{"id":6289,"date":"2026-09-05T15:35:37","date_gmt":"2026-09-05T15:35:37","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6289"},"modified":"2026-09-05T15:35:37","modified_gmt":"2026-09-05T15:35:37","slug":"bilisummaa-yaadaafi-daangaa-seeraa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/09\/05\/bilisummaa-yaadaafi-daangaa-seeraa\/","title":{"rendered":"Bilisummaa Yaadaafi Daangaa Seeraa"},"content":{"rendered":"<p>Miidiyaaleen meeshaa tamsaasa odeeffannoofi walqunnamtii hawaasaa keessaa isa ijoodha. Miidiyaan odeeffannoo saffisaan dabarsuudhaan hawaasa walitti fiduu, hubannoo uumuufi sagalee uummataa dhageessisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Faayidaa kana cinaatti, karaa sirrii hin taaneen yoo itti fayyadaman, madda wal-dhabdeefi rakkoo hawaasaa ta\u2019uu danda\u2019a. Keessumaayyuu, karaa miidiyaan haasa&#8217;a jibbinsaa tamsaasuun wal shakkiifi rakkoo nageenyaa namoota dhuunfaa,\u00a0 gareewwan hawaasaa, saboota, sablammootaafi amantaa gidduutti uumuu danda&#8217;a.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAkka Heera mootummaa FDRI Keewwata 29 jalatti akka eerutti mirga yaada ofii walabaan ibsachuu, odeeffannoo barbaaduu argachuufi dabarsuu ni kabaja; akkasumas bilisummaa miidiyaa ni mirkaneessa. Haa ta\u2019u malee, mirgoonni kun seeraan daangeffamaniifi kabaja namootaa, nageenyaafi dhimmoota seeraan eeggaman waliin madaalamuu akka qabu labsiin kun ni mirkaneessa.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eJiraataa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa kan ta&#8217;e dargaggoo Iyyoob Addunyaa, mirgi yaada ofii bilisummaan ibsachuu akkuma jirutti ta&#8217;ee osoo jiruu, mirgoonni kunis seeraan daangeffamanii jiraachuu dubbata. Keessumaa dargaggoonni yeroo amma miidiyaa hawaasaa fayyadamuun haasaa jibbinsaa miidiyaa hawaasaa irratti qoodaa jiraachuu dubbata. Kanaaf hawaasa gidduutti haasaa jibbinsaa tamsaasuun\u00a0 wal dhabdeefi wal shakkii hawaasa gidduutti uumuu akka danda&#8217;u ibseera. Kanaaf namni kamiyyuu gochi kun yakka ta&#8217;uu isaafi seeran akka nama gaafachiisu hubachuu gochoota akkasii tamsaasuu akka dhaaban dhaamera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eYunivarsitii Wallaggaatti Itti Gaafatamaa Muummee gaazexeessumma ka ta\u2019an \u00a0Barsiisaa Sooressaa Sanyii akka jedhanitti, haasaan jibbinsaa odeeffannoo karaa midiyaa hawaasaafi\u00a0 ergawwan suursagaleefi barreeffamoota fayyadamuun itti hawaasa burjaajjessaan keessaa isa tokko ta&#8217;uu himu. Haasaan jibbinsaa kun immoo akka dhuunfaatti qofa osoo hin taane ,hawaasa keessaatti jibbinsa tamsaasuun nageenya, tasgabbii, wal amantaa hawaasaa, hawaasa garee gara garaatti qooduun ,sabaafi amantii akkasumas saalaafi garaagarummaa eenyummaa irratti hundaa&#8217;un kan inni babal&#8217;atudha jedhan. Kunimmoo loogiifi jibbinsa hawaasa gidduutti uumuu akka danda&#8217;u himaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eLabsiin heera mootummaa biyya keenyaa mirga yaadaa ofii bilisummaan ibsachuu kan eeyyamu yoo ta&#8217;u, kana jechuun namni tokko yaada isaa bilisummaan haa ibsatayyuu malee fallaa kanaan gareen haasaa jibbinsaa hawaasa gudduutti tamsaasu heera mootummaatiin akka adabsiisu dubbataniiru. Barsiisaa Soressaan akka jedhanitti, hawaasni dhimmoota haasaa jibbinsaa kana gadi fageenyaan akka hubataniif leenjiin kennamuu qabaachuu ibsanii, miidiyaan dhimmoota kana irratti hubannoo uumuu akka qabuufi haala kanaan uummanni haasaa jibbinsaa kana ofirraa ittisuu akka qaban dubbataniiru. Hawaasni odeeffannoo argatan osoo hin mirkaneeffatiin itti fayyadamuufi namaaf qooduu irraa akka of qusatanis gorsaniiru. Kana malees, mirkaneeffachuun itti fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru. Dhaabbileen miidiyaa karaa haqummaa qabuun tamsaasuu akka qaban kan eeran hayyuun miidiyaa kun, itti gaafatamummaafi ogummaa gaazexeessummaatiin qindeessanii tamsaasuu akka qaban dubbataniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eHaasaan jibbinsaa yaada nama dhuunfaa yookaan garee tokko sabummaa, amantii, sanyummaa, ilaalcha siyaasaa ykn eenyummaa isaa irratti hundaa\u2019uun jibba, loogii, diinummaa yookin miidhaan akka raawwatuuf tamsaasuu ta&#8217;uu kan ibsan immoo, Abbaa Alangaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Qalbeessaa Wiirtuuti. Ergaan kunimmoo sabummaa, amantii ykn ilaalcha siyaasaa irratti hundaa\u2019uun garee tokko garee biraa irraa fageessuu, shakkiifi jibba uummata gidduutti uumuu akka danda\u2019u eeraniiru. Bilisummaan yaada ofii ibsachuu jechuun mirga heeraan eegame ta\u2019us, mirgi kun daangaa qabaachuu dubbatu.<\/p>\n<p>Miidiyaalee hawaasaas ta&#8217;ee dhaabbileen miidiyaafi dhuunfaan mirga heera mootummaan isaaniif kenname ala bahanii, mirga nama biraa sarbuu, jibbaafi jeequmsa babal\u2019isuuf itti fayyadamuun yakkaan kan nama adabsiisu ta&#8217;uu ibsaniiru. Keessumaa miidiyaa hawaasaa irratti ergaan jibbinsaa saffisaan waan tamsa\u2019uuf, miidhaan isaa bal\u2019aa ta\u2019uu eeraniiru. Akka Heera FDRl keeyyata 29 irratti bilisummaa yaadaa ofii ibsachuufi bilisummaa miidiyaa kabajamuu kan ibsan Abbaan Alangaa kun, labsii 1185\/12 keeyyata 2 irratti haasa&#8217;a jibbinsaafi odeeffannoo sobaa tamsaasuun hidhaa cimaafi adabbii maallaqaa akka nama adabsiisu dubbataniiru. Keeyyata bilisummaa yaadaa kana dawoo godhachuun mirga namoota biroo sarbuu, jibba babal\u2019isuu ykn jeequmsa kakaasuun seeraan akka nama gaafachiisus ibsaniiru. Kanaaf, namni kamiyyuu yaada isaa yeroo ibsu itti-gaafatamummaafi daangaa seeraa beekuu akka qabu kaasaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\nHawaasnis gama isaatiin odeeffannoo osoo hin mirkaneessiin daddabarsuu irraa of qusachuu akka qabu kaasuun, keessumaa dargaggoonni miidiyaa hawaasaa itti-gaafatamummaan fayyadamuun, jibba osoo hin taane walhubannaa, jeequmsa osoo hin taane nagaa, qoqqoodinsa osoo hin taane tokkummaa babal\u2019isuu qabu jedhaniiru. Dhumarratti, qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi haasaa jibbinsaa ittisuuf gahee isaanii bahuuchuu akka qaban dhaamaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Miidiyaaleen meeshaa tamsaasa odeeffannoofi walqunnamtii hawaasaa keessaa isa ijoodha. Miidiyaan odeeffannoo saffisaan dabarsuudhaan hawaasa walitti fiduu, hubannoo uumuufi sagalee uummataa dhageessisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Faayidaa kana cinaatti, karaa sirrii hin taaneen yoo itti fayyadaman, madda wal-dhabdeefi rakkoo hawaasaa ta\u2019uu danda\u2019a. Keessumaayyuu, karaa miidiyaan haasa&#8217;a jibbinsaa tamsaasuun wal shakkiifi rakkoo nageenyaa namoota dhuunfaa,\u00a0 gareewwan hawaasaa, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6289"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6289"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6289\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6291,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6289\/revisions\/6291"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6289"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6289"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6289"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}