Amaaraa Miidiyaa Korporeshiniitti kutaan Qophii Afaan Oromoo hojii kan jalqabe Raadiyoodhaan bara 1997 ture. Yeroos tamsaasa qilleensaa gabaabaan kan jalqabe qophii Afaan Oromoo, yeroo ammaa kana torbetti guyyaa lama wiixataafi Jimaata sa’aatii lama lamaaf tamsaasaa jira. Bara 2003 immoo gaazexaa Hirkoon maxxansa jalqabe. Televizhiinaan immoo bara 2010 tamsaasa qilleensaa gabaabaan kan jalqabe yommuu ta’u, yeroo amma kana guyyaa guyyaan AMECO Hibiir irratti Oduuleefi Qophiilee garaagaraa daawwattoota biraan ga’aa jira. Qophiileen adda addaa kutaa qophii Afaan Oromoo miidiyaalee hawaasummaa garaagaraan daawwattoota,dubbistootaafi dhaggeeffattoota biraan ga’aa jira. AMECOtti hundeeffamni kutaa qophii Afaan Oromoo mootummaafi uummataa Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo, afaan ofiin tajaajila miidiyaa kennuuf yommu ta’u yeroo ammaa kana qaqabinsa isaa baballisuun hariiroo uummtaa Amaaraafi Oromoo cimsuurratti, tokkummaafi wal-qixxummaan kan ittiin kabajamee ijaarsa biyyaaf gahee isa bahachuuf kaayyeffachuun hojjechaa jira.