{"id":6308,"date":"2026-09-25T13:08:34","date_gmt":"2026-09-25T13:08:34","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6308"},"modified":"2026-09-25T13:08:34","modified_gmt":"2026-09-25T13:08:34","slug":"riifoormiin-barnootaa-dhaloota-biyya-ijaaru-qopheessaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/09\/25\/riifoormiin-barnootaa-dhaloota-biyya-ijaaru-qopheessaa-jira\/","title":{"rendered":"Riifoormiin Barnootaa Dhaloota Biyya Ijaaru Qopheessaa Jira"},"content":{"rendered":"<p>Barnootni bu\u2019uura guddinaafi misooma biyya tokkooti. Dhaloota boruu beekumsa, dandeettiifi gahumsa barbaachisuun ijaaruuf gaheen barnootaa olaanadha. Biyyi tokko guddina waaraa galmeessuufi dhaloota itti aanuuf biyya dhaalchisuuf, sirna barnootaa qulqullina qabu diriirsuun murteessaadha.<\/p>\n<p>Jijjiiramni sirna barnootaa haaraa Itiyoophiyaan diriirsites jijjiirama bu&#8217;aa qabeessa biyyaatti keessaatti agarsiisaa jira. Kanaanis barattoota dandeettii rakkoo hiikuu, kalaquufi hojii qabatamaa hojjechuu danda\u2019an horachaa jira. Kunimmoo guddina biyyaa gama hundaan saffisiisuu keessaatti gahee guddaa qaba.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBarsiisaa Magarsaa Baay\u2019isaa Koollejjii Barsiisota Kamiseetti Barsiisaa Lammummaafi Amala Gaariiti. Qajeelfamni imaammata barnootaa Itoophiyaa dandeettii barattootaa ijaaruu, beekumsa, ogummaafi naamusa isaanii guddisuu irratti xiyyeeffachuu dubbatu. Imaammata barnoota gara dandeettii qabatamaatti ceesisuufi barattoonni beekumsa argatan hojiirra oolchuu akka danda\u2019an deeggaruuf kan qophaa\u2019e ta&#8217;uu ibsaniiru.<br \/>\n\u200eWaggoottan darban keessa sirna barnootaa fooyyessuuf hojiiwwan gara garaa hojjetamaa turuu eeruun, kaayyoon imaammatichaas qulqullina barnootaa fooyyessuu, barnoota fedhii hawaasaa waliin walsimu diriirsuu, seenaa waloo biyyaa irratti xiyyffannoo kennuu, akkasumas barattoota beekumsa qofa osoo hin taane dandeettiifi gahumsa gara hojii qabatamaatti hiikuu akka danda&#8217;aniif xiyyeeffannoo Kennanii hojjechaa jiraachuu himaniiru. Kunis barnoonni daree keessatti waan kitaaba irraa qofa baratamu osoo hin taane, barataan waan barate hubatee jireenya isaa keessatti itti fayyadamuu akka danda\u2019uuf carraa bal\u2019aa akka uumus ibsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eYuniversitii Ambootti Barsiisaa Diinagdee, Indaaloo Bongaasaa gamasaaniin, tarsiimon barnootaa haaran kun jijjirrama qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiilee gama damee kanaan baroota darban keessa hojjetamaniin fooyya&#8217;insi qulqullina barnoota mul&#8217;achuufi baay&#8217;inni barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii seensa yuniversitii fidaa jiranii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu kaasaniiru. Gama biraatiin itti fayyadamni tekinooloojii barnootaa keessatti daran barbaachisaa ta\u2019aa jiraachuu eeruun, yeroo ammaa barataan odeeffannoo argachuufi kitaaba qofa irratti hirkachuu osoo hin taane, tekinooloojii dijitaalaa fayyadamuun beekumsa dabalataa argachuu akka danda\u2019an hubachiisan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eSirni tarsiimoo haaraan kun barnoota dandeettii irratti hundaa\u2019e cimsuu, qabiyyee barnootaa walitti hidhamiinsa qabu diriirsuufi barattoonni beekumsa kallattiin hojii qabatamaatti hiikuu danda\u2019an akka horatan irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraas jedhan. Kunis sadarkaa gadiitti haala wal fakkaata hojiirra oolaa wan hin jirreef, sadarkaa gadiittis gadi buusuun iddoo hundatti qulqullina barnoota eeguun hoj-manee qaama dhimmi ilaallatu hundaa ta&#8217;uu ibsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBarnoonni seenaa immoo waa\u2019ee biyyaa dhaloota barsiisuu keessatti murteessaa ta&#8217;uu Barsiisaa Indaloon dubbataniiru. Seenaa barachuun barattoonni eenyummaa, aadaafi duudhaa hawaasa isaanii, eenyummaafi ilaalcha waloo ijaaruuf akka gargaarus ibsan. Rifoormii sirna barnootaa kana\u00a0 bu\u2019a qabeessa taasisuuf hojiin gama mootummaan hojjetamu qofti gahaa miti kan jedhan barsiisaa Indaaloon, hawaasni, maatiin, barsiisotni, hoggantoonni manneen barnootaa, ogeeyyiin barnootaafi dhaabbileen barnootaa gahee mataa isaanii qabachuu himaniiru. Keessumaa jalqabbii barnoota bara kanaa milkeessuuf barattoonni meeshaalee barnootaa gahaa argachuu, naannoo barnootaaf mijataa taasisuufi maatiin ijoollee isaanii hordofuun murteessaadha jedhan. Hawaasni deeggarsa meeshaalee barnootaafi hojiiwwan barnoota deeggaran keessatti hirmaachuun, barataan sababa hanqina diinagdee irraa kan ka\u2019e barnoota irraa duubatti akka hin hafneef gama hundaan tumsa taasisuun milkaa&#8217;ina barnootaaf barbaachisaa ta&#8217;uus kaasaniru.<\/p>\n<p>\u200e<br \/>\n\u200eMinistirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan akka ibsanitti, riifoormiin damee barnootaan hojiirra oole bu\u2019aa qabatamaa galmeessaa jira jedhan. Kaayyoo guddaan haaromsa sirna barnootaa dhaloota ofitti amanamummaafi daandeettii guutuu qabu horachuu akka ta&#8217;es ibsaniiru. Riifoormiin damee barnootaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12fffaarratti hojiirra ooles qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuus dubbataniiru.<br \/>\nBarnoota idilee irraa eegalee hojiilee hedduun hojjetamaa jiru kan jedhan ministeerichi, bu\u2019aan isaa suuta suuta mul\u2019achaa kan dhufu ta\u2019us ammaas jijjjiiramni qabatamaan mul\u2019ataa jira jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eYeroo ammaa barataa cimaan Yunversitii seenaa jira; kanneen hafan ammoo leenjii ogummaa akka leenji\u2019an taasisuun dhaloota biyya ijaaruu horachuuf hojjetamaa jiraachuu eeran.<br \/>\n\u200eFuuldurattis barattoonni qabxii fooyya\u2019aa akka galmeessan xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru. Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa barnoota akkaadaamii cinaatti leenjii tekinikaafi ogummaa akka kennan sirni diriirfamuu ibsuun, kunis sadarkaa manneen barnootaa eeguun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru. Ministeerri barnootaa damee ICT fi barnoota dijitaalaa keessatti manneen barnootaa tajaajila dijitaalaa, daataa, interneetiifi sagantaalee barnootaa onlaayinii \/online\/ irraa fayyadamoo taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.<br \/>\n\u200eAdeemsi baruufi barsiisuu bara kanaas Fulbaana 6 irraa egalee guutuu biyyattiitti kan eegale yoo ta\u2019u, bara kana akka biyyaatti barattoota miiliyoona 26 ol simachuun barsiisuuf hojjetamaa jira jedhan.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Barnootni bu\u2019uura guddinaafi misooma biyya tokkooti. Dhaloota boruu beekumsa, dandeettiifi gahumsa barbaachisuun ijaaruuf gaheen barnootaa olaanadha. Biyyi tokko guddina waaraa galmeessuufi dhaloota itti aanuuf biyya dhaalchisuuf, sirna barnootaa qulqullina qabu diriirsuun murteessaadha. Jijjiiramni sirna barnootaa haaraa Itiyoophiyaan diriirsites jijjiirama bu&#8217;aa qabeessa biyyaatti keessaatti agarsiisaa jira. Kanaanis barattoota dandeettii rakkoo hiikuu, kalaquufi hojii qabatamaa hojjechuu danda\u2019an [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"class_list":["post-6308","post","type-post","status-publish","format-standard","category-balballoomii-oduu"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6308","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6308"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6308\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6310,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6308\/revisions\/6310"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6308"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6308"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6308"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}