{"id":6228,"date":"2026-08-21T10:43:54","date_gmt":"2026-08-21T10:43:54","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6228"},"modified":"2026-08-21T10:43:54","modified_gmt":"2026-08-21T10:43:54","slug":"gootummaa-dhugaan-mariin-garaagarummaa-yaadaa-furuudha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/21\/gootummaa-dhugaan-mariin-garaagarummaa-yaadaa-furuudha\/","title":{"rendered":"Gootummaa Dhugaan Mariin Garaagarummaa Yaadaa Furuudha"},"content":{"rendered":"<p>Qabsoon hidhannoo kamiyyuu, ka\u2019umsi isaa hammam haqaafi dhugaa ta\u2019us, yeroo dheeraa fudhatee bifas yoo jijjiirrate, hawaasa inni qabsoo jalqabeef sanaaf dhibee hamaadha. Walitti bu\u2019iinsi Naannoo Amaaraa keessatti adeemaa jirus hanga ammaatti itti fufuun uummata naannichaa nageenyaafi diinagdee dadhabsiisaa jira.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eHumnoonni hidhatan sagalee qawwee isaanii hammam yoo dhageessisanillee, dheebuu uummataa kan guyyaa guyyaan nageenyaaf, daabboofi bilisummaaf qabu guutuu hin danda\u2019an. Gootummaa dhugaan bara keenya keessatti dirree waraanaa irratti wal waraanuu osoo hin taane, dhaloota gara nageenyaatti oofuun gootummaa gootummaa caaludha.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eSeenaa biyyoota waraana keessa darbanii irraa ragaan akka mul\u2019isutti, waraana keessatti mo\u2019ataa guutuun hin jiru. Humnoonni hidhatan yoo cabinsa hawaasaafi diinagdee naannichaa gadi fageenyaan qoratan, qabsoon kun osoo isaan hin beekiin qonnaan bulaa naannichaa lafa qonnaa isaa irraa, daldalaa gabaa isaa irraa, dargaggeessa immoo mul\u2019ata isaa gara fuulduraa irraa addaan baasaa akka jiru nibeekama..<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eMeeshaa waraanaa lafa kaa\u2019anii boru biyya fooyya\u2019aa taate tokko ijaaruuf mariin murteessaadha. Karaan nageenyaa kun harka kennachuu osoo hin taane, jiraachuu uummataa itti fufsiisuufi kufaatii irraa baraaruudha. Akkaataa qabsoo sagalee rasaasaa irraa gara yaada waljijjiirraa, diiguu irraa gara ijaaruutti ceesisuun, dhiphina uummataa gabaabsuu keessatti injifannoo seenaa waan hunda caaludha.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eHar\u2019a naannichi kan barbaadu dargaggeessa gara bosonaa seenee lubbuu isaa wareegu osoo hin taane, rakkoolee karaa bilchina qabuun furuun, barnoota, teekinooloojiifi kalaqa diinagdee fayyadamuun naannicha gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf dhaloota mul\u2019ata qabudha. Humnootni nageenya uummataaf hin dhaabbanne lubbuu lammiilee balaaf saaxilu. Gaaffilee siyaasaa afaan qawwee fayyadamuun furuuf yaaliin seera-maleessummaa babal\u2019isuun, lammiileen qulqulluun butamuufi saamichaaf akka saaxilaman karaa bana.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eYeroon walitti bu\u2019iinsi haa dhaabatu, dargaggeessi Naannoo Amaaraa hojiitti haa bobba&#8217;u, oomishaafi oomishtummaa isaa bilisaan haa sochoosu, akkasumas hariiroon hawaasummaa deebi\u2019ee akka dagaaguuf birraan nageenya akka dhufufi yeroo meeshaa waraanaa yaadaan mo\u2019achuun itti danda\u2019amu irra geenyeera jechuun amanuun dirqama. Karaan qawwee biyyaafis ta\u2019e uummataaf rakkina argamsiisuu irraa kan hafe faayidaa biraa akka hin qabne bosona keessa seenuudhaan karaa nagaa kan filatan Koloneel Fantaaw Muhabbaw ibsaniiru. Humnoonni hidhatanii bosona seenan faayidaa akka hin qabne \u00a0hubatanii, karaa badiinsaa dhiisanii gaaffii isaanii karaa marii qofa akka dhiyeessan gaafachaa jiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eUimmattoonni naannichaa immoo nageenyi yeroo ammaa argame gara duubaatti akka hin deebine kadhachaa jiru. Jiraataan Godina Goojjaam Lixaa, Aanaa Naannawaa Buree kan ta\u2019an, haalli nageenyaa yeroo irraa gara yerootti fooyya\u2019aa dhufuu isaa ibsaniiru. Yeroo ammaa sochiin bakka tokko irraa gara bakka biraatti taasifamu, kan yeroo darbeen walbira qabamee yoo ilaalamu, fooyya\u2019iinsa agarsiisaa jiraachuus himaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eNageenya kana itti fufsiisuuf, isaan dabalatee abbootiin amantaa, qaamoleen hidhatanfi qaamoleen biroo itti gaafatamummaan isaanii olaanaa ta\u2019uu dubbataniiru. Walumaagalatti, hawaasa abdiifi nagaa qabu kan ijaarru ogummaa, nageenyaafi olka\u2019iinsa qalbii har\u2019a agarsiisnuuf, waraana seenaa gochuun nageenya mirkaneessuun barbaachisaadha.<br \/>\n\u200e<br \/>\nMoosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Qabsoon hidhannoo kamiyyuu, ka\u2019umsi isaa hammam haqaafi dhugaa ta\u2019us, yeroo dheeraa fudhatee bifas yoo jijjiirrate, hawaasa inni qabsoo jalqabeef sanaaf dhibee hamaadha. Walitti bu\u2019iinsi Naannoo Amaaraa keessatti adeemaa jirus hanga ammaatti itti fufuun uummata naannichaa nageenyaafi diinagdee dadhabsiisaa jira. \u200e \u200eHumnoonni hidhatan sagalee qawwee isaanii hammam yoo dhageessisanillee, dheebuu uummataa kan guyyaa guyyaan nageenyaaf, daabboofi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6229,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6228"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6228"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6228\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6230,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6228\/revisions\/6230"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6229"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6228"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6228"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6228"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}