{"id":6239,"date":"2026-08-21T10:55:23","date_gmt":"2026-08-21T10:55:23","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6239"},"modified":"2026-08-21T10:55:23","modified_gmt":"2026-08-21T10:55:23","slug":"teekinooloojii-kalaqaa-oomishaafi-oomishtummaa-dabale","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/21\/teekinooloojii-kalaqaa-oomishaafi-oomishtummaa-dabale\/","title":{"rendered":"Teekinooloojii Kalaqaa Oomishaafi Oomishtummaa Dabale"},"content":{"rendered":"<p>Jiruufi jireenya lammiilee biyya keenyaa dhibbeentaa 85 qonna irratti kan hundaa\u2019edha. Guddina diinagdee gama qonnaan mirkaneessuuf qonna ammayyeessuun barbaachisaadha. Mootummaan qonna ammayyeessuuf paakeejii qonnaa kan akka xaa\u2019oo fayyadamuu, sanyii filatamaafi qonna qotiyyoon gaggeeffamu gara tiraakteeraatti ceesisuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Aanaa Dawaa Caffaatti\u00a0 qonnaan bultoonni yeroo dheeraaf mala qonnaa aadaa irratti hundaa\u2019uun oomisha isaanii gaggeessaa turan. Teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaa fayyadamuun qonna aadaa irraa gara qonna ammayyaatti ce\u2019uun omishaafi oomishtummaa isaanii dabalaa jiru; yeroofi humna qusachuu, baasii hojii hir\u2019isuu akkasumas oomishaafi oomishtummaa guddisuuf carraa bal\u2019aa uumaa jira.<\/p>\n<p>Jiraataa Magaalaa Kamisee kan ta\u2019e dargaggoo Sa\u2019id Ahimad, rakkoo qonnaan bultoota hojii qonnaa keessatti isaan mudatu furuuf \u00a0hojii kalaqaa irratti bobba\u2019uun maashina lafa qotu kalaquun qonnaan bultoota fayyadamoo taasiseera. wantoota hojii kalaqaa kanaaf isa kakaasan keessaa tokko oomishni miidhaanii naannawaa hedduutti hanga yeroo ammaa bifa qonnaa aadaa jechuunis humna namaafi qotiyyoo irratti hundaa\u2019uun oomishamaa jiraachuu ta\u2019uu fi malli qonnaa aadaa jijjiirama yeroo ammaa waliin kan walsimu waan hin taaneef\u00a0 gara mala qonnaa ammayyaatti ce\u2019uun barbaachisaa ta\u2019uu ibseera. Kaayyoo kana irraa ka\u2019uunis maashina qonnaaf tajaajilu kalaquu isaas ibseera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eMaashina qonnaa kalaqame kana fayyadamuun oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuun akka danda\u2019amu Sa\u2019id Ahimad ibsaniiru. lafa qotiyyoon qotuun yeroo dheeraa kan fudhatu yoo ta\u2019u maashina kana fayyadamuun yeroo gabaabaa keessatti xumuruun akka danda&#8217;amuu ibseera. Lafa heektaara tokko qotiyyoon qotuuf guyyaa 3 hanga guyyaa 4tti yeroo fudhachuu danda\u2019a. Maashina qonnaa kana fayyadamuun garuu lafa heektaara tokko sa\u2019aatii 6 hanga 7 keessatti qotuun danda\u2019amuus hime.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e Qonnaan bultoonni qotiyyoo fayyadamuun hojii qonnaa gaggeessanii booda waggaa guutuu qotiyyoo kunuunsuuf\u00a0 yeroofi humna hedduu kan barbaadan yoo ta\u2019u, maashina kana fayyadamuun garuu yeroo gabaabaa keessatti hojii qonnaa xumuruun, yeroofi humna isaanii hojii galii biraa argamsiisuuf oolchuu akka danda\u2019an dargaggoo Sa\u2019id Ahimad ibse.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eDargaggoonni kun yeroo jalqabaaf maashina kana kalaquuf kan isa kakaase rakkoo maatii isaan furuuf ta\u2019uus, yeroo ammaa garuu kalaqni isaa qonnaan bultoota bal\u2019aa fayyaduu danda\u2019e jira. Maashinni kun hojii qonnaa saffisiisa, baasii fi humna namaa qusata. kana malees oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf carraa gaarii uuma.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eGara fuulduraattis deeggarsa mootummaa argachuun maashina qonnaa 17 qopheessuufi qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf qophii irra jiraachuu ;ammayyeessuu oomishaa fi oomishtummaa guddisuu akkasumas guddina diinagdee biyyaa keessatti gahee olaanaa qaba.<\/p>\n<p>\u200e Dargaggoonni biyya keenyaa rakkoolee hawaasummaafi diinagdee furuuf hojii kalaqaa irratti xiyyeeffachuu akka qabanis dhaameera.<\/p>\n<p>Akka dargaggoo Aanaa Dawaa Caffaa, Obbo Iisaa jedhanitti, qonna aadaa irraa gara qonna ammayyaatti ce\u2019uun oomishaafi oomishtummaa guddisuuf murteessaa dha. \u200eMaashinoota qonnaa, kanneen akka tiraakteeraa, maashinii sanyii facaastuu, kan midhaan haamuu, salphaafi bu\u2019a qabeessa taasisuun akka danda\u2019amu ibsan. Meeshaaleen kunneen yeroo gabaabaa keessatti lafa bal\u2019aa qopheessuufi hojii qonnaa sirnaan raawwachuuf gargaara jedhan.Qonna aadaa keessatti rakkoon yeroo fi humnaa guddaan jiraachuu kan ibse Iisaan, qonnaan bulaan lafa bal\u2019aa humna namaatiin qotuun yeroo dheeraa akka fudhatu himan. Teekinooloojiin qonnaa garuu hojii kana saffisa, baasiifi humna hojii hir\u2019isa; akkasumas yeroo gabaabaa keessatti lafa bal\u2019aa qopheessuun oomisha fooyya\u2019aa argamsiisuuf carraa gaarii uuma jedhan.<\/p>\n<p>Akka jiraataa Aanaa Dawaa Caffaa Obbo Mahaammad Yuusuuf jedhanitti ;Qonna keessatti meeshaalee teekinooloojii fayyadamuun oomishuufi mala aadaatiin oomishuu gidduutti garaagarummaan guddaan jira. Isaanis meeshaa qonnaa tiraakteraa bifa kalaqaatiin Dargaggoo Sa\u2019id Ahmed hojjetetti fayyadamuun qonna isaanii irraa bu\u2019aa gaarii argachaa jiraachuu himan.<br \/>\n\u200e Kanaan dura qotiyyoo fayyadamuun yeroo qonna hojjetan lafa hektaara walakkaa irraa kuntaala lama qofa argachaa turan; erga maashina qonnaa kalaqame kana fayyadamuun oomishuu eegalanii garuu lafa hektaara walakkaa irraa kuntaala 10 hanga 15tti oomisha argachaa jiraachuu ibsan. Kunis teeknooloojiin qonnaa keessatti fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsan.\u200e<br \/>\n\u200eMaashiniin tiraakteraa kun faayidaa adda addaa qabaachuu eeruun keessaa tokko lafa qotuufi lafa qotuu keessatti hojii qonnaa saffisiisuufi salphisuudha jedhan. Meeshaan kun yeroofi humna namaa qusachuuf kan gargaaruufi galii qonnaan bulaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsan.Yeroo qotiyyoo fayyadamuun lafa qotan waggaa guutuu qotiyyoo qonnaaf oolan kunuunsuun dirqama ture. Kunis baasiifi yeroo hedduu gaafata. Amma garuu maashina kana fayyadamuun qonna hojjechuu erga eegalee booda hojii qonnaa isaanii sa\u2019aatii afur keessatti xumuruun akka danda\u2019amu ibsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eItti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Dawaa Caffaa Obbo Nuuruu Muhammad oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf meeshaalee teekinooloojii qonnaa keessatti fayyadamuun faayidaa guddaa qabaachuu ibsan.\u200eAanaa Dawaa Caffaattis meeshaalee teekinooloojii qonnaa 10 karoorfamee keessaa 8 hojii irra oolchuun danda\u2019amuu himan. Meeshaaleen kunneen hojii qonnaa saffisa, humna namaa fi yeroo qusachuu bira darbee lafa bal\u2019aa yeroo gabaabaa keessatti qotuuf gahee olaanaa qabu jedhan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e \u200eQonnaan bultoonni\u00a0 paarsaantii 50 ol meeshaalee teekinooloojii fayyadamuun oomishaa jiraachuu eeruun meeshaaleen kunneenis qonnaan bultootaaf bifa gurmaa\u2019inaan akkasumas liqiidhaan akka dhiyaatan himan.Kana malees, dargaggoo Sa\u2019id Ahimad tiraaktara kalaqanii hojjechaa jiranitti qonnaan bultoonni fayyadamaa jiraachuu eeruun meeshaan kalaqame kun qonnaan bultoota bira gahee bal\u2019inaan akka itti fayyadamanif Waajjirri Qonnaa deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuus ibsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eGara fuulduraattis qonna aadaa irraa gara qonna ammayyaatti ceesisuuf meeshaalee teekinooloojii qonnaa babal\u2019isuun oomishaafi oomishtummaa guddisuu hojii qonnaa salphaa taasisuu, saffisaafi bu\u2019a qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon\u00a0 kennamee hojjetamaa jira.<\/p>\n<p>Geexee Gizaawutiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Jiruufi jireenya lammiilee biyya keenyaa dhibbeentaa 85 qonna irratti kan hundaa\u2019edha. Guddina diinagdee gama qonnaan mirkaneessuuf qonna ammayyeessuun barbaachisaadha. Mootummaan qonna ammayyeessuuf paakeejii qonnaa kan akka xaa\u2019oo fayyadamuu, sanyii filatamaafi qonna qotiyyoon gaggeeffamu gara tiraakteeraatti ceesisuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Aanaa Dawaa Caffaatti\u00a0 qonnaan bultoonni yeroo dheeraaf mala qonnaa aadaa irratti hundaa\u2019uun oomisha isaanii gaggeessaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6241,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6239"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6239"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6239\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6242,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6239\/revisions\/6242"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6241"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6239"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6239"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6239"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}