{"id":6218,"date":"2026-08-06T13:53:45","date_gmt":"2026-08-06T13:53:45","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6218"},"modified":"2026-08-06T13:53:45","modified_gmt":"2026-08-06T13:53:45","slug":"hariiroo-uummata-amaaraafi-oromoo-qormaataan-hin-gufanne","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/06\/hariiroo-uummata-amaaraafi-oromoo-qormaataan-hin-gufanne\/","title":{"rendered":"Hariiroo Uummata Amaaraafi Oromoo  qormaataan Hin  Gufanne"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoota 85 oliifi amantaa garaa garaa qaban of keessatti kan qabattee ijaaramtedha. Ijaarsa biyya kanaa keessatti sabootni hunduu ga&#8217;ee kan qaban ta&#8217;us uummata biyyattii keessaa baay&#8217;ina uummataa guddaafi lafa bal&#8217;aa qabachuun kan beekaman, daangaa lafaas bal&#8217;aa kan waliin qaban Uummatni Oromoofi Uummatni Amaaraa ga&#8217;ee leencaa kan qabanidha.<\/p>\n<p>Tibbana Amecon Muummicha Ministeeraa , Abiyyii Ahimad (PhD) walliin turtii taasiseen hariiroo Uummata Oromoofi Amaaraa gaafatamaniif, uummatni kun lamaan karaa gaa&#8217;elaa, siyaasaafi karaa aadaa guddifachaan walitti makamanii hariiroo uummatanii jiraachaa biyya jiraachisaa kan jiran ta&#8217;uu ibsan.<\/p>\n<p>Ijaarsa Mootummaa Itoophiyaa keessatti bara Sulxaaneetoota Shawaa kan waggoota 350 ture,bara Mootii Ifaat kan waggaa 130 ol ture, kan Shawaadhaa hanga Zeeyilaatti bulchaa turan keessatti uummatni Oromoofi Amaaraa hariiroo siyaasaa jabaafi gaa&#8217;elaan walitti makamaa kan turan ta&#8217;uu Abiyyii Ahimad (PhD) himan.<br \/>\nBara Mootiin Sartse Dingil Matsawaatti duulchisan Oromootni lakkoofsaa hedduu ta&#8217;an waliin gara kaabaatti duulan, bakka deemanitti hariiroo gaa&#8217;elaan walitti makamaniiru.<\/p>\n<p>Suusiniyoos Oromoo keessaa ka&#8217;ee gara Amaaraatti duulaaf deemee, achuma Amaara gidduutti mootii kan ta&#8217;e, saboota kanneen hariiroo siyaasaafi gaa&#8217;elaan walitti kan maken ta&#8217;uus seenaa dudduubee yaadachuun ibsan. Kanneen akka Atsee Bakafaafi Iyyo&#8217;aas aadaa guddifachaan walitti dhufeenya kanneen cimsan ta&#8217;uus himan.<\/p>\n<p>Bara Mootii Yaajjuu kan 100 ol lakkoofsise, achii ka&#8217;uun gara Goojjamiifi Gondor deemuun hariiroo hawaasaa cimaan uumameera. Bara Mootii Yimaanoos kan waggoota 200 ol ture keessumaa Walloo Kibbaa irraa ka&#8217;uun hariiroo Shawaa, Goojjamiifi Gondor waliin qabaachaa turan. Gaa&#8217;elaan walirraa fuudhuufi walitti heerumsiisuun hariiroo yoomiyyuu cituu hin dandeenye ijaaranii tokkummaa biyyaa har&#8217;aaf bu&#8217;uura kaa&#8217;aniiru.<\/p>\n<p>Warqituu Mootittiin Walloofi Raas Mikaa&#8217;el mootota gaa&#8217;elaan Uummata Oromoofi Amaaraa walitti makan kanneen maqaan isaanii ka&#8217;u keessaa isaan tokko ta&#8217;uus\u00a0 yaadachiisan. Seenaa hariiroo sabaafi sablammootaa biyya kanaa keessatti,hariiroo gaa&#8217;elaan walitti makamuun, hariiroo siyaasaan tokkummaa ijaarratanii mootummaa hundeessuufi aadaa guddifachaan ilmoo walii guddifachuun hariiroo qabaachuun sabootni isaan qixxaatan hin jiran.<\/p>\n<p>Walwaraansa mootota biyya keenyaa kan durii keessatti Mootiin Shawaa ,Shawaa irraa ka&#8217;uun\u00a0 gara kibbaatti qofaa duule osoo hin taane\u00a0 Goojjam waliin, Walloo waliin, Arsii , Walaayittaa waliin wal loluus ibsan; duula kana kan hogganan Mootii Minilik yoo ta&#8217;u, kan waraana hogganu Raas Goobanaa akka ta&#8217;e kaasuun waan rawwatan waliin ta&#8217;uu himan.<\/p>\n<p>Seenaa Uummatni Itoophiyaa hundi ittiin boonu injifannoo Adwaa Minilik Gabayyoon ala, Miniliki Baalchaan ala qofaa isaa injifannoo kana hin fidne;biyya har&#8217;a jaalannu waliin ta&#8217;anii aarsaa kaffalanii nu dhaalchisanis jedhan.<br \/>\nUummatni Oromoofi Uummatni Amaaraa ijaarsa mootummaa irraa kaasee, tokkummaa biyyaafi birmaduu biyyaa eeguu irratti waliin aarsaa kaffalaa kan har&#8217;aan gahanidha. Waliin daldalaa,waliin hojjechaa, hariiroo gaa&#8217;elaan walitti makamuun waliin jiraachaa jiru. Ilmaa waliis sirna aadaa guddifachaan walirraa fudhatanii kan ofii taasifatanii hariiroo gargar cituu hin dandeenye kan tokkkummaa biyyaaf bu&#8217;uura ta&#8217;e ijaarratanii jiraachaa jiru.<\/p>\n<p>Odaa Likkiisaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoota 85 oliifi amantaa garaa garaa qaban of keessatti kan qabattee ijaaramtedha. Ijaarsa biyya kanaa keessatti sabootni hunduu ga&#8217;ee kan qaban ta&#8217;us uummata biyyattii keessaa baay&#8217;ina uummataa guddaafi lafa bal&#8217;aa qabachuun kan beekaman, daangaa lafaas bal&#8217;aa kan waliin qaban Uummatni Oromoofi Uummatni Amaaraa ga&#8217;ee leencaa kan qabanidha. Tibbana Amecon Muummicha Ministeeraa , [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6219,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6218"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6218"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6218\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6220,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6218\/revisions\/6220"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6219"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6218"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6218"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6218"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}