{"id":6286,"date":"2026-09-05T15:32:42","date_gmt":"2026-09-05T15:32:42","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6286"},"modified":"2026-09-05T15:32:42","modified_gmt":"2026-09-05T15:32:42","slug":"dhukkuba-busaa-bahinsa-gannaatiin-walqabatee-mudatu-dursanii-ittisuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/09\/05\/dhukkuba-busaa-bahinsa-gannaatiin-walqabatee-mudatu-dursanii-ittisuu\/","title":{"rendered":"Dhukkuba Busaa Bahinsa Gannaatiin Walqabatee  Mudatu Dursanii Ittisuu"},"content":{"rendered":"<p>Dhukkubni busaa irra caalaa waqtii roobaafi roobni wayita bahu baay&#8217;inaan mudata. Sababni isaa roobni bishaan akka kuufamu gochuun, bookeen busaa akka wal horuuf haala mijeessa. Dhukkubichis nama qabuu kan danda&#8217;u karaa Bookee Busaa kana waan ta&#8217;eef, waqtii roobni caamutti dhukkubni kun ni hammaata. Dhukkuba busaa bahuu waqtii gannaan\u00a0 mudachuu malan dursani ittisuun miidhaa isaan hawaasa irraan ga\u2019an \u00a0xiqqeessuu keessatti qophiin ittisaa taasifamu murteessaa dha. Aanaa Arxummaa Fursiitti, dhukkuba busaa bahiinsa gannaan walqabatee mudachuu danda\u2019u dursanii ittisuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu qophii garaa garaa taasisaa jiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e Obbo Abrahaam Taqabbaa jiraataa Aanaa Arxummaa Fursii Ganda Caffaa Roobbiit kan ta\u2019an, bara darbe dhukkuba busaan qabamuun dhuukkubsachaa turuu isaanii irraan kan ka\u2019e, \u00a0rakkoon maatiin isaa irra gahaa turuu kaasuun, yeroo ammaa naannoo mana jireenyaa isaanii qulqulluu taasisuu, bishaan kuufame dhabamsiisuufi saaphanaa sireetti\u00a0 fayyadamuun fayyaa isaaniifi maatii isaanii dhukkubichaa irraa eegaa jiraachuu himaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eHawaasni karaa dhukkuubni busaa ittiin dardarbuufi maloota ittisa isaa sirriitti beekuun akkasumas gorsa ogeessota fayyaa fudhachuun balaa dhukkubichaan dhufu hir\u2019isuun murteessaa ta\u2019uus gorsan. Dhukkuba busaa waktii bahinsa gannaa mudachuu danda\u2019u dursanii ittisuuf hawaasni naannawaa isaa qulqulleessuun gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qabanis hubachiisan. Namni hundi naannoo isaa qulqulleessuu, bishaan kuufame dhabamsiisuufi maloota ittisaa walhormaata bookee busaa sirriitti fayyadamuun fayyaa ofiifi maatii isaa eeguuf gahee irraa eegamu bahachuu qabaas dhaaman.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAkka ogeettiin fayyaa Aanaa Arxummaa Fursii Ganda Caffaa Roobiit Aadde Faxumaa Abdallaa , dhukkubni busaa dhukkuba bookee busaatiin walqabatee nama irratti mul\u2019atu, keessumaa waktii gannaa haalli qilleensaa ho\u2019aafi jiidhina qabu uumamuun dhukkubni kun baay\u2019inaan mul\u2019achuu akka danda\u2019u ibsiteetti. Bookeen busaa bakka bishaan itti kuufamuufi bakkeewwan xuraa\u2019aa keessatti baay\u2019inaan wal horuu waan ta\u2019eef, bishaan kufamee bakka jiruu dhangalaasuu, balfa sirnaan bakka itti gatamutti gatuu,saaphaana sirree fayyadamuu,keemikaala farra bookee busaa biifuufi qulqullina naannoo sirnaan eeggachuun barbaachisaa ta&#8217;uu dubbatan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eYeroo dhukkubni busaa nama qabuttis mallattooleen akka qaamni ho\u2019uu, mataa dhukkubbiifi dadhabbii qaamaa namarratti mul\u2019achuu waan danda\u2019aniif, mallattoolee kanneen yoo ofirratti arge namni kamiyyuu mana yaalaa naannoo isaanii jiru deemuun akka yaalamu qabus dhaamaniiru. Wayita keemikaalli farra bookee busa \u00a0biifamu qajeelfama ogeessa fayyaa hordofuu akkasumas nama leenjiifi\u00a0 muuxannoo qabuun biifamuu akka qabu dubbataniiru. Gorsa ogeessa fayyaan ala keemikaala kana biifuun \u00a0fayyaa namaafi naannoo irratti dhiibbaa hamaa geessisuu akka danda\u2019us gorsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e Ogeessi Fayyaa\u00a0 Hospitaala Caffaa Roobiit kan ta\u2019an Obbo Salamoon Asnaaquu, Aaanaa Arxummaa Fursiitti\u00a0 dhukkuba \u00a0busaa bahinsa waqtii gannaa waliin walqabatee mudachuu danda\u2019un dursanii ittisuuf hawaasaafi ogeeyyii fayyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Odeeffannoo hawaasa irraa argamu irratti hundaa\u2019uun iddoowwan bookeen busaa itti wal- hortuufi bakka itti hammaachuu danda\u2019u adda baasuun tarkaanfiiwwan ittisaa hatattamaa fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru. Kana malees, hawaasni iddoowwan fagoo jiraatan tajaajila qorannoo dhiigaa, hubannoo fayyaafi of eeggannoo barbaachisaa akka taasisuuf ogeeyyiin fayyaa mana manarra deemuun hubannoo uumuufi deeggarsa barbaachisuu hunda taasisaa jiraachuu dubbataniiru;hojii tola-ooltummaa gannaa keessatti hirmaannaa hawaasaa cimsuun hospitaalaafi kilinikaalee baadiyyaa irratti argaman duulli deeggarsaa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. \u200e<br \/>\n\u200e<br \/>\nDhukkuboota bifa weeraraatiin waqtii bahinsa gannaa waliin walqabatee uumamuu danda\u2019an keessaa dhukkubni buusaa isa tokko ta\u2019uufi dhukkubicha dursanii ittisuuf karoora baasuun hojiiwwan ittisaafi hordoffii cimsuun hawaasaaf hubannoo kennuun hojjetamaa jiraachuu \u00a0kan himan immoo Itti Gaafatamaan Qajeelcha Fayyaa Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo Obbo Usmaan Aliyyiiti. Aanoolee rooba guddaa argatan kanneen akka Aanaa Jillee Dhummuugaafi Aanaa Dawwaa Caffaa keessatti jiidhinni lafaa dabaluun walhormanni bookee busaa akka uumamuuf haala mijataa uumuu waan danda\u2019uuf tarkaanfiiwwan ittisaa dursanii fudhachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiras jedhan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eIddoowwan bookeen busaa itti walhortu qulqulleessuu,bishaan kuufame bo\u2019oo baasuun dhabamsiisuu, hawaasaaf gorsa kennuufi ogeessota fayyaa qopheessuun bakka barbaachisaa ta\u2019etti deeggarsa akka taasisaniif qophii gahaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Hawaasni mallattoo dhukkuba buusaa yeroo ofirratti arge gara dhaabbata fayyaa deemuun qorannoofi yaala barbaachisaa argachuu akka qabuufi gorsa ogeessotni fayyaa kennan sirnaan hordofuu akka qabanis gorsaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dhukkubni busaa irra caalaa waqtii roobaafi roobni wayita bahu baay&#8217;inaan mudata. Sababni isaa roobni bishaan akka kuufamu gochuun, bookeen busaa akka wal horuuf haala mijeessa. Dhukkubichis nama qabuu kan danda&#8217;u karaa Bookee Busaa kana waan ta&#8217;eef, waqtii roobni caamutti dhukkubni kun ni hammaata. Dhukkuba busaa bahuu waqtii gannaan\u00a0 mudachuu malan dursani ittisuun miidhaa isaan hawaasa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6286"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6286"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6286\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6288,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6286\/revisions\/6288"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6286"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6286"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6286"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}