{"id":6299,"date":"2026-09-25T13:01:39","date_gmt":"2026-09-25T13:01:39","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6299"},"modified":"2026-09-25T13:01:39","modified_gmt":"2026-09-25T13:01:39","slug":"mootii-ayyaanotaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/09\/25\/mootii-ayyaanotaa\/","title":{"rendered":"Mootii Ayyaanotaa"},"content":{"rendered":"<p>Ayyaanni Masqalaa ayyaanota aadaafi amantii Itoophiyaa keessatti bakka olaanaa qaban keessaa isa tokkodha. Ayyaanni kunis waggaadhaan Fulbaana 17 haala hoo\u2019aan kabajama. Ayyaanichi seenaa, aadaa, duudhaafi eenyummaa uummatoota Itoophiyaa keessatti hidda gadi fagoo kan qabu yoo ta\u2019u, yeroo dheeraaf dhalootaa dhalootatti darbuun har\u2019as kabajamaa jira. Ayyaanni Masqalaa yeroo baay\u2019ee \u201cMootii Ayyaanotaa\u201d jedhamee kan beekamu yoo ta\u2019u, ayyaanichi qabeenya aadaa Itoophiyaa keessaa tokko ta\u2019uun bifa aadaa biyyattiin qabdu addunyaatti beeksisuuf gahee qaba.<br \/>\n\u200e<br \/>\nAyyaanni kun ce\u2019umsa dukkana gannaa irraa gara ifaafi booqaa birraatti darbuu, akkasumas yeroo quufaafi jalqabbii bara haaraa agarsiisa. Ayyaanni kun akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 2006\u2019tti hambaa kiliyaa addunyaa ta\u2019ee UNESCO\u2019n galmaheera. Ayyaanni Masqalaa gama fuullee biyyaa beeksisuufi hawwataa Turizimii harkisuuf haala mijataas uumera. Kanamalees, walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu irratti gahee hedduu qaba.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eDargaggoo Mararaa Warquu, jiraataa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeeti. Ayyaanni Masqalaa ayyaana ce\u2019umsa waqtii gannaa irraa booqaa birraatti taasifamu yoo ta\u2019u, waqtii lafti dhoqqee ture qooree, dacheen magariisaan uwwifamu, waqtii asheenni itti ga\u2019uudha waan ta\u2019eef uumama hundaaf mijataa ta\u2019uu ibsa. Dargaggoonnis ayyaana Masqalaaf jala bultii irraa eegaluun qophii garaagaraa akka taasisan dubbata. Keessumaa immoo, ayyaanni kun walitti dhufeenya hiriyootaa, maatii, ollaafi hawaasaa cimsuu keessatti gahee guddaa qaba. Dargaggoo Mararaan akka jedhetti, ayyaanni masqalaa dargaggootaaf yeroo addaafi yeroo dargaggoonni itti jaalallee isaanii waliin wal arganidha waan ta\u2019eef, ayyaanota biroo irraa addaa ta\u2019uu dubbata.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eJiraataa kan biraa, Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Bulchiinsa Gafarsaa Buraayyu, Obbo Joonsee Fufaa, akka jedhanitti, \u201cAyyaanni Masqalaa ayyaana amantii, aadaafi hawaasummaa keessatti hiika guddaa qabu keessaa isa tokko yoo ta\u2019u, akka naannoo keenyaatti waggaa waggaadhaan haala hoo\u2019aadhaan kabajama,\u201d jedhan. Ayyaanichis argamuu Fannoo yaadachuuf kan kabajamuu ta\u2019uu ibsuun, sirna kabaja ayyaanichaa keessatti xombora qabsiisuun, faarfannaafi sirboonni dhiichisuun kan kabajamudha jedhan. Kana malees, guyyichi guyyaa quufaa waan ta\u2019eef namnis, horiinis guyyicha akka garaa isaaniitti kan nyaataniifi dhugan ta\u2019uu kaasaniru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eJiraataan kun akka himanitti, ayyaanicha irrattis umurii, saala, afaaniifi sabummaan osoo wal hin qoodiin hawaasni bakka adda addaatii walitti dhufuun ayyaanicha waliin kabajuun, gammachuu waliif qooduun, maatiifi firoottan waliin yeroo dabarsuun walitti dhufeenya hawaasaa cimsuuf gumaachuus addeessan.<br \/>\nAyyaanni Masqalaa seenaafi hiika aadaa bal\u2019aa qabaachuu eeruun, yeroo itti hawaasni haala haaraa keessatti hojii isaa itti fufsiisu, abdiifi gammachuu haaraa itti horatu ta\u2019uu isaa hiika addaa akka qabaatu taasisuu kaasaniiru. Qabeenyi aadaa akkasii Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane, sadarkaa addunyaattis beekamtii argachuun isaa, seenaafi aadaa Itoophiyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eMahammad Ahmad, Waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Bulchiinsa Sablammii Oromootti Abbaa Adeemsa Kunuunsa Hambaati. Ayyaanni Masqalaa fuulleefi eenyummaa aadaa Itoophiyaa addunyaaf beeksisuuf carraa guddaa ta\u2019uu ibsaniiru. Sirni ayyaanichaa, uffannaan aadaa, faarfannaan, sochiin amantiifi sirna xombora gubuutiin waan kabajamuuf, daawwattootaaf muuxannoo adda addaa uumuun, maqaa Itoophiyaa akka bakka hawwata turizimii ta\u2019etti beeksisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.<br \/>\n\u200eAyyaana kanas hambaa killiyyaa addunyaa ta\u2019ee UNESCO\u2019tti galmeessuun, ayyaana Masqalaa hambaa aadaa Itoophiyaa addunyaa irratti dabaluuf, akkasumas marii aadaafi walhubannoo hawaasa garaagaraa cimsuuf carraa akka uumu ibsaniiru. Galmeen kun aadaafi duudhaa ayyaanichaa dhaloota har\u2019aafi dhaloota dhufuuf dabarsuuf, qorachuuf, beeksisuuf, akkasumas addunyaatti mul\u2019isuuf carraa bal\u2019aa uuma.<\/p>\n<p>Kanaaf, ayyaana kana eeguu, kunuunsuu, sirna isaa kabajuun dhaloota dhufuuf dabarsuu, akkasumas faayidaa isaa aadaafi turizimii waliin walqabatee itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru. Kunis hambaa Itoophiyaa tikfachuu qofa osoo hin taane, fuullee Itoophiyaa addunyaatti mul\u2019isuuf gahee qabaachuus dubbataniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBiiroo Aadaafi Turizimii Naannoo Oromiyaatti, ogeessa Sonawwan Aadaa, Obbo Bilisummaa Caalaa, akka jedhanitti, Ayyaanni Masqalaa qabeenya aadaa qofa osoo hin taane, maddoota hawwata turizimii keessaa tokko ta\u2019uun galii diinagdee uumuufi carraa hojii babal\u2019isuufis gahee qaba jedhaniiru. Keessumaa ayyaanicha haala qindaa\u2019aa ta\u2019een beeksisuun, iddoowwan ayyaanichi itti kabajamu daawwattootaaf mijataa gochuun, seenaafi hiika sirnoota isaa afaanota gara garaatiin ibsuun; akkasumas miidiyaa fayyadamuun fuullee Itoophiyaa addunyaatti beeksisuuf murteessaa ta\u2019uu himaniiru. Turistoonni biyya keessaafi alaa ayyaanicha daawwachuuf yeroo dhufan, aadaafi duudhaa hawaasa gara garaa beekuu qofa osoo hin taane, qabeenya uumamaafi seenaa Itoophiyaa biroo daawwachuuf carraa akka argatan ibsan. Kunis guddina damee turizimii fi diinagdee biyyattii keessatti gumaacha olaanaa qabaachuus kaasan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eObbo Bilisummaan akka jedhanitti, Ayyaanni Masqalaa qabeenya aadaa dhalootarraa dhaalame qofa osoo hin taane, qabeenya biyyaalessaa fuullee Itoophiyaa addunyaatti beeksisuu danda\u2019uudha. Sirna ayyaanichaa, duudhaa isaafi seenaa isaa sirnaan kunuunsuun, dhaloota itti aanutti dabarsuun, akkasumas haala ammayyaa fayyadamuun addunyaatti beeksisuun itti gaafatamummaa qaama tokkoo qofa osoo hin taane, mootummaa, ogeeyyii aadaafi turizimii, miidiyaafi hawaasa bal\u2019aa kan ilaallatuudha waan ta\u2019eef, gahe-qabeessonni hundi dammaqinaan fuullee biyya isaanii beeksisuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eDhuma irratti, \u201cAyyaana Masqalaa akka qabeenya aadaafi hawwata turizimii biyyaalessaatti ilaalanii eeguufi kunuunsuun barbaachisaadha,\u201d jedhan. Dhaloonni har\u2019aa hiika, seenaafi duudhaa ayyaanichaa sirriitti beekee dhaloota itti aanuuf dabarsuuf dirqama akka qabu himuun, kunis eenyummaafi seenaa Itoophiyaa tikfachuu qofa osoo hin taane, fuullee biyyattii addunyaatti beeksisuu, turistoota hawwachuufi damee turizimii babal\u2019isuuf bu\u2019uura cimaadha jedhaniiru.<br \/>\n\u200eMoosisaa Fufaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ayyaanni Masqalaa ayyaanota aadaafi amantii Itoophiyaa keessatti bakka olaanaa qaban keessaa isa tokkodha. Ayyaanni kunis waggaadhaan Fulbaana 17 haala hoo\u2019aan kabajama. Ayyaanichi seenaa, aadaa, duudhaafi eenyummaa uummatoota Itoophiyaa keessatti hidda gadi fagoo kan qabu yoo ta\u2019u, yeroo dheeraaf dhalootaa dhalootatti darbuun har\u2019as kabajamaa jira. Ayyaanni Masqalaa yeroo baay\u2019ee \u201cMootii Ayyaanotaa\u201d jedhamee kan beekamu yoo ta\u2019u, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6300,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"class_list":["post-6299","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","category-aadaafi-ogummaa"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6299","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6299"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6299\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6301,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6299\/revisions\/6301"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6300"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6299"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6299"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6299"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}