{"id":6267,"date":"2026-09-05T15:09:38","date_gmt":"2026-09-05T15:09:38","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6267"},"modified":"2026-09-05T15:09:38","modified_gmt":"2026-09-05T15:09:38","slug":"uummanni-gareewwan-finxaaleyyii-hadheeffatee-balaaleffateera","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/09\/05\/uummanni-gareewwan-finxaaleyyii-hadheeffatee-balaaleffateera\/","title":{"rendered":"\u201cUummanni Gareewwan Finxaaleyyii Hadheeffatee Balaaleffateera\u201d"},"content":{"rendered":"<p>Waltajjiin gamaggama raawwii hojiiwwan paartiifi mootummaa bara baajataa 2018fi hubannoon karoora bara baajataa 2019 hoggantoota olaanoofi giddu-galeessaa Naannoo Amaaraan gaggeeffame.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eWaltajjii kanarratti argamuun ergaa kan dabarsan Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti gaafatamaan Qindeessaa Wiirtuu Ijaarsa Sirna Dimokiraasiifi Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa, Obbo Adam Faaraah, Uummanni Naannoo Amaaraa tokkummaa biyyaatiif, kabaja sirna mootummaatiifi ijaarsa biyyaatiif aarsaa kaffalaa kan tureefi ammas kaffalaa kan jiru ta&#8217;u ibsaniiru. Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu naannicha cimee itti fufuu kan dubbatan Obbo Adam, nageenya waaraa naannichaa mirkaneessuuf haala jiru gamaggamuufi odeeffannoo irratti hundaa&#8217;uun hojii seera kabachiisuu hojjechuun barbaachisaa ta&#8217;uu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBulchaan Olaanaa Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadee, rakkoo nageenyaa naannichaa karaa itti fufiinsa qabuun furuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta\u2019uu hubachiisaniiru.<br \/>\n\u200eGodinoonni qindoominaan yoo hojjetan, sochiifi badii gareewwan finxaaleeyyii dhaabuun akka danda\u2019amu ibsaniiru. Itti dabaluunis,\u201cUummanni gareewwan finxaaleeyyii jibbaan balaaleffateera; humna uummataa kana sirnaan fayyadamuun barbaachisaadha\u201d jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200ePirojektoonni mootummaa federaalaafi mootummaa naannichaatiin jalqabaman bu\u2019a qabeessa ta\u2019anii akka raawwatamaniif, nageenya mirkaneessuun barbaachisaa ta\u2019uu kan kaasan Obbo Araggaan, rakkoo nageenyaa furuun pirojaktoonni jalqabaman akka xumuramaniif hojjetamaa jiraachuus himan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eWaltajjii kanarrattis hojiiwwan dameewwan misoomaa garagaraatiin bara baajataa 2018 keessa hojjetamaa turan gamaggamameera. Itti gaafatamaan Biiroo Magaalaafi Bu&#8217;uuraalee misoomaa Naannoo Amaaraa, Mollaa Malkaamuu (Dr), bara baajataa 2018 hojiiwwan misooma koriidarii bal\u2019inaan magaalaa gurguddoo naannichaatti hojjetamuu ibsaniiru. Pirojektoonni bu\u2019uuraalee misoomaa idilee dhibbeentaa 95 xumuramuu kaasaniiru. Rakkoo mana jireenyaa hawaasaa furuuf lafa heektaara 150 magaalota 18 keessatti qophaa\u2019e irratti gama mootummaan, dhuunfaan, mana waliiniifi waldaalee hojii gamtaan saffisaan manneen kuma dhibba tokkoofi kuma sadddeetii ol ijaaramuu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eItti Gaafatamaan Biiroo Maallaqaa Naannoo Amaaraa, Obbo Attaalaay Xilaahuun, raawwiin bara baajataa 2018 kan bara darbee caalaa galmaa&#8217;uu ibsaniiru. Haalli nageenyaa naannichaa galii yaadame walitti qabuurratti gufuu ta\u2019us, dhaabbileen qormaata mudate irra aanuun galii sassaabuu danda\u2019uu isaanii eeraniiru. Bara baajataa 2018&#8217;tti waliigalteewwan tumsa dhaabbilee adda addaa waliin taasifameen mootummaa naannichaaf tilmaamaan birrii biiliyoona kudha saddeet galii ta\u2019uu kan ibsan itti-gaafatamichi, dhiheessiin faayinaansii misoomaa baajata mootummaa qofaan galma gahuu waan hin dandeenyeef bara baajataa darbetti birrii biiliyoona digdamii shan uummata irraa walitti qabamuun danda&#8217;uu ibsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eSadarkaa Ittaanaa Bulchaa Olaanaatti Qondeessituun Damee Hawaasummaa, Mulunash Dassee (Dr), qormaanni jiraatus, misoomaafi nageenya uummata naannichaa mirkaneessuuf hojiin bu\u2019a qabeessa ta\u2019e raawwatamuu ibsaniiru. Keessattuu hojiin dhaqqabummaa kenniinsa tajaajilaafi qulqullina guddisuu hojjetameera jedhan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eItti Gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Obbo Darajjee Maandafiroo, guddina oomisha waliigalaa biyyaa keessaa, naannichatti galmaa&#8217;e keessa dhibbeentaa 7.9 keessaa gaheen damee qonnaa dhibbeentaa 5.5 ol ta\u2019uu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\nSirna bulchiinsa lafaa baadiyyaafi magaalaa ammayyeessuu, akkasumas odeeffannoo lafaa karaa dijitaalaa gurmeessuu irratti bu\u2019aa gaarii galmaa&#8217;uu kan kaasan immoo Itti gaafatamaa Biiroo Lafaa Naannoo Amaaraa, Obbo Sisaay Daamxeeti. Kunis tajaajila saffisaa, iftoominaafi haqa qabeessa ta\u2019e uummataaf dhaqqabamaa gochuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Abbootiifi haadholii maatii hedduuf ragaa Kaadaastariifi ragaa abbaa qabiyyee lafaa kennuun, mirga lammiileen lafarratti qaban mirga abbummaafi itti fayyadama lafaa seeraan mirkaneessuun akka danda\u2019ame eeraniiru.<br \/>\n\u200eDameen Miidiyaafi Kominikeeshinii nageenyaafi misoomni naannichaa akka mirkanaa\u2019uuf gahee isaa bahachaa turuu kan ibsan immoo itti gaafatamaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Amaaraa, obbo Abbaay Mangisteeti.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Waltajjiin gamaggama raawwii hojiiwwan paartiifi mootummaa bara baajataa 2018fi hubannoon karoora bara baajataa 2019 hoggantoota olaanoofi giddu-galeessaa Naannoo Amaaraan gaggeeffame. \u200e \u200eWaltajjii kanarratti argamuun ergaa kan dabarsan Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti gaafatamaan Qindeessaa Wiirtuu Ijaarsa Sirna Dimokiraasiifi Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa, Obbo Adam Faaraah, Uummanni Naannoo Amaaraa tokkummaa biyyaatiif, kabaja sirna mootummaatiifi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49,1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6267"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6267"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6267\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6270,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6267\/revisions\/6270"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6267"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6267"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6267"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}