmaa\u2019eera jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u200eBulchaan Olaanaan Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadee gabaasa yaa&#8217;icha irratti dhiheessaniin akka ibsanitti, bara baajataa 2018 keessatti dameewwan diinagdee, qonna, industirii, barnootaa, fayyaa, bu&#8217;uuraalee misoomaa, bulchiinsa lafaa, eegumsa naannoo, albuudaafi sirna haqaa keessatti hojiiwwan bu&#8217;aa qabeessi hedduun hojjetamaniiru.<\/p>\n<p>\u200eHojiilee gama bu&#8217;uuraalee misoomaatiin hojjetamaniin, daandiin kiiloomeetira kuma tokkoo xiqaa sagalii ol ijaaramee, riqichoonni hedduun xumuramanii tajaajilaaf banaa ta&#8217;uu ibsameera. Akkasumas hojii misooma koriidarii kiiloomeetira 214.9 xumuramuun, magaalonni 96 istaandaardii karoora magaalaa akka qabaatan taasifamuu eerameera. Tajaajilli bishaan dhugaatii qulqulluus babal&#8217;achuun waliingahinsi isaa gara dhibbeentaa 79.9tti guddachuu ibsameera.<\/p>\n<p>\u200eAkkasumas hojiilee gama gabaa tasgabbeessuutiin naannicha keessaatti hojjetamaniin qaala&#8217;iinsi jireenyaa hir&#8217;achuu ibsanii, qaala&#8217;insi jireenyaa gara dhibbeentaa 8&#8217;tti akka gadi bu&#8217;u taasifamuu himaniiru.<\/p>\n<p>\u200eGama biraatiin yaa&#8217;icharratti gabaasa gaggeeffameen interpiraayizoota hundeessuun baadiyaafi magaalota garagaraatti filannoowwan carraa hojii uumaniin naannichatti lammiilee miiliyoona tokko tuqaa sadii ol ta\u2019aniif carraan hojii dhaabbiifi yeroon uumamuu ibsaniiru. Hojiin oomishaalee al-ergii irratti qulqullinaan hojjetame sharafa alaa doolaara miiliyoona 562 ol argamsiisuu danda&#8217;uu eeraniiru.<\/p>\n<p>\u200eNaannicha keessaatti gama hojii nageenyatiin hojiilee hojjetameen nageenya waaressuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa turuu ibsuun, hidhattoonni seeraan alaa kumaatamaan lakkaa&#8217;aman karaa nagaa galuun nageenyi naannichaa tasgabbaa&#8217;uu kaasaniiru. Kanaanis hojiileen misoomaa haala milkaa&#8217;insa qabuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eSirna haqaa keessatti tajaajilli haqaa hawaasaaf dhiyaatu bal&#8217;isuuf manneen murtii aadaafi tajaajiloonni dijitaalaa babal&#8217;ifamaniiru. Kanaanis manneen murtii aadaa gandoota kuma tokkoofifi 377 keessatti hundaa&#8217;uun hojii jalqabuun danda&#8217;amuu ibsameera. Caamsaa bara 2018 irraa eegalee namoonni kuma lamaafi 416 ta&#8217;an tajaajila argataniiru. Kanaanis, dhimma isaanii mana murtii idileetti geessuun baasii Birrii miiliyoona 29.9 ol kaffaluu irraa baraaramuu isaanii ibsameera. Deeggarsi seeraa bilisaa dubartoota, daa&#8217;immaniifi namoota humna hin qabneef kennamus cimee itti fufuu gabaasichi niaddeessa.<\/p>\n<p>\u200eDamee fayyaatiin tajaajilli kunuunsa haadholiifi daa&#8217;immanii babal&#8217;achuun, daa&#8217;imman kuma dhibba saddeetiifi kuma digdamii tokkoo oliif talaalliin kennameera. Qorichoonniifi meeshaaleen yaalaa birrii biiliyoona 18 ol tilmaamaman raabsamuu, akkasumas baankiin dhiigaa yuuniitii kuma torbaatamii ja\u2019aa ol walitti qabuu gabaafameera.<\/p>\n<p>\u200eAlbuudaa naannichaatti to&#8217;annoo oomisha albuudaa seeraan alaa irratti taasifameen, albuudni seeraan alaa meetir kuubii kuma tokkoofi kuma soddomii sadiifi 500 ol timaama qarshii miiliyoona digdamii torbaa ol mootummaaf galii ta&#8217;uufi qabeenya albuudaa hedduun adda baafamuu ibsameera. Akka Naannoo Amaaraatti yeroo jalqabaaf warqiin kiiloo giraama 357 Baankii Biyyoolessa Itoophiyaaf dhiyaachuus ibsan.<\/p>\n<p>\u200eGama raawwii hojii damee barnootaan bara baajataa 2018 ilaalchisee naannichatti qormaanni barattoota kutaa 6ffaa, kutaa 8ffaafi kutaa 12ffaa milkaa&#8217;inaan xumuramuu danda&#8217;eera. Qormaata kutaa 12ffaatiin barattoonni kuma 59 ol ta&#8217;an karaa marsareetii (Online) qormaata isaanii fudhataniiru. Manneen barnootaa haaraan 233 kan ijaaraman yoo ta&#8217;uu, bara baajata kana keessatti barattoonni miiliyoona afuriifi, kuma afuriifi kuma kudhaniifi 90 ol galmaa&#8217;uus ibsameera.<\/p>\n<p>\u200eXumura yaa&#8217;ichaatiin Manni Maree Naannoo Amaaraa raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 irratti mari&#8217;achuun, baajata mootummaa bara 2019&#8217;f birrii biiliyoona dhibba afuriifi biliyoona lamaafi miiliyoona dhibba lamaafi miliyoona saddeettamii shaaniifi kuma torbaa ol ta&#8217;u sagalee guutuun raggaasiseera.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Manni Maree Naannoo Amaaraa yaa\u2019ii idilee 12ffaa marsaa 6ffaa bara hojii 5ffaa gaggeesseen raawwii hojii bara baajataa 2018 gamaaggamuun, baajata raawwii hojii bara 2019 raggaasiseera. \u200eAf-yaa&#8217;iin Mana Maree Naannoo Amaaraa Aadde Faantuu Tasfaayee yaa&#8217;icha irratti haasaa taasisaniin, miseesonni mana marichaafi koreewwan dhaabbii karooraafi raawwii irratti yaada kennuun hordoffii bal&#8217;aa taasisuu ibsaniiru. Bara baajatichaatti qormaatilee hedduu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6216,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6215"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6215"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6215\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6217,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6215\/revisions\/6217"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6216"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6215"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6215"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6215"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}