Biyyoota hiyyummaan maqaa
dhahaman keessaa Itoophiyaan ishee
tokkodha. Biyyattii hiyyummaarraa
gara badhaadhummaatti ceesisuuf
yeroo dhihoon asitti gama moo-
tummaan sochiileen misoomaa ab-
dachiisoo dameewwan garaagaraan
taasifamaa jiran. Kana mirkanees-
suuf lafee dugdaa biyyattii kan ta’e
kaka’uumsa qonnaa adda addaaf xi-
yyeeffannoon kennamee sirnaan itti
deemamaa kan jirudha. Kaka’uumsa
kanneen keessaa tuuteffamni dam-
maa bifa ammayyaawaa hordofe isa
tokkodha.
Dhiheenyaan asitti, misooma
gama kanaan jiru lafa qabsiisuuf
kutaalee biyyattii adda addaa kees-
satti warraaqsaaleen taasifaman ni
mul’atu . Sadarkaa bulchiinsa sa-
blammii Oromoottis horsiisa kan-
nisaafi oomisha dammaa haala
aadaan baratame gara ammayyaatti
madaqsuun irraa fayyadamuuf car-
raaqqiin taasifamaa jiru gahaa ta’uu
baatus jalqabbiin jiru laayyoo miti.
Bulchiinsa sablamichaa keessaa aa-
naan Arxummaa Fursii gama hor-
siisaafi oomisha dammaan maqaa
gaariifi haala mijaawaa qabaachuun
eeramti. Aanicha keessaa oomisha
dammaan adda durummaan akka
beekamtu kan taasise tokko ganda
Golboo Arbaati.
Obbo Huseen Muftii jiraataa aa-
naa Arxummaa Fursii ganda Golboo
Arbaa yoo ta’an, damee horsiisaafi
misooma dammaarratti bobba’uun
fayyadamoo ta’aa jiraachuu hima-
niiru. Duraan bifa aadaan baroota
dheeraaf horsiisa kannisaafi oomisha
dammaarraa galii argataniin jiruufi
jireenya maatii isaanii gaggees-
saa turuu kan himan jiraataan kun,
yeroo ammaa fayyadamummaa isaa-
nii dabaluuf carraa argataniin hojii
kana bifa ammayyaawaan waldaan
gurmaa’anii hojjechaa akka jiran
ibsaniiru. Oomisha dammaarraa galii
gaarii argachuuf bu’uuruma ogees-
si damichaa ajajuun bakka jiruufi
jireenya kannisaa mijaawaa ta’e
qopheessaa turre kan jedhan obbo
Huseen, kannisni gaagura keessa jiru
ilbsoota garaagaraafi summiiwwan
farra aramaaf biifamaniin akka hin
miidhaamneef eeggannoo guddaa
taasisaa akka jiran kaasaniiru. Naan-
nawa damma oomishanitti biqiloota
daraaroo kannisni xuuxee irraa dam-
meessuu danda’u dhaabaa akka turan
caqasaniiru. Akka jiraataan kun jed-
hanitti, horsiisniifi oomishni dam-
maa kan gaagura aadaarraa inni bifa
ammayyaawaan faayida guddaa ar-
gamsiisa.
“Akka jalqabbiitti bu’aan oom-
isha dammaarraa arganne kana
caalaatti yoo hojjenne dingadee
keenya jabeessuun ofirra darbinee
hojii dhabdoota biroof carraa hojii
uumuu akka dandeenyu kan na hu-
bachiisedha” jedhaniiru . Yoo roobni
ga’aan jiraate waggaatti damma
yeroo lama muruun irraa fayyad-
amuu akka danda’anis ibsaniiru.
“Oomishni dammaa haala salphaan