Temiwaa Chaawingaa jedhamti,
taphattuu lammii Maalaawii seen-
aa addaa qabdu dha. Yeroo ammaa
kilaba Chaayinaa keessatti taphataa
jirti. Kilabii ishee Wuhaan Jiyaanhan
jedhamuuf galchii 51 galchite. Temi-
waan jalqaba taphattoota ciccimoo
addunyaa caaluu ishee yeroo itti hi-
mamu hin amanne ture. Garee biyy-
aalessaa Maalaawiif immoo galchi-
iwwan dabalataa 12 galchite. Kuni
hundi Akka lakkoofsa Awurooppaatti
bara 2023 keessa kan ta’edha.
Walumaagala bara 2023 keessa
galchiiwwan 63 galchuun addun-
yaarraa taphattuu pirofeshinaalaa
kubbaa miilaan hedduu galchite jed-
hamteetti. Galchii hammana galchun
taphataan itti qixxaatu tokkollee hin
jiru. Erliing Halaand, Kiristiyaanoo
Ronaaldoo, Kiliyaan Imbaappee,
Liyoonel Meesis ta’e Haarii Keen
galchii hamma ishee hin galchine.
Ronaaldoon bara 2023 galchii 54
galche. Kana jechuun Temiwaan
galchii sagaliin caalti. Haari Keenii