{"id":6292,"date":"2026-09-05T15:38:19","date_gmt":"2026-09-05T15:38:19","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6292"},"modified":"2026-09-05T15:38:19","modified_gmt":"2026-09-05T15:38:19","slug":"godaansa-irraa-gara-biyyaatti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/09\/05\/godaansa-irraa-gara-biyyaatti\/","title":{"rendered":"Godaansa Irraa Gara Biyyaatti"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan hundeessituu konfedereeshinii kubbaa miilaa afrikaa irra darbitee bara 1962 ALI tti waancaa afrikaa kaasuun ishee ni yaadatama . Gareen kubbaa Miilaa Itoophiyaa maqaa cimaa qaba ture. Maqaa cimaa kana itti fufsiisuu hin dandeenye.<br \/>\nRakkoon kubbaa Miilaa Itoophiyaa inni guddaan dhimmoota bu&#8217;uuraa irratti kan hin hojjetamne ta&#8217;uu yunivarsitii Goondaritti qorataafi barsiisaa saayinsii ispoortii kanta&#8217;an Obbo Addisaalam Mihirat kanaan dura gaazexaa Bakuurif\u00a0 yaada kennaniin ibsanii ture. Keessumaayyuu guddattoota irratti hojiin hojjetamaa ture gahaa akka hin taaneefi akkaadaamiiwwan kubbaa miilaa sadarkaa isaanii eeggatan jiraachuu dhabuun hulaagaa dameen kun gaafaturraa Itoophiyaan fagaattee akka turte ibsanii ture.<br \/>\nWaggoota shanan darban keessa istaadiyeemoonni Itoophiyaan qabdu safartuu hulaagaa waldaa kubbaa miilaa addunyaafi koonfedereeshinii kubbaa miilaa afrikaa gaafatu guutan jiraachuu dhabuu isaatiin gareen kubbaa Miillaa Itoophiyaa dirree ofiitiifi deeggartoota isaa duratti taphachuu hin dandeenye. Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa sababa kanaan dirree isaatiin alatti biyyoota akka Moorokoofi Maalaawwiitti akka taphatu dirqamuun isaa injifannoo akka hin arganneefi taphattoonni dirree ofiitti yeroo taphatan deeggartoota irraa deeggarsa haamileefi xiinsammuu akka dhaban isaan taasiseeraa.<\/p>\n<p>Garee fooyya&#8217;aafi biyya bakka bu&#8217;u ijaaruuf wiirtuu shaakalliifi dirree taphaa sadarkaa isaa eeggate hundeessuun kan wal nama gaafachiisuu miti. kanarraa ka&#8217;uun mootummaan damee kanaaf xiyyeeffannoo kenneen Istaadiyeemiin Idil Addunyaa Baahirdaar eeyyama CAF irraa argateen garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa waggaa shan booda yeroo jalqabaaf dirree ofiirratti deeggartoota ofii duratti akka taphatuufi godaansa irraa deebi&#8217;uu taasiseera. Taphni dirree ofiirratti taasifamu carraa hedduu akka qabuufi deeggaraa ofii duratti taphachuun deeggartoonnni akka taphataa 12ffaatti lakkawamu ogeessonni damichaa ni ibsu.<br \/>\nTaphni Waancaa Afrikaa 36ffaa ALA bara 2027tti adeemsifamuu qopheessummaa qinddoomina biyyoota baha afrikaa sadiin, Keeniyaa, Taanzaaniyaafi Ugaandaatiin gaggeeffama. Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaas tapha gulaallii taasifamuuf ramaddii 10ffaa jalatti biyyoota ramadaman Seenegaal, Moozaambikiifi Sudaan waliin ramadamtee jirti.<br \/>\nGaree kubbaa miilaa Biyyaalessaa Itoophiyaa tapha Waancaa Afrikaa Dorgommii bara 2027 gaggeeffamuuf Ramaddii 10ffaa jalatti kan argamu garichi baatii Fulbaanaa dhufu keessa taphoota gulaallii 2 taphachuuf qophii taasisaa jirachuu odeeffannoon federeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaarraa argame ni mul&#8217;isa<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan hundeessituu konfedereeshinii kubbaa miilaa afrikaa irra darbitee bara 1962 ALI tti waancaa afrikaa kaasuun ishee ni yaadatama . Gareen kubbaa Miilaa Itoophiyaa maqaa cimaa qaba ture. Maqaa cimaa kana itti fufsiisuu hin dandeenye. Rakkoon kubbaa Miilaa Itoophiyaa inni guddaan dhimmoota bu&#8217;uuraa irratti kan hin hojjetamne ta&#8217;uu yunivarsitii Goondaritti qorataafi barsiisaa saayinsii ispoortii kanta&#8217;an Obbo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6292"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6292"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6292\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6294,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6292\/revisions\/6294"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6292"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6292"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6292"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}