{"id":6234,"date":"2026-08-21T10:49:25","date_gmt":"2026-08-21T10:49:25","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6234"},"modified":"2026-08-21T10:49:25","modified_gmt":"2026-08-21T10:49:25","slug":"hayyoonni-nageenya-biyyaa-miirkaneessuu-keessatti-gaee-guddaa-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/21\/hayyoonni-nageenya-biyyaa-miirkaneessuu-keessatti-gaee-guddaa-qabu\/","title":{"rendered":"Hayyoonni Nageenya Biyyaa  Miirkaneessuu Keessatti Ga\u2019ee  Guddaa qabu"},"content":{"rendered":"<p>Biyya tokkoof nageenyi bu&#8217;uura waan hundaati. Nageenyi yoo jiraate, hawaasni nagaan jiraata, qabeenya balaaf saaxilamuu irraa eega, misoomaafi diinagdee saffisiisaa, barnootaafi fayyaa cimsa, akkasumas waliin jireenya hawaasaafi tasgabbii biyyaalessaa mirkaneessa. Nageenya waaraa mirkaneessuu kan danda&#8217;u immoo mootummaa qofa osoo hin taane, gaheefi itti gaafatamummaa qaamoleen hawaasaa garaagaraa, Keessumaa immoo gaheen hayyootaa murteessadha. Hayyoonni beekumsa, muuxannoofi dandeettii qorannoo qaban fayyadamuun sababoota walitti bu\u2019iinsaa adda baasuu, rakkoolee hawaasummaafi siyaasaa irratti furmaata waaraa barbaaduu, akkasumas hawaasaaf hubannoo nageenyaa uumuu keessatti gahee olaanaa qabu.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBarsiisaafi hayyuu afaanii kan ta&#8217;an Mootii Gurmeessaa, hayyuu jechuun barsiisaa qofa osoo hin taane, nama ogummaafi beekumsa qabuun uummata isaa tajaajilu akka ta\u2019e ibsaniiru. \u201cManni utubaa hin qabne akkuma jigu, biyyi ogummaafi beekumsa hayyootaan hin ijaaramne ni diigamti,&#8221; jedhan. Gaheen hayyoonni ijaarsaafi nageenya biyyaa keessatti qaban guddaa ta&#8217;uu dubbatan. Hayyoonni beekumsa isaanii ofii isaaniif qofa fayyadamuu osoo hin taane, dhaloota barsiisuu, hawaasaaf kallattii agarsiisuufi rakkoolee hawaasaa irratti furmaata barbaaduun utubaa ijaarsa biyyaa ta\u2019uun tajaajiluu akka qaban gorsaniiru. Hayyuun kun akka jedhanitti, biyya keenya keessaatti balaa itti fayyadama miidiyaa hawaasaatiin dhufan hir&#8217;isuufillee gaheen hayyootaa barbaachisaa ta&#8217;uu eeraniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBarsiisaa Yuniversiitii Salaalee Kaaffalee Makonnin, gama isaaniin hayyoonni dhimmoota nageenyaa, jaalalaa, araaraafi nagaa waaraa buusuu keessatti gahee olaanaa akka qaban ibsan. Hayyuun uummata qajeelchuu, tiksuufi gara hojii gaariitti kakaasuu keessatti shoora oolaanaa qabaachuu ibsaniiru. Kunis yeroo rakkoon uumamu callisanii ilaalu osoo hin taane, sababa rakkoo sanaa adda baasuun hawaasa gara araaraafi waliigaltee fiduutti hojjechuu akka qaban himaniiru. Keessumaa yeroo walitti bu\u2019iinsi uumamu, hayyoonni odeeffannoo sirrii kennuun, miira jibbaafi haaloo hir\u2019isuun, uummata gara nagaafi waliigalteetti qajeelchuu danda\u2019uu qabu jechuun dhaamaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBarsiisaa Daani\u2019eel Gizaw immoo Akka jedhanitti, hayyoonni ijaarsa nageenya biyyaalessaa keessatti akka riqichaa ce&#8217;umsaatti tajaajiluu akka danda\u2019an ibsan. Riqichi bakka adda addaa wal qunnamsiisuu akkuma ta\u2019e, hayyoonnis gareewwan, yaadotaafi ilaalchawwan garaagaraa qaban walitti fiduun gara nageenya waaraatti kan ceesisani ta\u2019ii ibsan. Kan gorfamuu qabu gorsuu, kan jajjabeeffamuu qabu jajjabeessuu, waan hawaasaaf miidhaa qabu sirreessuufi garaagarummaa yaadaa dhiphisuun gara tokkummaatti fiduu keessatti gaheen hayyootaa bakka bu\u2019aa kan hin qabne ta&#8217;uu kaasaniiru. Kanaaf hayyoonni yeroo rakkoo keessatti sagalee madaalawaa ta\u2019uun hawaasaaf kallattii sirrii agarsiisuu qabu jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eGaazexeessaan Biruuk Tashoomaa biyya tokko keessatti gaheen hayyootaa olaanaa ta\u2019uu kaasuun, Itoophiyaattis hayyoonni gama garaagaraatiin hojii bal\u2019aa hojjechaa turuufi ammas hojjechaa jiraachuu ibse. &#8220;Guddinni biyya tokkoo qabeenya uumamaa qofa irratti kan hundaa\u2019u miti; beekumsa, kalaqa, qorannoofi dandeettii namaa irrattiis hundaa\u2019a. Kanaaf, hayyoonni beekumsa isaanii dhimma nageenyaa qofaaf osoo hin taane; diinagdee, barnoota, tekinooloojii, bulchiinsa gaariifi misooma hawaasaatiif oolchuun biyya isaanii gara fuulduraatti ceesisuu danda\u2019u qabu,&#8221;jedhaniiru. Itti dabaluunis, hayyoonni gosonni hojii isaanii gargar ta&#8217;ullee, gaheen isaanii inni guddaan biyyaa gama hundaaman ceesisuu akka ta&#8217;es eeraniiru. Marii Biyyooleessaa biyyi keenya gaggeessite harka hayyoota keessa jiraachuu kan eere Gaazexeessan kun, hayyoonni kunneen marii kana milkeessuu akka qabaniifis dhaamsa dabarsaniiru.<br \/>\n\u200eBara dijitaalaafi teekinooloojii kana keessatti immoo gaheen hayyoonni itti fayyadama miidiyaa hawaasaa sirrii ta\u2019e barsiisuufi hawaasaaf hubannoo uumuu keessatti qaban murteessaa ta&#8217;uu kan eere immoo Gaazexeessaa Mandaraa Margaati. Itti fayyadama Miidiyaa hawaasaa sirrii barsiisuu keessattis hayyoonni gahee adda duree qabaachuu ibseera. Miidiyaan hawaasaa odeeffannoo saffisaan dabarsuuf, barnootaafi faayidaa biroo hedduu qabaatanillee, seeran ala kan itti fayyadaman yoo ta&#8217;es, biyya tokko diigumsaaf saaxiluu akka danda&#8217;u ibse. Odeeffannoo sobaafi haasaa jibbinsaa ittisuu irratti gaheen hayyoota murteessaa ta&#8217;uu kaasee, dhaloota hubachiisuun ,gorsuuniifi barsiisuun dhaloonni kun miidiyaa hawaasaa gaarummaaf qofa akka itti fayyadaman taasisuu akka qaban dhaameera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eWalumaagalatti, nageenya waaraa fiduufi biyya ijaaruun gahee mootummaa qofti gahaa miti. Beekumsi, ogummaan, muuxannooniifi beekumsi hayyootaa biyya ijaaruufi nageenya waaressuuf murteessaadha. Hayyoonni qorannoo gaggeessuun sababoota walitti bu\u2019iinsaa adda baasuu, mariifi araara jajjabeessuu, dhalootaaf fakkeenya gaarii ta\u2019uu, odeeffannoo sirrii tamsaasuufi hawaasa gara tokkummaafi waliin jireenyaatti qajeelchuu qabu. Kanaaf, hayyoonni utubaa beekumsaa qofa osoo hin taane, riqicha nagaa, araaraa, tokkummaafi ijaarsa biyyaati.<br \/>\nOdaa Likkiisaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Biyya tokkoof nageenyi bu&#8217;uura waan hundaati. Nageenyi yoo jiraate, hawaasni nagaan jiraata, qabeenya balaaf saaxilamuu irraa eega, misoomaafi diinagdee saffisiisaa, barnootaafi fayyaa cimsa, akkasumas waliin jireenya hawaasaafi tasgabbii biyyaalessaa mirkaneessa. Nageenya waaraa mirkaneessuu kan danda&#8217;u immoo mootummaa qofa osoo hin taane, gaheefi itti gaafatamummaa qaamoleen hawaasaa garaagaraa, Keessumaa immoo gaheen hayyootaa murteessadha. Hayyoonni beekumsa, muuxannoofi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6234"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6234"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6234\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6235,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6234\/revisions\/6235"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6234"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6234"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6234"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}