{"id":6231,"date":"2026-08-21T10:46:06","date_gmt":"2026-08-21T10:46:06","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6231"},"modified":"2026-08-21T10:46:06","modified_gmt":"2026-08-21T10:46:06","slug":"naannoon-amaaraa-ragaa-hojjettoota-mootummaa-dijitaalessuu-xumuruuf","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/21\/naannoon-amaaraa-ragaa-hojjettoota-mootummaa-dijitaalessuu-xumuruuf\/","title":{"rendered":"Naannoon Amaaraa Ragaa Hojjettoota Mootummaa  Dijitaalessuu Xumuruuf"},"content":{"rendered":"<p>Biiroon sivil sarviisiifi misooma humna namaa Naannoo Amaaraa ragaa hojjettoota mootummaa gara hojii mirkaneessuufi\u00a0 dijitaalayizeeshinii galuu ilaalchisee ibsa kenne. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Biiroo sivil sarviisiifi misooma humna namaa Naannoo Amaaraa Kaasaa Ababaawu hojiin ragaa hojjettoota mootummaa sassaabuu, mirkaneessuufi dijitaalessuu yeroo ammaa raawwiin isaa dhibbeentaa 80 akka ga&#8217;e ibsan.<\/p>\n<p>Hojiin ragaa sassaabuufi dijitaalessuu tajaajila hojii mootummaafi imaammata bulchinsaa qaama rifoormii isa ijoo ta&#8217;uu himan. Gara fuulduraatti ijaarsa sivil sarviisii dijitaalaaf bu&#8217;uura kan kaa&#8217;u ta&#8217;uu caqasan.<\/p>\n<p>Hojjiin ragaa walitti qabuu fi qulqulleessuu kun ragaalee garaagaraa kan hammate ta\u2019uu kan ibsan Itti-aantuun Itti-gaafatamtumaa sun, maqaan hojjetaa, sadarkaan hojjetaa, sadarkaan mindaa, hanga mindaafi dhaabbanni innii keessa hojjetu qaamaan argamuun mirkaneessaa (mallatteessuun) ragaan walitti qabamuu kaasaniiru. Hanga gandaatti dhaabbanni jiran, humna namaa qabaniifi hin qabne sadarkaan hojii dursanii gara sirna bulchiinsa siivil sarvisiifi qindeessaa ragaa qabannaa (ISMIS) siistamiitti akka galfaman taasifameera. Raawwiifi garaagarummaa irraa ka\u2019uun hojiin ragaa walitti qabuu dhibbeentaa 80 kan gurmaa\u2019e yoo ta\u2019u, hojiin mirkaneessuu ammoo dhibbeentaa 78 irra ga\u2019uu isaa eeraniiru.<\/p>\n<p>Naannawaan Dabare Biraaniifi Daseen raawwii fooyya\u2019aa galmeessaniirus jedhan. Naannawwaan\u00a0 Gondoriifi Baahir Daaritti garuu hojicha saffisiisuuf deeggarsi addaa taasifamaa jira jedhan.. Adeemsa keessatti dhiheenyi siistamii, rakkoon neetwoorkiifi elektiriikiin cicituu, rakkoon sochii hojjettootaafi ganna barsiisonni boqonnaaf bahuun\u00a0 yeroon akka hin xumuramneef rakkoowwan turan ta\u2019uu kaasaniiru. Rakkoowwan kana teeknooloojiidhaan (viirchuwaliin) madaaluufi dhaabbilee federaalaa waliin qindaa\u2019uun hojiin furmaataa hojjetameeras jedhan.<\/p>\n<p>Diijitaalayizeeshinii kun fuulduratti hojjettootaaf daballii mindaa biyyoolessaafi faayidaa argachuuf ragaa sirrii ta\u2019e irratti hundaa\u2019uudhaan murteessuuf, akkasumas namni kamiyyuu ilaaluu kan danda\u2019u waraqaa eenyummaa (Public ID) argachuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Tajaajila kennuufis fedhii hojjettootaafi hir\u2019ina dandeettii qorannoon adda baasuudhaan leenjii barnootaafi teeknikaa sirrii ta\u2019e kennuudhaan, hawaasichaaf tajaajila diijitaalaa saffisaafi tuttuqqaa namaa irraa bilisa ta\u2019e kennuuf bu\u2019uura kan ta\u2019u ta\u2019uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Hojiin mirkaneessuu kun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf gaggeessitoonni sadarkaan jiran, ogeessonni siivil sarviisiifi hojjettoonnii tajaajila istaatistiksii kutannoodhaan hojjechaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Hojjettoota guyyaa kaa\u2019ame keessatti hin xumurre irratti murtoon kennamu sadarkaa biyyaatti federaala irraa ta\u2019uu eeraniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Biiroon sivil sarviisiifi misooma humna namaa Naannoo Amaaraa ragaa hojjettoota mootummaa gara hojii mirkaneessuufi\u00a0 dijitaalayizeeshinii galuu ilaalchisee ibsa kenne. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Biiroo sivil sarviisiifi misooma humna namaa Naannoo Amaaraa Kaasaa Ababaawu hojiin ragaa hojjettoota mootummaa sassaabuu, mirkaneessuufi dijitaalessuu yeroo ammaa raawwiin isaa dhibbeentaa 80 akka ga&#8217;e ibsan. Hojiin ragaa sassaabuufi dijitaalessuu tajaajila hojii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6232,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6231"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6231"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6231\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6233,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6231\/revisions\/6233"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6232"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6231"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6231"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6231"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}