{"id":6359,"date":"2026-10-10T13:01:48","date_gmt":"2026-10-10T13:01:48","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6359"},"modified":"2026-10-10T13:01:48","modified_gmt":"2026-10-10T13:01:48","slug":"kallattii-xiyyeeffannoo-mootummaa-haaraa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/10\/10\/kallattii-xiyyeeffannoo-mootummaa-haaraa\/","title":{"rendered":"Kallattii xiyyeeffannoo mootummaa haaraa"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Waxabajjii 24 bara\u00a02018 gaggeesiteen Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaa %94 argachuun injifachuun isaa ni yaadatama. Kanuma hordofuudhaan Manni Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataafi Manni Maree Federeeshinii yaa\u2019ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara marsaa 7ffaa gaggeesseen \u00a0Abiyyii Ahimad (PhD) Ministira Muummee FDRI taasisuun muude.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eAbiyyi Ahimad\/PhD\/ irra deebiin Ministira Muummee FDRI tahuun erga muudamanii sirna kakuu raawwachuun haasaa taasisaniin fedhiin keenya Itiyoophiyaan guddattee arguudha jedhan. Itoophiyaan waggoottan darbe keessa rakkoolee garagaraan qoramaa turuu kaasanii, Itoophiyaan lammiilee injifatu malee , lammiileen hin injifatamu akka hin qabne dubbaniiru. Rakkoolee jiran hundeerraa furuun kan danda\u2019amu Itiyoophiyaan qaroomina mataa ishee yoo diriirsite qofa ta\u2019uu hubachiisaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eKaayyoon keenya hiyyummaa injifachuu, barnoota babal\u2019isuu, fedhii mana jireenyaa guutuu, dhiyeessii tajaajila fayyaa fooyya\u2019aa taasiisuufi carraa hojii bal\u2019aa uumuudhas jedhan. Mul\u2019ata seenaa jijjiiruu danda\u2019u qabannee Itoophiyaa guddoo ijaaruuf ni hojjenna jechuunis dubbataniiru. Jijjiiramni argamaa jirus Itiyoophiyaarraa darbee addunyaa dinqisiisera kan jedhan Dr Abiy, misooma itti fufiinsa qabu galmeessuufi nageenya waaraa mirkaneessuun yaadama ida\u2019amuu\u00a0 caalmaatti cimsuu itti fufsiisuun furmaata ta\u2019us ibsaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200ePireezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee yaa\u2019ii waloo Mana Maree Bakka Bu\u2019oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii irratti haasaa taasisaniin kallattiiwwan gurguddoo fuula duraa ibsaniiru.<br \/>\n\u200eNageenyi imala guddina Itoophiyaaf qabu qoratee yeroo kamiyyuu caalaatti hojii gamtaan, tumsaafi Itoophiyaaf dursa kennuun akka hojjetamu ibsaniiru. Itti aansuun, ce\u2019umsi caaseffamaa hundagaleessi qulqullina bu\u2019uureffate akka jiraatu ni taasifama. Barnoota, fayyaafi eegumsa hawaasummaa baay\u2019inarraa gara qulqullinaatti ceesisuun misooma lammii giddugala godhate saffisiifamuu ibsaniiru. Guddina biyyaatiif faayidaa guddaa kan qaban galteewwan induustiriifi qonnaaf akkasumas ijaarsi bu\u2019uuraalee ammayyaa dandeettii ofiin akka hojjetamuufi of danda\u2019an ni taasifama jedhan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eRaawwii pirojektiifi faayinaansii pirojektii ammayyaa, ariifataafi itti gaafatamummaa qabu gochuuf kan hojjetamuu ta&#8217;uu eeruun, bu\u2019uura taaksii ammayyeessuun idaa haalaan bulchuu, akkasumas dandeettiin galiifi baasii mootummaa haalaan to\u2019achuun ni guddata jedhan. Qindoominni hojii mootummaa federaalaafi naannoolee gidduu jiru akkasumas raawwiin isaanii kan waltumsu, waldeeggaruu, si\u2019ataafi hanqina kan hin qabne akka taasifamus dubbataniiru. Hariiroo alaa Itoophiyaa fudhachuurraa gara dhiibbaa uumuutti kan ceesisu keessumaa michuuwwan baay\u2019isuuf kan hojjetamu ta&#8217;uu eeranii, ilaalcha diinummaa kan qaban ammoo kan gorsu nageenya naannawaafi walitti hidhamiinsa diinagdeef yeroo kamiyyuu caalaa dursi kan kennamu, kaka\u2019umsa kan qabuufi fudhatamummaa idil-addunyaa keenya kan guddisu ni ta&#8217;as jedhaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eObbo Mahaammad Sayid jiraataa Aanaa Dawwaa Caffaa Ganda Garbii, hojiileen misoomaa hanga ammaa hojjetamaa turan kan nama boonsan ta\u2019uu himanii, mootummaa haaraan hundeeffame hojiilee misooma kanneen itti fufsiisuun nageenya uummataafis kan durii caalaa xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjetee guutuu biyyaatti nageenya buusuu qaba jedhan. Hojiileen misoomaa waggoota shanan darban kana keessatti hojjetaman waan qabatamaan iji namaa ilaalee argu waan ta\u2019eef ammallee mootummaa haaraan akkuma yeroo darbe keessatti hojii qulqullina qabu saffisaafi ariitiin hojjatee xumuretti yeroo itti aanus haala kanaa oliitiin hojjechuun akka irraa eegamu yaada isaanii ibsan.<\/p>\n<p>\u200eJiraataa Aanaa Dawwaa Caffaa Ganda Garbii kan biraa Obbo Indiris Hasan gamasaaniin Paartiin Badhaadhinaa waggoottan darban keessatti ergama cimaafi tarsiimoo gaariin masakamuun hojiilee misoomaa hojjechaa turuu ibsan. Keessumaa hojiilee misoomaa kanneen akka ashaaraa magariisaafi misooma magaalaa keessaatti baadiyaaf xiyyeeffannoo cimaa kennuun hojiilee boonsaa hojjetaa tureera jedhan. Hojiilee paartichi yeroo darbe keessatti hojjeterraa ka\u2019uun yeroo itti aanus hojiilee cimaa uummata tajaajiluun guddina biyya keenyaa mirkaneessan akka hojjetu abdii guddaa kan qabnuudha jechuun, uummannis hojiilee misoomaa mootummaan hojjetu cinaa dhaabbachuu akka qaban dhaamaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eBulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Hayyuu Siyaasaafi Hariiroo idil- addunyaa Tarreessaa Baalchaa akka jedhanitti, biyyi tokko eenyummaa uummata isheefi birmadummaashee, akkasumas daangaashee kabachiisuuf mootummaa humnaafi sirna jabaa qabu barbaachisaa dha. Sirna diimokraasii babal\u2019isuuf , mootummaan fedhii uummataatiin akka filatamuuf filannoon dimokraatawwaa gaggeeffamuu yaadachiisan.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200e Mootummaan Badhaadhinaa waggoota darban keessatti hojiilee gurguddaa hojjetaniin filannoo bara kanaa injifachuu ibsanii, gara fuulduraattis amaanaa uummanni itti kennate fudhachuun komii, yaadaafi gaaffiilee hawaasaa hojiirra oolchuu akka qabu eeraniiru. Hanga ammaatti hojiilee gama damee hundaan hojjetaaa tureen dimokiraasii babal&#8217;isuu, kenninsa tajaajilaa bulchiinsa gaarii fooyyessuufi misooma kan saffisiise; yoota\u2019u, waggoota Shan itti aanus hojiilee misoomaa kanneen hafan itti dabaluun hanqina yeroo darban mudate fooyyessaa, nageenya uummataa mirkaneessuun hojiilee misoomaa cimsee hojjechuu akka qabu, akkasumas imaanaa uummataa hojiirra oolchuun \u00a0akka irraa eegamu ibsan.<\/p>\n<p>Moosisaa Fufaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Waxabajjii 24 bara\u00a02018 gaggeesiteen Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaa %94 argachuun injifachuun isaa ni yaadatama. Kanuma hordofuudhaan Manni Maree Bakka Bu&#8217;oota Uummataafi Manni Maree Federeeshinii yaa\u2019ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara marsaa 7ffaa gaggeesseen \u00a0Abiyyii Ahimad (PhD) Ministira Muummee FDRI taasisuun muude. \u200e \u200eAbiyyi Ahimad\/PhD\/ irra deebiin Ministira Muummee FDRI tahuun erga [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6360,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"class_list":["post-6359","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","category-haqaa-fi-bulchiinsaatiin"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6359","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6359"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6359\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6361,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6359\/revisions\/6361"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6360"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6359"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6359"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6359"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}