{"id":6249,"date":"2026-08-21T11:03:35","date_gmt":"2026-08-21T11:03:35","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6249"},"modified":"2026-08-21T11:03:35","modified_gmt":"2026-08-21T11:03:35","slug":"galmee-barattootaa-baruufi-barsiisuu-milkeessuuf","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/08\/21\/galmee-barattootaa-baruufi-barsiisuu-milkeessuuf\/","title":{"rendered":"Galmee Barattootaa Baruufi Barsiisuu Milkeessuuf"},"content":{"rendered":"<p>Adeemsa baruu fi barsiisuu bu\u2019a qabeessa, qulqulluu fi sirnaan gaggeessuuf galmeen barattootaa gahee olaanaa qaba. Bara barnootaa haaraa keessatti galmee barattootaa yeroo isaa eeggate, sirriifi qulqullinaan gaggeessuun adeemsa baruufi barsiisuu milkeessuu keessatti gahee ol-aanaa qaba. Bulchiinsa Sablammii Oromoo Aanaa Dawwaa Caffaatti hojii galmee barattootaa sirrii, qulqulluufi qindaa\u2019aa ta\u2019e gaggeessuuf \u200eqophiin taasifamaa jira.<\/p>\n<p>Injineer Muhee Umar jiraataa Aanaa Dawwee Harawaati;barumsi hundee guddinaafi qaroominaa waan ta\u2019eef, namni tokko jireenya isaa keessatti barnootaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu gorsa. kanaan dura barnoota argachuuf haalli mijataan hin turre fedhii ofiitiin barachuufis rakkinoota hedduutu jira.kana yoon jedhu manni barumsa gahan hin jiru,miila ofiitiin karaa dheeraa deemuun barachuun dirqama jedhuun rakkoo manni barumsaa dhiyoon isaanitti dhiyaatu dhabuu ibsa..<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBarumsi daangaa wallaalummaa fageessuun beekumsa namaa dagaagsa. Barnoonni ifa jireenyaa ta\u2019ee namaaf mirgaafi dirqama isaa beekuu, dandeettii yaaduufi waliigaltee uumuu, dubbisee hubachuu akkasumas jireenya gaarii jiraachuuf beekumsaafi dandeettii barbaachisaa ta\u2019e horachuuf gargaara. Namni hin baranne ammoo carraafi dandeettiiwwan hedduu irraa fagaachuu danda\u2019a jedhan.Fakkeenya biyya keenyaa kaasuunis, Dr. Suwaaliin fedhii fi kaka\u2019umsa barnootaaf qaban irraa ka\u2019uun mana isaanii irraa gara mana barumsaa kiilomeetira lama ta\u2019u miilaan deemuun barachaa turuu isaanii himan. Yeroo ammaa kana ammoo beekumsa argatanitti fayyadamuun ofii isaanii caalaa biyya isaanii tajaajilaa jiraachuu ibsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eDabalataanis, barachuun qaroomina; barachuu dhabuun ammoo duubatti hafummaafi wallaalummaa akka ta\u2019e kan hubachiisan Injiinar Muhee Umar dargaggoonni biyya keenyaa bashannanaaf yeroo isaanii qisaasessuu dhiisanii barnootaaf dursa kennuu qabu jedhan.Barnoonni bu\u2019uura jireenya nama dhuunfaa, guddina hawaasaafi dagaagina biyyaatis jechuun ibsaniiruu.<\/p>\n<p>Obbo Nuuraa Huseen jiraataa Aanaa Dawwaa Caffaa Ganda Shakiilaati, Kanaan dura galmeen barattootaa yeroo dheeraa fudhatee hanga fulbaana gara dhumaatti itti fufa ture; Amma garuu galmeen barattootaa guyyaa tokkotti wal fakkaataan raawwatamuun isaa jijjiirama gaarii fi hojii barnootaa keessatti faayidaa guddaa qabas jedhan.Ijoolleen \u00a0umuriin isaanii barnootaaf ga\u2019e hundi gara mana barumsaa dhaqanii akka galmaa\u2019an gochuun Maatii irraa eegama. Keessumaa barataan mana barumsaa irraa hafee yookiin\u00a0 barnoota isaa addaan kute yoo jiraate galmee sirrii qabaachuun sababa rakkoo isaa saffisaan adda baasuun maatiifi hawaasa waliin qindaa\u2019anii gara barnootaatti deebisuuf carraa gaarii uumas jechuun ibsaniiruu.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e\u200eObbo Nuuraan akka ibsanitti;Galmeen barattootaa hojii mana barumsaa qofa osoo hin taane itti-gaafatamummaa maatii fi hawaasaas ni dabalata. Hawaasni galmee barattootaa\u00a0 qulqulluu ta\u2019eef tumsa kennuun\u00a0 ijoolleen isaanii barnoota isaanii akka hordofan mirkaneessuufi mana barumsaa waliin qindaa\u2019uun qulqullina barnootaafi bu\u2019aa barattootaa fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa qabas jechuun kaasaniiru.<\/p>\n<p>Galmeen barattootaa bu\u2019uura adeemsa baruufi barsiisuu milkeessuudha kan jedhan immoo Barsiisaa Mana Barumsaa Shakilaa Mahaammad Indirisidha.Galmee sirriifi qindaa\u2019aa qabaachuun barsiisaa tokkoof haala barattoota isaa sirriitti beekuu, sadarkaa barnootaa isaanii hordofuu fi rakkoolee barnootaa isaan mudatan yeroo isaatti adda baasuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.<br \/>\n\u200e<br \/>\nItti Gaafatamaan Mana Barumsaa Shakiilaa Sadarkaa tokkoffaa Obbo Sisaay Margaa akka jedhanitti; galmee barattootaa sirnaan qopheessuun adeemsa baruu fi barsiisuu milkeessuuf murteessaa dha. Kanaaf mana barumsichaatti galmee barattootaa bara 2019 eegaluuf ragaan barattootaa maqaa isaanii waliin qindaa\u2019uun boordii Mana Barumsaa waliin ta\u2019uun, ragaa aanaan gadi buuse irratti hundaa\u2019uun hojii galmee gaggeessuuf qophii irra jira jedhan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eHojii galmee bara kanaa bu\u2019a qabeessa taasisuuf karoora bara darbee irraa muuxannoo fudhachuun qophii duraa taasisaa akka jiran ibsan.Bara 2018 barattoota kuma tokkoofi 359 galmeessuuf karoorfatanii lakkoofsa karoorfamee olitti galmeessuu danda\u2019uu himan; hojii bara darbee haala gaariin xumuruun bara kana immoo barattoota Kuma tokkoofi 494 galmeessuuf karoorfatanii lakkoofsa karoorichaa olitti galmeessuuf hojiiwwan gara garaa hojjechaa jiraachuu ibsan.Haa ta\u2019u malee, barattoonni sababoota adda addaatiin barnoota isaanii addaan kutan jiraachuu isaanii eeruun Sababoota barnoota addaan kutan keessaa fedhii barnootaa dhabuu, gara biyya alaa godaanuu, heeruma, rakkoo fayyaafi rakkoo maatii kanneen ijoo ta\u2019uu ibsaniiru; barattoota 25 sababoota adda addaatiin barnoota isaanii addaan kutan adda baasuun hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.<br \/>\n\u200e\u200e<br \/>\n\u200eMana barumsichaa keessatti dareewwan barnootaa 24 waan jiraniif tokkoon tokkoon daree keessatti barsiisaan barbaachisu argamuun murteessaa ta\u2019uu ibsuun; \u200e hawaasni guyyaa galmee barattootaa ijoollee isaa qabatee gara mana barumsaa dhufuun mana barumsaa cinaa dhaabbatee hojii galmee kan\u00a0 milkeessuu keessatti gahee isaa akka bahus dhaamaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanaa Dawaa Caffaa Obbo Abduu Arraagaawu\u00a0 adeemsa baruufi barsiisuu bu\u2019a qabeessa taasisuuf galmee barattootaa sirnaan, qulqullinaaniifi yeroo isaa eeggatee gaggeessuun murteessaa ta\u2019uu ibsanii. Bara darbe adeemsi baruufi barsiisuu haala gaariin xumuramuu himuun bara barnootaa haaraa kanaafis qophiin duraa barbaachisaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>\u200eAanaa Dawaa Caffaa keessatti manneen barnootaa 67 kan jiran yoo ta\u2019u, sadarkaa 1ffaa 60, sadarkaa 2ffaa 5fi\u00a0 manneen barnootaa oolmaa daa\u2019immanii 2 jira.\u00a0Barattoota kuma soddomii torbaafi 988 galmeessanii barsiisuuf karoorfachuus ibsaniiru. Galmeen barattootaa baay\u2019ina barattootaa beekuu qofaaf osoo hin taane\u00a0 baay\u2019ina barsiisotaa, dareewwan, teessoo, meeshaalee barnootaafi tajaajiloota barbaachisan dursee qopheessuufi qabeenya sirnaan ramaduuf bu\u2019uura guddadhas jedhan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eDabalataanis sirna dijitaalaafi tekinooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuun odeeffannoo barattootaa qindeessuu, hordofuufi walitti dabarsuu irratti hojii hojjetaa jiraachuu himan. Barsiisaa irraa kaasee hanga mana barumsaa, suupervaayizaraafi qajeelcha barnootaatti odeeffannoon barattootaa karaa sirna teekinooloojii hordofamaa jiraachuus dubbataniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\nAkka Itti Gaafatamaan qindeessaa kutaa qophii karooraafi ragaa Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo Obbo Ahimad Abduu jedhanitti \u200e barattoota kuma dhibba tokkoofi kuma sagaltamii afuriifi 858 galmeessuuf karoorfachuufi barnoota ga\u2019eessotaatiifis barattootaa kuma soddomii tokkoofi 26 galmeessuuf karoorfamee jiraachuu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eGalmeen barattootaa mana barumsaa, maatii fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti odeeffannoo sirrii qooduun itti-gaafatamummaafi iftoomina cimsuufis kan gargaaru dha. Kanaaf\u00a0 galmee barattootaa sirnaan qopheessuu, qulqullinaan qabachuufi yeroon galmeessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuufi adeemsa baruufi barsiisuu bu\u2019a qabeessa taasisuuf murteessaa dha.<\/p>\n<p>Geexee Gizaawutiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Adeemsa baruu fi barsiisuu bu\u2019a qabeessa, qulqulluu fi sirnaan gaggeessuuf galmeen barattootaa gahee olaanaa qaba. Bara barnootaa haaraa keessatti galmee barattootaa yeroo isaa eeggate, sirriifi qulqullinaan gaggeessuun adeemsa baruufi barsiisuu milkeessuu keessatti gahee ol-aanaa qaba. Bulchiinsa Sablammii Oromoo Aanaa Dawwaa Caffaatti hojii galmee barattootaa sirrii, qulqulluufi qindaa\u2019aa ta\u2019e gaggeessuuf \u200eqophiin taasifamaa jira. Injineer Muhee Umar [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6250,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6249"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6249"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6249\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6251,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6249\/revisions\/6251"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6250"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6249"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6249"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6249"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}