{"id":6305,"date":"2026-09-25T13:06:34","date_gmt":"2026-09-25T13:06:34","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6305"},"modified":"2026-09-25T13:06:34","modified_gmt":"2026-09-25T13:06:34","slug":"dhiibbaa-jijjiiramni-qilleensaa-omishtummaa-irratti-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/09\/25\/dhiibbaa-jijjiiramni-qilleensaa-omishtummaa-irratti-qabu\/","title":{"rendered":"Dhiibbaa Jijjiiramni Qilleensaa Omishtummaa Irratti Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Hanqinni roobaafi ho\u2019i aduu dabalaa dhufuun guddinaafi oomisha midhaanii irratti dhiibbaa uumuun, ilbiisotaafi dhukkuboota midhaanii babal\u2019achuuf haala mijataa uuma.<br \/>\nAanaa Jiilee Dhummugaattis haalli qilleensaa\u00a0 guddinaafi oomisha midhaanii irratti dhiibbaa uumuun, ilbiisotaafi dhukkubootni midhaanii akka babal\u2019atan haala mijataa uumuu danda\u2019a. Kanaaf, qonnaan bultoonni midhaan isaanii miidhaa kana irraa baraaruuf ooyiruu isaanii yeroo yeroon sakatta\u2019uun, mallattoo ilbiisotaafi dhukkubaa dursanii adda baasuun tarkaanfii ittisaa sirrii fudhachuu irratti xiyyeeffannoon hojjecha jiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eJiraataan Aanaa Jiilee Dhummugaa Ganda Garbii Dirree Galmaa Obbo Mahaammad Muusaa jedhanitti,\u00a0 hanqina roobaa yeroo ammaa mudateen\u00a0 oomisha qonnaa irratti yaaddoo guddaa\u00a0 uumaa akka jiru addeessanii, yeroo midhaan rooba gahaa barbaadu kanatti roobni addaan cituufi ho\u2019i aduu dabalaa dhufuun, farreen midhaanii kan akka girrisaa, korophisaafi\u00a0 hoomaa awwaannisaa akkasumas dhukkuboota midhaanii akka waagiifi\u00a0 buqqaataa babal\u2019achuuf haala mijataa uumee midhaan irrattis miidhaa geessisaa jiraachuu ibsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eRakkoo kana furuuf gama Waajjira Qonnaatiin gorsa ogeessaa, keemikaalota farra ilbiisaafi qorichoota farra dhibee midhaanii, akkasumas mala aadaa qonnaan bultoonni itti fayyadaman dabalatee oomisha qonnaa eeguuf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhatamaa jiraachuu Obbo Mahaammad Muusaan himan.<\/p>\n<p>Ilbiisotni farra miidhaanii yeroo mudatan qonnaan bulaan\u00a0 saffisaan gara ogeessa qonnaa deemuun mariisiisuun tarkaanfii sirrii argachuun oomisha dhukkuuboota kanarraa baraaruu akka\u00a0 qaban gorsu.<\/p>\n<p>\u200eHanqinni roobaafi aduu cimaan haala qilleensaa jijjiiruun guddina, oomishtummaafi qulqullina midhaanii irratti dhiibbaa geessisuu danda\u2019a.\u00a0 Haalli qilleensaa akkanaa midhaan dadhabsiisuun ilbiisota miidhaa geessisaniifi dhukkuboota midhaanii tokko tokko akka babal\u2019atanis carraa uumuu danda\u2019a. Kanaaf, yeroo hanqinni roobaafi ho\u2019i cimaan mudatu qonnaan bultoonni haala midhaan isaanii yeroo yeroon hordofuufi tarkaanfiiwwan ittisaa barbaachisoo fudhachuun oomisha isaanii eeguuf xiyyeeffannoo kennuu qabuu kan gorsan immoo ogeessa Qonnaa Aanaa Jillee Dhummuugaa\u00a0 Obbo Ahimad Abdallaa dha.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eYeroo hanqinni roobaafi ho\u2019i cimaan mudatu, ilbiisotni midhaan miidhan kanneen akka hoomaa awwaannisaa, simbirroo girriisaa, geerriifi korophisaa salphumatti babal\u2019achuu waan danda\u2019aniif, qonnaan bultoonni ooyiruu isaanii yeroo yeroon sakatta\u2019uu qabu. Baala, hundeefi damee midhaanii sirriitti hordofuudhaan mallattoolee akka baalli halluu jijjiirrachuu, goguu, xuuxamuu yookiin biqilaan laafuu yoo mul\u2019ate, mallattoo dhukkubaa yookiin miidhaa ilbiisaa ta\u2019uu beekuun ofeeggannoo taasisuu akka qaban eeruun, mallattooleen akkanaa yeroo jalqabatti mul\u2019atanitti, miidhaa hamaan otoo hin dhaqqabiin ogeessota qonnaa mariisisuun, tarkaanfiiwwan ittisaafi to\u2019annoo barbaachisaa hatattamaan fudhachuu qabu. Tarkaanfiin yeroo isaa eeggate fudhatamu kun midhaan miidhaa irraa baraaruufi oomishtummaa isaa eeguuf murteessaa ta\u2019uu Obbo Ahimad ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eGama Waajjira Qonnaatiin, rakkoolee ilbiisotaafi dhukkuboota midhaanii ittisuufi to\u2019achuuf qonnaan bultootaaf hubannoofi gorsa ogummaa kennuu, hordoffii gandaa gandatti taasifamu cimsuufi bakka rakkoon itti hammaate daawwannaa gochuun tarkaanfiiwwan barbaachisoo fudhatamaa jiraachuu Obbo Abdallaan\u00a0 Muusaa Itti Gaafatamaan Waajjira Qannaa Aanaa Jillee Dhummuugaa ibsan. Qonnaan bultoonnis qorichoota farra ilbiisotaafi dhukkuboota midhaanii gorsa ogeeyyii qonnaatiin qofa fayyadamuun, uffataafi meeshaalee of-eeggannoo barbaachisaa\u00a0 ta\u2019een biiffachuu qabu.\u00a0 Qajeelfama itti fayyadama qorichaa sirnaan hordofuu, meeshaalee ittiin biifan qulqulleessuufi naannoo hojii isaanii yeroo yeroon qulqulleessuun fayyaa ofii, midhaaniifi nageenya naannoo eeguun barbaachisaa ta&#8217;uus gorsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\nGeexee Gizaawutiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Hanqinni roobaafi ho\u2019i aduu dabalaa dhufuun guddinaafi oomisha midhaanii irratti dhiibbaa uumuun, ilbiisotaafi dhukkuboota midhaanii babal\u2019achuuf haala mijataa uuma. Aanaa Jiilee Dhummugaattis haalli qilleensaa\u00a0 guddinaafi oomisha midhaanii irratti dhiibbaa uumuun, ilbiisotaafi dhukkubootni midhaanii akka babal\u2019atan haala mijataa uumuu danda\u2019a. Kanaaf, qonnaan bultoonni midhaan isaanii miidhaa kana irraa baraaruuf ooyiruu isaanii yeroo yeroon sakatta\u2019uun, mallattoo ilbiisotaafi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6306,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"class_list":["post-6305","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","category-misooma"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6305","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6305"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6305\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6307,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6305\/revisions\/6307"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6306"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6305"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6305"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6305"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}