{"id":6280,"date":"2026-09-05T15:26:10","date_gmt":"2026-09-05T15:26:10","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6280"},"modified":"2026-09-05T15:26:10","modified_gmt":"2026-09-05T15:26:10","slug":"miidhaa-ilbiisotni-farra-midhaanii-dhaqqabsiisan-dursanii-ittisuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/09\/05\/miidhaa-ilbiisotni-farra-midhaanii-dhaqqabsiisan-dursanii-ittisuu\/","title":{"rendered":"Miidhaa Ilbiisotni Farra Midhaanii Dhaqqabsiisan Dursanii Ittisuu"},"content":{"rendered":"<p>Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa irratti gufuu ta\u2019an keessaa ilbiisotni isaan ijoodha. Ilbiisota oomisha qonnaa irratti miidhaa geessisan adda baasuun tarkaanfiiwwan ittisaa barbaachisan saffisaan fudhachuun, oomishni qonnaa akka hin hir\u2019anneef gahee olaanaa qaba.<br \/>\n\u200eAanaa Jiilee Dhummuugaa keessatti waggoota 6 darbanii asitti ilbiisotni oomisha qonnaa irratti miidhaa geessisaa jiru. Ilbiisota farra midhaanii bakka isaan itti wal horan adda baasuun\u00a0 ,akka walhin horre taasisuufi yoo kan humna isaanii ol ta\u2019e,ogeessota qonnaa beeksisuufi gorsa ogeessaa argame hojiirra oolchuun oomisha qonnaa balaa ilbiisootaa irraa baraaruun barbaachisaadha.\u200e<br \/>\n\u200eJiraata Aanaa Jiilee Dhummuugaa Ganda Garbii Dirree Galmaa Obbo Mahammad Aliyyii, Ilbiisotni oomishaa Qonnaa isaanii irratti miidhaa geessisaa turuu himan. Midhaan ooyiruu irratti biqilee guddachaa wayita jirutti \u00a0ilbiisotni akka simbirroo girriisaa,\u00a0 awwaannisaafi korophiisaa baala, daraaraafi firii midhaanii irratti miidhaa geessisuun oomisha hir\u2019isaa turuu himan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBalaa ilbiisootattiin baroota hedduu oomishni isaanii jalaa baduun beelaaf saaxilamaa akka turan kan himan Obbo Mahaammad, miidhaan kiiloogiraama 50 qarshii kuma afuriifi isaa oliin bituun maatii isaanii jiraachisuu ibsan. Ilbiisotni bakka isaan itti mul\u2019atan adda baasuun ittisuun\u00a0 barbaachisaa ta\u2019uus himan.\u00a0 Tarkaanfiiwwan ittisaafi to\u2019annoo ilbiisotaa dafee yoo fudhatame, miidhaa ilbiisotni oomisha qonnaa irraan gahan baraaruun, oomishaafi oomishtummaa guddisuu akka danda\u2019amus yaada isaanii ibsan.\u200e<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e Obbo Abdallaa Muusaa Itti Gaafatamaan Wajjira Qonnaa Aanaa Jillee Dhummuugaati, Simbirroo girriisaa, hooma awwaannisaafi geerriin oomishaafi oomishtummaa qonnaa akkasumas lafa marga beeyladaa irratti miidhaa geessisu. Kanaaf ilbiisota kana dursanii sakatta\u2019uu adda baasuufi to\u2019achuuf qaama mootummaa federaalaa irraa eegalee hanga aanaatti hojiiwwan qindaa\u2019aan gaggeeffamaa jirachuus ibsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eFarreen oomishaafi oomishtummaa kan ta\u2019an ilbiisota farra midhaanii adda baasuun keemikaala farra ilbiisotaa itti biifuun dhabamsiisuuf hojjetamaa jira. \u00a0Keessumaa gandoota Aanaa Jillee Dhummuugaa, Aanota olla Aanaa Jiilee Dhummuugaa kan akka Qawaatiifi Affaar waliin daangaa qaban kanneen akka Ganda Baalcii, Wasan Qurqur, Muxxee Faaca\u2019aa, Goodaa, Gaanga\u2019aa, Warra Leencaafi Garbii keessatti hawaasaafi ogeessota qonnaa waliin qindoominaan hojii cimaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAanaa Qawaatiifi Naannoo Affaar waliin karoora waloo baafachuun ilbiisota oomisha qonnaafi lafa marga beeyladaa miidhan dursanii sakatta\u2019uu, bakka isaan mul\u2019atanitti to\u2019annoo barbaachisaa taasisuufi babal\u2019ina isaanii ittisuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira. Keessumaa hoomaan awwaannisaa AanaaAddaleelaatti wal horuun miidhaa geessisuufi Aanaa Qawaat keessatti simbirroo girrisaan wal horuun midhaan irratti miidhaa geessisuu waan ta\u2019eef, \u00a0qonnaan bultootni kana hubachuun osoo isaan wal hin horiin dursanii to\u2019achuuf, aanaalee ollaa waliin qindoominaan hojjechaa jiru.<\/p>\n<p>\u200e Qonnaan bultoonni simbirroo girrisaafi hoomaa awwaannisaa ofirraa ittisuuf sagalee adda addaa dhageessisuufi ooyiruu keessaa \u00a0ari\u2019uuf mala aadaa gara garaa fayyadamaa turuu himaniiru. Haa ta\u2019u malee, jijjiiramni qilleensaa haala mijataa ilbiisotni itti walhoraniif uumuun\u00a0 oomishaafi oomishtummaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda\u2019us hubachiisaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eItti Gaafatamaan Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo Obbo Baahiluu Abbabaa, ilbiisootni oomishaafi oomishtummaa qonnaa irratti dhiibbaa geessisuun gufuu diinagdee ta\u2019anii jiru. Keessattuu ilbiisoonni akka geerrii, awwaannisaa, simbirroo girriisaafi kanneen biroo naannawicha keessatti mul\u2019achuun oomisha qonnaa irratti miidhaa geessisaa jiraachuu himan. Ilbiisoonni kunneen keessumaa waqtii gannaa haala mijataa argachuun walhoruun\u00a0 oomisha qonnaa irratti miidhaa guddaa geessisaa jiraachuus ibsan.<\/p>\n<p>\u200eIlbiisota Naannoo Affaar irraa gara Naannoo Amaaraatti socho\u2019uu miidhaan irra miidhaa geessisan adda baasuun to\u2019achuuf qaamolee dhimmi ilaallatuufi hawaasa naannoolee lamaan waliin ta\u2019uun hojiiwwan ittisaa raawwatamaa jiraachuu Obbo Baahiluun ibsaniiru. Hirmaannaa hawaasaafi walitti dhufeenya hojii mootummaa naannolee lamaan gidduu jiru cimsuun, ilbiisota oomisha qonnaa irratti miidhaa geessisan dursanii adda baasuun odeeffannoo waliif kennuufi to\u2019achuuf qindoominaan hojjetamaa jira.<\/p>\n<p>\u200eIlbiisotni yeroon to\u2019atamuu yoo dhaban oomishaafi oomishtummaa qonnaa dhibbeentaa 30 hanga 40tti gadi buusuu danda\u2019u. Kanaaf qonnaan bultoonni yeroo ammaa oomisha isaanii sirnaan hordofuun ilbiisota farra midhaanii adda baasanii ogeessota qonnaa beeksisuufi gorsa ogeessotaa sirnaan hojii irra oolchuu qabus jedhan. Tarkaanfiin kun yeroo isaa eeggatee yoo fudhatame miidhaa ilbiisotni midhaan irraan gahan hir\u2019isuun oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddisuufi galii qonnaan bultootaa guddisuuf murteessaa ta\u2019uus himaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa irratti gufuu ta\u2019an keessaa ilbiisotni isaan ijoodha. Ilbiisota oomisha qonnaa irratti miidhaa geessisan adda baasuun tarkaanfiiwwan ittisaa barbaachisan saffisaan fudhachuun, oomishni qonnaa akka hin hir\u2019anneef gahee olaanaa qaba. \u200eAanaa Jiilee Dhummuugaa keessatti waggoota 6 darbanii asitti ilbiisotni oomisha qonnaa irratti miidhaa geessisaa jiru. Ilbiisota farra midhaanii bakka isaan itti wal horan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6280"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6280"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6280\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6282,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6280\/revisions\/6282"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6280"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6280"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6280"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}