{"id":6246,"date":"2026-08-21T11:01:04","date_gmt":"2026-08-21T11:01:04","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6246"},"modified":"2026-08-21T11:01:04","modified_gmt":"2026-08-21T11:01:04","slug":"dhaddachii-kantiibaa-rakkoo-kenninsa-tajaajilaa-furaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/21\/dhaddachii-kantiibaa-rakkoo-kenninsa-tajaajilaa-furaa-jira\/","title":{"rendered":"Dhaddachii Kantiibaa Rakkoo Kenninsa  Tajaajilaa Furaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>Bulchiinsi gaariin kenninsa tajaajila mootummaafi mirga uummataa kabachiisuudha. Komiifi rakkoolee hawaasaa dhaggeeffachuun, rakkoo tajaajilaafi bulchiinsa gaarii fura. Yeroo amma kanas akka biyya keenyaatti dhaabbilee mootummaa keessatti kenninsa tajaajila mootummaa haqa qabeessa, si&#8217;ataafi ammayaa&#8217;aa taasisuun rakkooleen bulchiinsa gaarii furamaa jiru. Kaayyoo kana galmaan ga\u2019uuf Bulchiinsi Magaalaa Kamisee \u201cDhaddacha Kaantiibaa\u201d hundeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii uummata mudatan kallattiin dhaggeeffachuufi furmaata itti kennuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eKanaan dura hawaasni tajaajila mootummaa argachuuf waajjiraalee garaagaraa deddeebi\u2019uu, deebii argachuuf yeroo dheeraa eeguu, qaama dhimmi ilaallatu bira ga\u2019uuf rakkachuufi komii dhiyeeffatani furmaata dhabuun rakkoolee garagaraaf saaxilamaa turaniiru. Rakkoon kunis nama dhuunfaa qofa irratti dhiibbaa kan geessisu osoo hin taane, yeroo, humnaafi qabeenya uummataa qisaasessuu danda\u2019a. Rakkooleen bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf jiraattota Bulchiinsa Magaalaa Kamisee mudachaa ture kunis yeroo amma kana dhaddacha kantiibaan furmaata waaraa argachaa jira.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eObbo Hasan Mahaammad, jiraataa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, yoo ta&#8217;u rakkoon bulchiinsa gaarii isa mudatee ture, karaa dhaddacha Kantiibaan furmaata argate keessaa tokkodha. Kanaan dura rakkoo isaan muudateef yeroo wajjira deddeebi&#8217;anitti rakkoowwan garagaraaf saaxilamu kaasuun, wajjiratti deddeebi&#8217;uun dhaddachi Kantiibaa erga hundeeffamee rakkoolee bulchiinsa gaarii haala gaariin furameefi turuu dubbataniiru. Keessumaayyuu dhimmoonni rakkoo keenyaa dhimma gareeti kan jedhan abbaan dhimmaa kun, dhimmi isaanii kunis karaa dhaddacha kantiibaa yeroo gabaabaa keessaatti furamuufi dubbatan. \u201cSalphumatti kaantiibaa Magaalaa keenyaa waliin teenyee rakkoo keenya furachuu keenyaaaf hedduu gammadneerra\u201d jedhan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eJiraataa Magaalaa Kamisee kan biraa Obbo Muhaabbaa Sayid gamasaaniin, muuxannoon akkanaa kun Magaalaa keenyatti hundeeffamuun isaa rakkoon jiraattotaa haala salphaafi si&#8217;ataa ta&#8217;een akka furamuuf kan gargaaru ta&#8217;uu dubbataniiru. Rakkoon uummataa yeroo qaama dhimmi ilaallatu bira ga\u2019uufi sirnaan dhaggeeffatamu, furmaata argachuu akka danda\u2019u agarsiisas jedhan. Kanaan dura rakkoon bulchiinsa gaarii yeroo muudatu, namni tokko rakkoo isaa eenyutti akka himatuufi akkamiin komii isaanii akka itti dhiyeeffatan dhabuun rakkachaa turuu kaasan. Dhaddachi Kaantiibaa garuu karaa uummanni kallattiin rakkoo isaa itti dhiyeeffatu ta\u2019uun, qaamolee dhimmi ilaallatu walitti fiduun furmaata barbaaduu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachus ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAadde Sarkaalem Tasfaayee waajjira Kantiibaa Magaalaa Kamiseetti Koree Komi dhageettiiti. Dhaddachi Kantiibaa kan hundeeffame bara 2017 yoo ta&#8217;u, yericha irraa eegalee hanga ammaatti rakkoowwan abbaa dhimmaa 500 ol furamuu ibsaniiru. Rakkoo bulchiinsa gaarii furuuf hojii komiifi iyyannoo sirnaan keessummeessuun murteessaa ta&#8217;uu kaasuun, komiin uummataa yeroo dhufutti dhimmicha sirriitti hubachuun, ragaa barbaachisaa walitti qabuufi qaama dhimmi ilaallatu waamun dhaddacha Kantiibaaf kan dhiyeessan ta&#8217;uu dubbataniiru. Dhaddachi Kantiibaas kallattiin abba dhimmaafi waajjira abbaan dhimmaa komii itti dhiyeeffate walitti fiduun furmaata waaraa akka argatan kan taasisu ta\u2019uus ibsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAadde Sarkaalem itti dabaluun, namni tajaajila tokko argachuuf guyyaa hedduu waajjira keessa deddeebi\u2019u hojii isaa irraa hafuu, baasii dabalataaf saaxilamaa turuu kaasanii, kanaanis uummanni amantaa inni mootummaarraa qabu hir\u2019isaa turuu dubbatu. Yeroo ammaa dhaddachi Kantiibaa haala kana jijjiiruun, komii uummataa dhaggeeffachuu qofa osoo hin taane, sirna tajaajilaa fooyyessuufillee meeshaa bulchiinsaa gaarii ta\u2019uus yaada isaanii niif ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200e rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf dhaddacha kaantiibaa hundeessun murtoofi tarkaanfii sirrii ta&#8217;uu kan himan immoo Kantiibaa Magaalaa Kamisee Obbo Shaarif Qaasimi dha. Kunis hawaasni rakkoo bulchiinsa gaariin akka hin rakkanneefi yeroo barbaadetti kenna tajaajila mootummaa akka argatuuf kan gargaaru ta&#8217;uu ibsaniiru. &#8220;Anis gama kootiin taa&#8217;ee kallattiin komii hawaasaa dhaggeeffachuun rakkoo jiraattotaa hubachuuf carraan argadhe&#8221; jedhan. Hoggantoonni waajjiraalee damee garaagaraas dhimma isaan ilaallatu irratti deebii kennuuf waan dhufaniif, rakkooleen jiraattotaa kun haala salphaafi dhugaa irratti hunda&#8217;een furamaa jiraachuus ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eKunis itti gaafatamummaafi imaanaa uummanni isaanitti kenne sirnaan akka bahataniifi dirqama isaanii akka ta&#8217;e dubbataniiru. Kanaaf akka bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti, sirna hojii fooyyeessuu, itti gaafatamummaa cimsuu, hojjettoota leenjisuu, tajaajila dijitaalaa babal\u2019isuufi komii uummataa sirnaan hordofuu irratti xiyyeeffachuun hojii bal&#8217;aa hojjechaa jiraachuu kaasaniru.<br \/>\n\u200eKaantibaan kun akka jedhanitti, uummanni tajaajila mootummaa yeroo argatu mirga isaa beekuu, seera kabajuu, ragaa barbaachisaa qabachuufi rakkoon yoo mudate qaama dhimmi ilaallatu beeksisuun dirqama isaanii ta&#8217;uu hubachuu akka qaban yaaddachiisaniiru.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Bulchiinsi gaariin kenninsa tajaajila mootummaafi mirga uummataa kabachiisuudha. Komiifi rakkoolee hawaasaa dhaggeeffachuun, rakkoo tajaajilaafi bulchiinsa gaarii fura. Yeroo amma kanas akka biyya keenyaatti dhaabbilee mootummaa keessatti kenninsa tajaajila mootummaa haqa qabeessa, si&#8217;ataafi ammayaa&#8217;aa taasisuun rakkooleen bulchiinsa gaarii furamaa jiru. Kaayyoo kana galmaan ga\u2019uuf Bulchiinsi Magaalaa Kamisee \u201cDhaddacha Kaantiibaa\u201d hundeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii uummata mudatan kallattiin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6247,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6246"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6246"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6246\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6248,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6246\/revisions\/6248"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6247"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6246"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6246"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6246"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}