{"id":6350,"date":"2026-10-10T12:56:54","date_gmt":"2026-10-10T12:56:54","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6350"},"modified":"2026-10-10T12:56:54","modified_gmt":"2026-10-10T12:56:54","slug":"qophii-nyaata-beelladaa-fooyyaaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/10\/10\/qophii-nyaata-beelladaa-fooyyaaa\/","title":{"rendered":"Qophii nyaata beelladaa fooyya\u2019aa"},"content":{"rendered":"<p>Horsiisni beelladaa jireenya horsiisee bultootaafi qonnaan bultootaa fooyyeessuu, galii maatii dabaluufi diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Keessumaa, nyaata gahaa, qulqulluufi madaalawaa beeyladootaaf yeroo isaa eeggate qopheessuun oomishtummaa isaanii dabaluuf murteessaadha.<\/p>\n<p>Aanaa Dawwaa Caffaa keessatti, hanqina nyaata beelladaa waktii bonaa mudatu ittisuufi horsiisa beelladaa bu\u2019a qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Obbo Ahimad Ibiraahim bara 2015 irraa eegalanii, Aanaa Dawwaa Caffaa Ganda Garbiitti horsiisa beellada aannanii irratti bobba\u2019uun hojjechaa jira. Horsiisni beelladaan jiruufi jireenya maatii isaanii gaggeessaa jiru. Obbo Ahimad, nyaata beelladaa sirriitti qopheessuun bu&#8217;a qabeessa ta&#8217;aa jiraachuu ibsan.\u00a0Waktii bonaa hanqina nyaataa beelladaa uumamuu danda&#8217;uu ittisuuf\u00a0 margaa arbaa, citaafi haftee midhaanii dabalatee wantoota nyaataaf oolan yeroo sirrii irratti qulqullinaan walitti qabuun kuusanii, yeroo barbaachisutti beelladaaf dhiyeessaa jiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eWaajjirri Qonnaa Aanaa Dawwaa Caffaa\u00a0 lafa horsiisa beelladaaf mijataa ta\u2019e, hektaaraa afur horsiisee bultootaaf kennuun, akkaataa beelladoota itti kunuunfatan irratti gorsaafi hordoffii ogeessotaa\u00a0 taasisaa jiraachuus himan. Obbo Indiris Sa\u2019id Ogeessa Horsiisaafi Kunuunsa Beelladaa Aanaa Dawaa Caffaatti, horsiisaa beelladoota aannaaniif oolan irratti hojii hojjechaa kan jiran yoo ta\u2019u, \u00a0Kunuunsi beelladootaaf taasifamu aa, galii horsiisee bulaa \u00a0fooyyeessuuf \u00a0ga\u2019ee olaanaa qaabchuu himan;haa ta&#8217;uu malee yeroo bonaa hanqinni margaa uumamuu danda\u2019a waan ta\u2019eef, rakkoo kana dursanii ittisuuf yeroo margaafi nyaanni gahaan jiru irraa eegalee margaa gogaa, haftee midhaanii, nyaataaf walitti makamee kan meeshaa teeknooloojii\u00a0 deeggaramuun nyaata biroo sirnaan kuusuun barbaachisaa ta\u2019uu dubbataniiru. Qophiifi kuusaan nyaataa dursee taasifamu kun beelladootaaf dhiyeessii nyaataa itti fufiinsa qabu mirkaneessuun, yeroo bonaa hanqina nyaataa irraa madduun oomishni akka hin hir\u2019anneefi galiin horsiisee bulaa akka hin hir\u2019anne taasisuun barbaachisaa ta\u2019uu ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e\u200eNyaata beelladaa faalame yookaan dhukkuba fiduu danda\u2019u beelladaaf kennuun fayyaa isaanii irratti miidhaa geessisuu, guddina isaanii irratti dhiibbaa geessisuufi oomisha bu\u2019aa beelladootaa hir\u2019isuu danda\u2019a. Rakkoo kana ittisuufis, margaa beelladaa qulqullinaafi faayidaa isaa eeggate lafa heektaara 574 irratti misoomsuun, horsiisee bultootaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Qotee Bultoota lakkoofsan harki caaluu horsiisaa bulaa waanta&#8217;eef harki caaluu ofii horsiisa.\u00a0 marga arbaa lafa hektaara \u00a0574\u00a0 irratti dhaabuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuus himan.<br \/>\nGosoota margaa kanneen akka margaa arbaa, laablaab, facaasaa, kaawoo ijensiifi ataraa bal\u2019inaan oomishamaa jiru. Gosoonni margaa kunneen kana dura mootummaan sanyii isaanii Naannoo Amaaraa irraa fiduun nuuf kenna turans jedhan . Sanyii kana akka babal\u2019atan taasisuun gosoonni margaa kunneen babal\u2019achaa, qotee bultootaafis raabsamaafi madda nyaata beelladaa ta\u2019anii tajaajilaa jiru. Keessumaa yeroo bonaa hanqinni nyaata beelladaa uumamu kan itti fayyadamanidha. Margoonni kun sirnaan yoo kuufaman, hanga ji\u2019a saddeetii osoo qulqullinni fi faayidaan isaanii hin hir\u2019atin turuu danda\u2019u.<\/p>\n<p>Gosoota margaa keessaa atarri loonii\u00a0 beelladoota furdisuuf\u00a0 kan gargaaru ta\u2019uus Obbo Indiris Sa\u2019id ibsan. Hanga ammaattis qotee bultoonni 179 gosoota margaa kana irraa fayyadamaa jiraachuu himuun, babal\u2019ina oomisha margaa fi itti fayyadama isaa cimsuun oomishaafi oomishtummaa beelladaa guddisuu, galii qotee bultootaa fooyyeessuufi horsiisa beelladaa haaraa taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.<br \/>\nAadde Hawwaa Kaliil Aanaa Dawaa Caffaa Ganda Garbiitti loon aannanii kan sanyii filatamoo marga Waajjira Beelladaafi Horsiisa Qurxummii irraa argataniin qe\u2019ee dhuma isaaniitti irraa fayyadamoo ta\u2019uu ibsan. Horsiisa beelladaa keessatti nyaanni qulqulluu, gahaafi madaalawaan murteessaa ta\u2019uu eeruun beelladoonni aannaniifi foonii bu\u2019aa gaarii akka kennaniif nyaataafi bishaan gahaa argachuu akka qaban ibsan. Qonnaan bultoonni yeroo nyaata beelladaa qopheessan qulqullina isaa sirnaan eeguun, dhagaa, biyyee, kosiifi wantoota miidhaa geessisan irraa bilisa taasisuun gaarii ta\u2019uu gorsan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAadde Hawwaa Kaaliil guyyaa guyyaatti aannan liitira shan gurguruun galii hanga qarshii 500 argachaa jiru. Kanaf yeroo bonaa hanqinni nyaataa akka hin mudanneef, yeroo roobaa irraa eegalee margaafi haftee midhaanii walitti qabuun sirnaan gogsuufi kuusuun itti fayyadamaa jiru. Nyaataa beelladaa dursanii qopheeffachuun \u00a0bu\u2019aa gaarii akka qabaataniif\u00a0 isaan\u00a0 gargaarsaa jiraachuus yaada isaanii nuuf ibsan.<br \/>\n\u200eNyaata qulqulluu, gahaafi madaalawaa qopheessuun fayyaa beelladaa eeguufi dhukkuba irraa tiksuuf, guddina saffisaa, oomishtummaa aannanii fooyya\u2019aafi galii gaarii argachuuf akka gargaarus himan.<\/p>\n<p>Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Horsiisa Beelladaafi Qurxummii Aanaa Dawwaa Caffaa Obbo Ahimad Aliyyii, horsiisa beelladaa caalaatti babal\u2019isuufi oomisha beelladaa guddisuuf nyaata\u00a0 gahaa, qulqulluufi madaalawaa dhiyeessuun murteessaa ta\u2019uu ibsu. Nyaanni sirnaan qophaa\u2019ee, yeroofi haala barbaachisaa ta\u2019een beelladotaaf kennamu, fayyaa eeguufi guddina isaanii saffisiisuun, oomishaafi oomishtummaa beelladaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru; Kana malees, kunuunsaafi nyaata madaalawaa beelladootaaf dhiyeessuun oomisha irraa argamu dabaluudhaan galii horsiisee bultootaa guddisuu, jireenya maatii isaanii fooyyeessuufi bu\u2019aa diinagdee waaraa argamsiisuu keessatti bu\u2019uura ta\u2019uu dubbataniiru. Bara kana hanga beelladoota kuma diigdamafi 244 horsiisaa jiraachuus kaasaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e \u200e<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eGama Waajjiraatiin hubannoo, gorsa, leenjiifi hordoffii barbaachisaa ta\u2019e\u00a0 kennuun,mala qophii, kuusaafi itti fayyadama sirrii nyaata beelladaa irratti deeggarsa ogummaa kennuun hojii itti fufiinsaan hojjetamaa jiru ta\u2019uu Obbo Ahimad Aliyyii ibsaniiru. Horsiisa beeyladaa keessatti qophiin nyaataa yeroo isaa eeggatee yoo taasifame, fayyaafi oomishtummaa beeyladaa eeguudhaan galii maatii dabaluufi jireenya horsiisee bultootaa fooyyeessuuf carraa bal\u2019aa akka uumu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Geexee Gizaawutiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Horsiisni beelladaa jireenya horsiisee bultootaafi qonnaan bultootaa fooyyeessuu, galii maatii dabaluufi diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Keessumaa, nyaata gahaa, qulqulluufi madaalawaa beeyladootaaf yeroo isaa eeggate qopheessuun oomishtummaa isaanii dabaluuf murteessaadha. Aanaa Dawwaa Caffaa keessatti, hanqina nyaata beelladaa waktii bonaa mudatu ittisuufi horsiisa beelladaa bu\u2019a qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Obbo Ahimad Ibiraahim [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6351,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[48],"tags":[],"class_list":["post-6350","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","category-misooma"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6350","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6350"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6350\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6352,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6350\/revisions\/6352"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6351"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6350"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6350"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6350"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}