{"id":6236,"date":"2026-08-21T10:51:31","date_gmt":"2026-08-21T10:51:31","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6236"},"modified":"2026-08-21T10:51:31","modified_gmt":"2026-08-21T10:51:31","slug":"waldhabdeen-mariin-furamuu-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/21\/waldhabdeen-mariin-furamuu-qaba\/","title":{"rendered":"Waldhabdeen Mariin Furamuu Qaba"},"content":{"rendered":"<p>Dhalli namaa bineensota biroo irraa kan adda ta\u2019u afaan ittiin walii galuufi mari\u2019atee rakkoo yookiin wal dhabdee gidduu isaa jiru furachuunidha. Namummaa dhugaanis miidhaa dhufuu malu dursanii itti yaaduun miidhaa sana hambisuuf beekumsaafi dandeettii qabanitti fayyadamanii walii galuudha.<br \/>\nTaa\u2019anii mari\u2019achuu dhabuun biyyootni garaa garummaa isaanii humnaan furachuu barbaadan hedduun isaanii lubbuu lammiilee balleessuufi qabeenya barbadeessuun godaannisa seenaa dhalootaaf dabarsan hedduudha.<\/p>\n<p>Biyya keenya keessatti rakkoo bulchinsa gaariifi gaaffii walqixxummaa lammiin biyya keenyaa qaban karaa mariin deebi\u2019uu otoo qabuu humnaafi hidhannoon deebisuuf sochiin taasifamaa ture abdii biyyattii kan ta\u2019an kichuu baay\u2019ee karaatti hambiseera. Qabsoon karaa hidhannootiin taasifamaa ture biyyattiin diinagdeen duubatti akka deebituufi dimokiraasin akka hin jiraanne taasise waan ta\u2019eef hidhannoon qabsaa\u2019uun barbaachisaa miti.<\/p>\n<p>Qabsoon hidhannootiin aangoo walharkaa fudhachuuf taasifamu lammiileen biyyattii lubbuu isaanii akka dhaban taasiseera. Walshakkiin sabaafi amantaa gidduutti akka uumamu gochuun tokkummaan biyyaalessaa akka laaffatuu taasisuun diinota Itoophiyaaf karaa saaqaa tureera. Qabsoon hidhannoo kan barri itti darbe kun yoo yeroon hin dhaabanne biyyaafi lammiin qabsaa\u2019aaf jedhan diinota biyyattiif dabarsee kennuu mala.<\/p>\n<p>Bakkeelee Itoophiyaa keessaa hidhannoon qabsaa\u2019aa jiran baruufi barsiisuun dhaabatee jira. Kun immoo dhalootni boru saba sana bakka bu\u2019ee fuulduratti tarkaanfachiisu akka hin jiraanne taasisaa jira. Namni hin baranne waa\u2019ee bilisummaa biyya isaa miti akkaataa itti jiraatu beekuun iyyuu ulfaataadha. Dhaloota baratee rakkoo waldhabdee mudatu furuu danda\u2019u uumuuf nagaanyaaf dursa kennuun lammiin akka baratan gochuun dirqamadha.<\/p>\n<p>Utubaa jiruufi jireenya biyya keenyaa kan ta\u2019e qonnaan bulaan sababa walwaraansa qaamolee hidhataniifi mootummaa gidduutti taasifamuun oomishaafi oomishtummaa isaa dhiisee baqataa ta\u2019eef, hirkattummaa wabii midhaan nyaataafi qaala\u2019insa jireenyaaf saaxilameera. Qabsoon lammiilee qe\u2019ee dhabeessaafi hirkattummaa taasisu yeroon itti yaadamuun dhaabachuun lammiileef dursa kennuun barbaachisaadha.<\/p>\n<p>Sababa waraanaan haadholiifi daa\u2019imman mana yaalaa dhabuun manatti miidhaan irra ga\u2019aa jiru inni ijoon walwaraansa keessootini.wal waraansa keessoofi hidhannoon qabsoon taasifamu lubbuu lammiilee galaafachuufi diinagdee biyyaa quucarsuun ala faayidaa biyyaaf hin qabu.<br \/>\nWaldhabdeefi garaa garummaan marii qofaan furamuu qaba. Waraanaan injifataafi injifatamaan hin jiru. Walwaraansa keessatti kan injifatau diinota Itoophiyaafi daldaltoota dhiigaa qofadha. Garaa garummaan yaadaa kamiyyuu mariifi marabbaan, elaafi elaameen furamuu qaba. Wayita biyyootni qarooman bineensota madaksanii waliigalanii waliin jiraataa jiranitti lammiileen biyya keenyaa, obboleessi obboleessa isaa waliin mari\u2019atee rakkoo isaa furachuu dhabuun salphina guddaadha. Qaamni hunduu biyyaaf jedha nageenyaaf dursa kennuun rakkoo jiru mariin furuu qabaan yaada keenyadha.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dhalli namaa bineensota biroo irraa kan adda ta\u2019u afaan ittiin walii galuufi mari\u2019atee rakkoo yookiin wal dhabdee gidduu isaa jiru furachuunidha. Namummaa dhugaanis miidhaa dhufuu malu dursanii itti yaaduun miidhaa sana hambisuuf beekumsaafi dandeettii qabanitti fayyadamanii walii galuudha. Taa\u2019anii mari\u2019achuu dhabuun biyyootni garaa garummaa isaanii humnaan furachuu barbaadan hedduun isaanii lubbuu lammiilee balleessuufi qabeenya barbadeessuun [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6237,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6236"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6236"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6236\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6238,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6236\/revisions\/6238"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6237"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6236"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6236"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6236"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}