Aljaziiraan Neetaaniyaahuu Cimsee Balaaleffate

Muddamni miidiyaa biyya Kaata-
ar Aljaziiraafi Israa’eel gidduu jiru

yeroo kamuu caalaa hammaateera.
Miidiyaan kun waggaa 17 dura yeroo
hundeeffamerraa kaasee bifa adda
ta’een sagalee ummata Filisxeem
ta’uun gocha Israa’eel raawwattu
saaxilaa tureera. Keessumaa waraana
Israa’eel Gaazaa irratti gaggeessaa
jirtuun dhimmichaaf xiyyeeffannaa
addaa kennuun gabaasaa jira. Amma
garuu ministeerri muummee Israa’eel
Benjaamin Netaaniyaahuu miidiyaa
shororkeessummaa walitti bu’iinsa
babal’isu jedhanii himachuun akka
cufan dhaadataniiru. Paarlaamaan
biyyattiis seera haaraa miidiyaan

kun biyyattii keessatti akka hin so-
chooneef dandeessisu baaseera. Kun

immoo hariiroo Aljaziiraafi Israa’eel

qofa osoo hin taane, abbaa midiy-
ichaa kan taate Kaataarii fi Tel-aviiv

gidduu jirullee akka hammeessu ib-
samaa jira. Kaataar immoo waliigal-
teen dhukaasa dhaabuu Israa’eeliifi

Hamaas gidduutti akka taasifamuuf

Oduu

AMECO Hirkoo