{"id":6302,"date":"2026-09-25T13:04:19","date_gmt":"2026-09-25T13:04:19","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6302"},"modified":"2026-09-25T13:04:19","modified_gmt":"2026-09-25T13:04:19","slug":"6302","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/09\/25\/6302\/","title":{"rendered":""},"content":{"rendered":"<p>Barumsi bu\u2019uura beekumsa, dandeettiifi jireenya fooyya\u2019aati. Adeemsa baruufi barsiisuu bu\u2019a qabeessa taasisuuf immoo barattoota, barsiisotaafi maatii gidduutti hariiroo gaarii, walhubannaafi qindoominni jiraachuun murteessaa dha. Aanaa Dawwee Harawaattis, qindoomina kana cimsuun rakkoolee barattootaa furuufi bu\u2019aa barnootaa fooyyeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.<\/p>\n<p>Barsiisaafi maatii barataa gidduutti hariiroo gaariifi\u00a0 walhubannaan yoo jiraate, barataan barnoota isaatti xiyyeeffannoo kennuun bu\u2019aa gaarii galmeessuuf kaka\u2019umsa guddaa argata. Kanaaf barattoonni barsiisotaafi maatii barattootaa\u00a0 waliin walitti dhufeenya gaarii uumuun, rakkoo barataa mudatu furuun baruufi barsiisuu milkeessuu ga&#8217;ee guddaa qaba.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e<br \/>\nBarsiisotaafi maatiin barattootaa hariiroo gaariifi walitti dhufeenya itti fufiinsa qabu qabaachuun adeemsa baruufi barsiisuu milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu,\u00a0 Aanaa Dawwee Harawwaatti Barataa Mana Barumsaa Booraa sadarkaa 1ffaa\u00a0 Aliyyii sayid nuuf ibse. Yeroo barnoota irratti rakkoon isa mudatu barsiisaan\u00a0 rakkoo isaa obsaan dhaggeeffachuun gorsa deeggarsa taasisuufiin barataa cimaa akka ta&#8217;uuf ga&#8217;ee qabaachuus ibse.<\/p>\n<p>\u200eBarumsi bu\u2019uura beekumsaafi qaroominaa waan ta\u2019eef, adeemsa baruufi barsiisuu bu\u2019a qabeessa taasisuuf hariiroo barattootaa, barsiisotaafi maatii gidduu jiru cimsuun murteessaa\u00a0 ta&#8217;uu yaada kan nuuf kennan jiraataa Aanaa Dawwee Harawwaa\u00a0 Ganda Booraa Obbo Sayid Ahimad dha. Kanaaf, maatiin yeroo hunda barsiisota waliin ta\u2019uun ijoollee isaanii duukaa bu\u2019uun adeemsa barnootaa isaanii hordofuufi rakkoo isaan mudatu irratti deeggarsa barbaachisaa taasisuun irraa eegama. Barsiisaanis barataa tokkoon tokkoon isaa sirriitti yoo hordofeefi walitti dhufeenya gaarii yoo qabatan rakkoo barataa mudatu yeroo isaa eeggatee adda baasuun furmaata saffisaa kennuu danda\u2019a. Akkasumas, maatiin ijoolleen isaanii mana barumsaa irraa maal akka baratanii galan yeroo yeroon gaafachuu, waan isaan baratan hordofuufi yeroo isaanii eessatti akka dabarsan?, maal irratti akka bobba\u2019an, beekuun gahee olaanaa qaba. Hordoffiifi deeggarsi maatii\u00a0 barataa itti-gaafatamummaa isaa guddisuufi adeemsa barnootaa isaa milkaa\u2019inaan akka itti fufuuf bu\u2019uura cimaa ta\u2019a jechuun ibsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eKana malees, maatiin milkaa\u2019ina barnoota ijoollee isaanii irratti xiyyeeffannoo kennuun, meeshaalee\u00a0 barnootaaf barbaachisaniifi huccuu dambii mana barumsaa guutuun deeggarsa barbaachisaa taasisuun irraa eegama. Koreen mana barnootaas odeeffannoofi hubannoo barbaachisaa ta\u2019e yeroo yeroon maatiif kennuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuufi barattoonni sadarkaa barnootaa isaanii irratti beekumsa gahaa akka horatan irratti xiyyeeffachuu yoo hojjetan bu&#8217;aan barbaadamu ni argama. Keessumaa, barattoonni\u00a0 barnootaa isaanii sirnaan baratanii bu\u2019aa gaarii akka galmeessan gochuuf qindoominni mootummaa, mana barumsaafi maatii gidduu jiru murteessaa ta\u2019uus Obbo Sa\u2019id Ahimad ibsaniiru.<\/p>\n<p>Adeemsa baruufi barsiisuu bu\u2019a qabeessaafi milkaa\u2019aa taasisuuf barattoota, barsiisotaafi maatii gidduutti hariiroo gaarii, walqunnamtii cimaafi itti fufiinsa qabu uumuuun murteessaa ta\u2019uu kan yaada isaanii nuuf qoodan, Itti Gaafatamaan Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Booraa Barsiisaa Jibril Usmaa\u2019aani. Barsiisaan barattoota isaa sirriitti hubachuun, dandeettii, fedhii, rakkoo isaanii hordofuun deeggarsa barbaachisaa taasisuu qaba;barattoonnis barsiisota isaanii waliin walitti dhufeenya gaarii uumanii wantoota isaanii hin galle irratti gaaffii gaafachuufi barnoota isaanii irratti dammaqinaan hirmaachuun barnootaa isaanii milkeessuuf ga&#8217;ee guddaa qaba.\u00a0 Maatiin gama isaaniitiin barnoota ijoollee isaanii keessatti qooda olaanaa waan qabaniif, waan mana barumsaa keessatti baratan, manattis akka irra deebi\u2019anii hojii manaa isaanii\u00a0 hojjetaniifi yeroo barnootaaf qabanitti sirnaan akka fayyadaman hordofuufi deeggaruu ga&#8217;ee dhaloota qaruu qaban bahachuun irra akka eegamus barsiisaan Jibril ni gorsu.<\/p>\n<p>\u200e Hariiroofi qindoominni maatii, barsiisaafi barataa gidduu jiru yoo cime, rakkooleen barattootaa yeroo isaa eeggatee adda baafamuun furmaata sirrii akka argatanfi barattoonni kaka\u2019umsaafi ofitti amanamummaa horachuun barnoota isaanii keessatti bu\u2019aa gaarii akka galmeessan taasisuu danda\u2019a . Kanaf, barsiisaan maatii waliin qindaa\u2019ee hojjechuun, barattoota sirriitti dhaggeeffachuufi gorsa barbaachisaa ta\u2019e kennuu barnootaa isaanii irratti yeroo yeroon walqunnamtii gaggeessuun adeemsa baruufi barsiisuu bu\u2019a qabeessa taasisuuf murteessaa dha.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAkka Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanaa Dawwee Harawaa kan ta&#8217;an Obbo Mahaammad Burqaa, bara barnootaa 2018tti kaka&#8217;umsi barsiisota gidduu\u00a0 jiraatus, hariiroofi qindoominni barattootaa,\u00a0 barsiisotaafi maatii gidduu ture laafaa ta\u2019uufi haalli dhiyeessi meeshaalee qormaataaf barbaachisan kan akka kompiyuuteraafi neetwoorkiin(network) qulqullinna kan hin qabne ta&#8217;uun barattoonni kutaa 12ffaa aanichaa qormaata biyyaalessaa bu\u2019aa gaarii galmeessuu akka hin dandeenye ibsan.<\/p>\n<p>Hanqinaalee bara darbee mudatan irraa barachuun, bara barnootaa kana milkaa&#8217;aa taasisuuf kompiyuutaroota 22\u00a0 qopheessuun barattoonni qormaata\u00a0 tasgabbaa\u2019anii\u00a0 akka fudhatan hojjechaa jiraachuu himuun hariiroofi qindoomina barattoota, barsiisotaafi maatii daran cimsuun, haala barnootaa, hirmaannaafi rakkoolee barattootaa sirnaan hordofuufi dhimma barnootaafi naamusaa irratti maatii waliin mari\u2019achuun furmaata waaraa barbaaduuf xiyyeeffannoodhaan\u00a0 hojjecha jirras jedhan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eQindoominni qaamolee sadanii kunis bu\u2019aa barnootaa fooyyeessuu keessatti murteessaa ta\u2019uu kan ibsan Obbo Mahaammadsaanii hariiroofi walqunnamtiin itti fufiinsa qabu maatiifi barsiisota gidduutti jiraachuun rakkoolee barattootaa yeroo isaa eeggatee adda baasuufi furmaata waaraa irratti waliin hojjechuuf haala mijataa akka uumu hubachiisaniiru. Kana malees, qindoominaan hojjechuun bu\u2019aa barnootaa fooyyeessuu, keessumaa qabxii qormaata biyyaalessaa barattoota kutaa 12ffaa olkaasuuf xiyyeeffannoo addaa kenname hojjecha jiraachuu eeruun bara kana barattoota, barsiisotaafi maatii gidduutti qindoominaafi hariiroo cimaa uumuun bu\u2019aa barnootaa fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>Hariiroon barattootaa, barsiisotaafi maatii gidduu jiru adeemsa baruufi barsiisuu bu\u2019aa qabeessa taasisuufi milkaa\u2019ina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Barattoonni barsiisota isaanii waliin hariiroo gaarii uummachuun gaaffii, rakkoofi hanqina isaan mudatu yeroo isaa eeggatee ibsachuufi Barsiisonnis barattoota sirriitti hubachuun deeggarsa\u00a0 barbaachisaa taasisuu, maatiinis barnoota ijoollee isaanii yeroo yeroon hordofuufi barsiisota waliin mari\u2019achuun rakkoolee isaan mudatan irratti mana barumsaa waliin qindoominaan hojjechuun murteessaadha. Bakkeelee koreen mana barumsaa, maatiin barataafi barsiisotni walitti dhiyeenyaan hojjechaa turanitti qabxiin barattootaa gaarii ta&#8217;uufi addaan kutinsi barattootaas xiqqaa ta&#8217;uu itti gaafatamaan Qajeelcha Barnootaa Bulchinsa Sablammii Oromoo Obbo<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBara darbe barattoota kuma 15fi 83 qormaata biyyoolessaa irratti hirmaatan keessaa 557 milkaa\u2019uun dhibbeentan 47 gara yunivarsiitii darbuun danda\u2019eera jedhan. bara barnootaa kana keessatti hanqinoota bara darbe mul\u2019atan irraa barachuun, maatiin barnoota ijoollee isaanii irratti hojjechuu akka qaban, barsiisotni haala barnootaafi guddina barattootaa sirnaan akka hordofan, akkasumas barattoonni barsiisotaafi maatii isaanii waliin hariiroofi walqunnamtii gaarii akka qabaatan hubannoo uumuufi qindoomina qaamolee sadanii cimsuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.\u00a0 Qindoominni barattootaa, barsiisotaafi maatii gidduu jiru yoo cime, rakkooleen barattootaa yeroo isaanii eeggatanii adda baafamuun furmaata argachuun baruuf barsiisuu milkeesuuf gargaara.<\/p>\n<p>\u200eGeexee Gizaawutiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Barumsi bu\u2019uura beekumsa, dandeettiifi jireenya fooyya\u2019aati. Adeemsa baruufi barsiisuu bu\u2019a qabeessa taasisuuf immoo barattoota, barsiisotaafi maatii gidduutti hariiroo gaarii, walhubannaafi qindoominni jiraachuun murteessaa dha. Aanaa Dawwee Harawaattis, qindoomina kana cimsuun rakkoolee barattootaa furuufi bu\u2019aa barnootaa fooyyeessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Barsiisaafi maatii barataa gidduutti hariiroo gaariifi\u00a0 walhubannaan yoo jiraate, barataan barnoota isaatti xiyyeeffannoo kennuun bu\u2019aa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6303,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"class_list":["post-6302","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","category-hawaasummaa"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6302","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6302"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6302\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6304,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6302\/revisions\/6304"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6303"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6302"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6302"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6302"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}