{"id":6326,"date":"2026-09-25T13:26:30","date_gmt":"2026-09-25T13:26:30","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6326"},"modified":"2026-09-25T13:26:30","modified_gmt":"2026-09-25T13:26:30","slug":"gufuulee-mirga-bilisummaan-sochouu-lammiileefi-furmaata-isaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/09\/25\/gufuulee-mirga-bilisummaan-sochouu-lammiileefi-furmaata-isaa\/","title":{"rendered":"Gufuulee Mirga Bilisummaan Socho\u2019uu Lammiileefi Furmaata Isaa"},"content":{"rendered":"<p>Namni kamiyyuu jireenya isaa guyyaa guyyaa gaggeeffachuuf bakka tokko irraa gara bakka biraatti socho\u2019uun dirqama jireenyati. Namoonni hojii, barnoota, daldala, tajaajila fayyaa, maatiifi sababoota garaagaraatiin bakka jireenyaa isaanii irraa gara iddoowwan birootti imalu. Mirgi bilisaan iddoo tokkoo gara iddoo biraatti socho\u2019uu mirga bu\u2019uuraa lammiilee keessaa tokkodha. Mirgi kunis namni tokko bakka tokko irraa gara bakka biraatti deemuu qofa osoo hin taane, namni bakka barbaade jiraachuu, hojii barbaaduu, barachuu, daldaluufi tajaajila mootummaafi hawaasummaa barbaachisaa akka argatuuf mirga guutuu qaba. Haa ta\u2019u malee, yeroo tokko tokko haalli nageenyaafi sababoonni biroo sochii lammiilee irratti daangaa ta\u2019an ni mul\u2019atu.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eObbo Usmaan Huseen, jiraataa Aanaa Dawwee Harawaa, Ganda Dirree, akka jedhanitti, darbee darbee yeroo garaa garaatti hawaasni bakka tokkoo gara iddoo biraa yeroo deemanitti daanqaawwan nageenyaa muudachuu dubbatu. Keessumaa iyyuu sochii geejibaan walqabatee hawaasa irra miidhaan garaa garaa dhaqqabaa turuu dubbataniiru. Kunis hawaasni hojii misoomaa akka hin gaggeessine, barnoonni akka hin adeemsifamne, akkasumas gama fayyaatiin hawaasni akka hin yaalamneef miidhaan garaa garaa turuu ibsaniiru. Haa ta\u2019u malee, yeroo ammaa haalli sochii nageenya naannawaa isaanii tasgabbiifi fooyya\u2019iinsa qabaachuu dubbatu. Kunis hirmaannaa hawaasaafi qindoomina qaamolee nageenyaa waliin jiru irraa ka\u2019uun tasgabbiifi nageenyi argamuu himaniiru. Gara fuulduraattis jiraattonni naannawichaa tokkummaan daanqaawwan sochii nageenyaa naannoo isaanii eeggachuuf qindoominaan hojjechaa jirra jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eSochii daandii irratti ammas tarkaanfiin mootummaa fi qindoominni hawaasaa hanqina qaba kan jedhan immoo jiraataa Godina Giddu Galeessa Gondar, Aanaa Taach Armaacoo, Magaalaa Saanjaa kan ta\u2019an Obbo Taammanaa Tashaar dha. Jiraataan kun akka himanitti, sochiiwwan daandii irratti uggurriifi ukkamsaan garaa garaa jiraachuu eeruun, kanaan dura sababoota uggura kanaatiin hawaasni baasii geejjibaa dabalatee, rakkoolee hawaasaafi diinagdee garaagaraaf saaxilamaa turuu dubbataniiru. Keessumaayyuu akka naannawichaatti hawaasni tajaajila wal\u2019aansa fayyaa argachuufi karaatti danqamuu, oomisha gara gabaa akka hin geeffamne dhorkamuufi haalli baruufi barsiisuu gufachuu ibsaniiru. Mootummaan hanga danda\u2019ame tarkaanfii seeraa fudhataa jiraachuu eeruun, tarkaanfiin mootummaa fudhatu qofti gahaa waan hin taanef, qaamoleen hawaasaa hirmaannaa taasisuun nageenya naannawaa isaanii eeggachuu akka qaban dhaamaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eItti gaafatamaan Waajjira Nageenyaafi Callisaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo, Obbo Awwal Indiris, akka jedhanitti, mirgi sochii bilisaa mirga bu\u2019uuraa ta\u2019us, haala nageenyaafi seera kabachiisuu waliin walitti hidhata qabaachuu dubbatu. Kana jechuunis, jalqaba irratti eegumsa nageenya naannoo, daandiifi nageenya uummataa mirkaneessuun hojii mootummaa irraa eegamu ta\u2019us, hawaasni nageenya naannoofi sochii geejibaa naannoo isaa to\u2019achuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sochii lammiilee daangessuun miidhaa hawaasummaa hedduu qabaachuu kan himan Obbo Awwal, namoonni maatii, firoottan, hiriyootaafi hawaasa naannoo biraa waliin wal qunnamuu yoo dadhaban, walitti dhufeenyi hawaasaa laafuu akka danda\u2019ulle eeraniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eKeessattuu barattoonni, hojjettoonni, dubartoonni, maanguddoonniifi namoonni tajaajila fayyaa barbaadan sababa rakkoo kanaan miidhamuu dubbataniiru. Barataan barnootaaf deemuu yoo dadhabe, hojjetaan gara bakka hojii isaa imaluu yoo rakkate ykn namni dhukkubsate tajaajila fayyaa argachuuf gara bakka biraatti deemuu yoo hin dandeenye, mirga jireenyaafi carraa isaanii irratti dhiibbaa uumuu danda\u2019as jedhan. Lammiileen seera kabajuu, mirga namoota biroo kabajuu, jeequmsa irraa fagaachuu, odeeffannoo sobaa irraa of qusachuufi rakkoo uumamu karaa nagaafi seera qabeessa ta\u2019een furuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eYeroo dhiyoo asitti akka Bulchiinsa Sablammii Oromootti rakkoon akkasii kan hinjirre ta\u2019uu ibsuun, rakkoowwan kanneen kan furaman uummanni ijaaramuun qindoominaan nageenya naannoo isaanii waan eeggateefi jedhan. Hawaasni yakki yeroo raawwatamutti callisanii bira darbuu osoo hin taane, qaamolee dhimmi ilaallatuuf eeruu kennuun dirqama isaanii bahachuu akka qaban ibsaniiru. Kanamalees hawaasni, dargaggoonni, maanguddoonnifi qaamoleen hawaasaa biroo qindoominaan nageenya sochii daandii naannawaa isaanii eegsisuu akka qaban dhaamaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eQajeelchaa Olaanaa Poolisii Magaalaa Shaggaritti Itti Gaafatamaa kutaa qoorannaafi murtii haqaa kennisiisa komandeer Geetachoo kumsaa yaada kennaniin, bilisaan socho\u2019uun mirga lammiilee ta&#8217;uu eerun, faallaa kanaa garuu daanqaawwan garagaraa yeroo itti mul&#8217;atan nii jira jedhan. Kunimmoo hawaasa rakkoolee garagaraaf akka saaxiluu danda&#8217;u ibsaniiru. Keessumaa yeroo lammiileen bakka tokko gara iddoo biraatti imalanitti ukkamsaan gara garaa mul&#8217;achaa turuu himuun, akka Naannoo Oromiyaafi Bulchinsa Magaalaa Shaggaritti rakkoolee kana furuuf qaamoleen nageenyaafi hawaasni qindoominaan hojjechaa jirra jedhan. Kanaaf namni kamiyyuu yeroo yakki hojjetamu callisee bira darbuu osoo hin taane, qaamolee kana saaxiluun olaantummaan seeraa akka irratti fudhatamu gochuu akka qabu gorsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eKomishineer Geetachoon akka jedhanitti, nageenya mirkaneessuufi mirga lammiilee kabajuun walfaana deemuu qabu. Kanaaf, mootummaa, qaamolee nageenyaa, ogeeyyii seeraa, hawaasnifi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi waliin hojjechuun, sochii seera qabeessa lammiilee akka hin gufanne, nageenyi akka mirkanaa\u2019uufi mirgi lammiilee akka kabajamu irratti xiyyeeffachuun furmaata waaraa fiduun danda\u2019a akka danda&#8217;amu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eMoosisaa Fufaatiin<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Namni kamiyyuu jireenya isaa guyyaa guyyaa gaggeeffachuuf bakka tokko irraa gara bakka biraatti socho\u2019uun dirqama jireenyati. Namoonni hojii, barnoota, daldala, tajaajila fayyaa, maatiifi sababoota garaagaraatiin bakka jireenyaa isaanii irraa gara iddoowwan birootti imalu. Mirgi bilisaan iddoo tokkoo gara iddoo biraatti socho\u2019uu mirga bu\u2019uuraa lammiilee keessaa tokkodha. Mirgi kunis namni tokko bakka tokko irraa gara bakka [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6327,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"class_list":["post-6326","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","category-haqaa-fi-bulchiinsaatiin"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6326","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6326"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6326\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6328,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6326\/revisions\/6328"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6327"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6326"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6326"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6326"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}