{"id":6366,"date":"2026-10-10T13:05:31","date_gmt":"2026-10-10T13:05:31","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=6366"},"modified":"2026-10-10T13:05:31","modified_gmt":"2026-10-10T13:05:31","slug":"liyoonel-meesiin-kabaja-maluuf-argachuun-gaggeeffame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2026\/10\/10\/liyoonel-meesiin-kabaja-maluuf-argachuun-gaggeeffame\/","title":{"rendered":"Liyoonel Meesiin kabaja maluuf argachuun gaggeeffame"},"content":{"rendered":"<p>Liyoonel Meesiin waggoota 21 booda garee Biyyaalessaa Arjeentinaa keessaa bahuu hordofee tapha michoomaa qophaa&#8217;e irratti Arjeentinaan Beeniin 3 fi 0n mo\u2019atteetti.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eFedereeshiniin kubbaa miilaa Arjeentinaa tapha michoomaa Istaadiyeemii Moonumentaalitti qopheesseen Liyoonel Andirees Meesiif gaggeessaa kabajaa taasiseera. Sirna gaggeessaa kana irrattis samiin Arjentinaa halluu cuquliisaafi adiin waan duumessi irraa buufatee fakkaachuun dukkanaa\u2019e.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eIlma dinqiin Rozaariyoo, Liyoonel Andirees Meesii urjiin kubbaa miilaa addunyaa jaarraa kanaa, kana booddee garee biyyaalessaa Arjeentinaaf akka hin taphanne ifatti murteessuu hordofee, Arjeentinaafi adduunyaa guutuu biratti miirri deeggartoota uumame kun kubbaa miilaa caalaa ta\u2019ee mul\u2019atera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eGuyyaa kanas, sagaleewwan waggoottan darban dura \u201cmallattoo uffata inni uffatu isaaf hin malle\u201d jechuun isa qeeqaa turan, yeroo uummatni Arjeentinaafi miira deeggartoota isaa addunyaa mara irratti arganitti callisanii lafa ilaalan. Taatee kanaanis, namoonni miliyoonaan lakkaa\u2019aman gara dirreetti ba\u2019anii, imimmaan dhangalaasuun kabajaafi galata isaaf qaban agarsiisaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eHandhuura Boonoosaayiras kan taate iddoo awwaalcha guddicha El-Obeeliiskoo guddaa jalatti, Arjentinoonni kumaatamaan lakkaa\u2019aman walitti qabamanii, lakkoofsa Meesin uffachaa ture \u201c10\u201d seenaa qabeessa ta\u2019e ol kaasanii, \u201cMeesii! Meesii! Meesii!\u201d jechuun sagalee tokkon waamicha isaanii dhageessisaniiru.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eDuraan Arjentinootni \u201cLiyoo, hin deemiin\u201d jedhanii kadhachaa turan. Amma garuu bakka isaa \u201cwaan hundumaaf galatoomi\u201d jedhuun, faaruu kabajaa guddaa kan biraatiin bakka buusuun bakka buusan.<\/p>\n<p>Sagantaa sirna gaggeessaa Meesiif dhaabbanni Kubbaa Miilaa Arjentiinaafi hiriyoonni garee isaa qopheessanillee, addunyaan ispoortii keessatti kan argamee hin beekne, waanti garaa namaa tuqu ta\u2019ee mul\u2019 ateera.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eYeroo Messi gara dirree seenutti, deeggartootni isa jaallatan hundaan onneen isaa tuqamuun, miirri hiriyoota garee isaa imimmaaniin guute. Hiriyoonni isaa sarara lamaan hiriiranii dhaabbatanii, Arjerntinoonni immoo Istaadiyeemii Monumental guutummaatti guutanii kabajaan dhaabbatanii yeroo harka Isaaf rukutan, ijji Meesiillee imimmaaniin guutamee mul\u2019ate.<br \/>\n\u200eTapha isaa isa dhumaa keessatti akkuma amala isaa goolii yeroo galchuufi kubbaa gooliif taa&#8217;u qopheessee yeroo kennu, deeggartoonni immoo akkuma baranitti gammachuufi sirbuu irra, boo\u2019ichaaf dirqaman.<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eDeeggartoonni isaas daa\u2019ima irraa kaasee hanga nama guddaatti, harka isaanii olii fi gadi sochoosaa; suuraa Meessi uffata isaaniifi fuula isaanii irratti halluun kaasuudhaan, mootii kubbaa miilaa jaarraa kana jechuun kabajaan faarsan. Kabajni Arjeentinoonni Meesiitti agarsiisan haala nama ajaa\u2019ibsiisu ture!<br \/>\n\u200e<br \/>\n\u200eLiyoonel Meesiinis dirreefi uffata halluu cuquliisaafi adii isaa ifatti nagaa itti dhaammateera. Kubbaan miilaa qaama isaa guddaa tokko dhabe; Arjeentinaan immoo dha\u2019annaa onnee ishee dhabde. \u201cNagaatti mootii ogummaa kubbaa miilaa jaarraa kanaa; Arjeentinaan bara baraan si jaallatti,&#8221;jechuun Arjeentinoonni ergaa isaaf qaban dhaamaniifi jiru.<\/p>\n<p>Meesiin sirna gaggeessaa kabajaa isaaf taasifameen Yuunivarsiitii Boonoosaayiras irraas Dooktara Kabajaa addaas argateera. Taphataan waggaa 39 Liyoonel Meesiin biyya isaatiif goolii 126ffaa, waliigala seenaa tapha Kubbaa Miillaa isaatiin ammoo goolii 932ffaa galchuudhaan Badhaasa Waancaa Addunyaa tokko, Waancaa Koophaa Ameerikaa lammaa fi Waancaa Faayinaalizimii tokko waliin boqonnaa taphattummaa biyyaalessaa isaa xumuree jira.<\/p>\n<p>Geexee Gizaawutiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Liyoonel Meesiin waggoota 21 booda garee Biyyaalessaa Arjeentinaa keessaa bahuu hordofee tapha michoomaa qophaa&#8217;e irratti Arjeentinaan Beeniin 3 fi 0n mo\u2019atteetti. \u200e \u200eFedereeshiniin kubbaa miilaa Arjeentinaa tapha michoomaa Istaadiyeemii Moonumentaalitti qopheesseen Liyoonel Andirees Meesiif gaggeessaa kabajaa taasiseera. Sirna gaggeessaa kana irrattis samiin Arjentinaa halluu cuquliisaafi adiin waan duumessi irraa buufatee fakkaachuun dukkanaa\u2019e. \u200e \u200eIlma dinqiin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":6367,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"class_list":["post-6366","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","category-ispoortii"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6366","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=6366"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6366\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":6368,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/6366\/revisions\/6368"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/6367"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=6366"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=6366"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=6366"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}