Hawwattummaa Fuullee Magaalaa Kamisee Dabaluuf Sochii Taasifamaa Jiru

Bulchiinsi magaalaa Kamisee

wiirtuu bulchiinsa sablammii Oro-
moo yoo taatu, akkuma magaalota

biroo yeroodhaa yerootti saffisaan
babal’achuutti argamti. Magaalattiin
jireenya ilma namaaf haala qilleensaa

mijaawaa kan qabdu akka taate kan-
neen keessa jiraatanii beekan ragaa

ba’u. Magaalaa qulqulluu qilleensa
mijataa fayyummaa jiruufi jireenya
dhala namaaf mijattuu taate keessa
jiraachuun kan danda’amu ammoo
qulqullinaa magaalattii eeguun yoo

danda’amedha. Akkasumas, magaa-
laan tokko miidhagduufi hawwat-
tuu ta’uu kan dandeessu deggersa

mootummaan cinaatti hirmaannaan
hawaasa magaalattii keessa jiraatuu
barbaachisaa akka ta’e ni beekama.

Magaalaan Kamisee miidhagi-
naafi qulqullina guddina ishee

madaalu akka qabaattu gochuuf so-
chiin taasifamaa jiru abdachiisaa-
dha. Bara baajataa kanatti hawwat-
tummaafi miidhagina magaalattii

guddisuuf bu’uuraalee misoomaa
garaagaraa birrii miiliyoona 128
oliin hojjetamaa jiraachuu ragaan

Waajjira Bu’uura Misoomaa Bulchi-
insa magaalaa Kamisee irraa argame

ni addeessa.

Dhiheenyaan asitti duulli qulqul-
lina magaalaa jiraattota hirmaachise

sadarkaa mootummaatti labsamuu
hordofee jiraattonni magaalattii
duula qulqullina magaalaa irratti

hirmaachaa jiraachuufi magaalat-
tiitti jijjiiramni mul’achaa dhufuu

jiraattonni dubbisne tokko tokko ni

dubbatu. Obbo Ahmad Bashir ji-
raataa magaalaa Kamisee ganda 05

yoo ta’an, bulchiinsi magaalaa Ka-
misee wiirtuu bulchiinsa sablammii

Oromoo taatee osoo jirtuu guddin-
niifi hawwattummaan ishee gahaa

miti jedhaniiru.

Haata’u malee, hojiin wag-
goota lamaa asitti qulqullinaafi

hawwattummaa magaalattii dabal-
uuf hojjetamaa jiru kan baroota

darbanii waliin wal bira qabamee
yoo ilaalamu fooyyee qabaachuu
ajaa’ibsiifatanii dubbatu. Yeroo
ammaa kana daandiiwwan keessoo
keessoofi bakkeewwan magariisaa

magaalaa keenya keessatti hojj-
etamaa jiran sadarkaa gaarii irratti

argamu kan jedhan jiraataan kun,
hojiin bu’uuraalee misoomaa adda
addaa kunneen yeroo xumuramanitti
hawwattummaa fuullee magaalattii
kan dabalan ta’uu himaniiru.

Magaalaa qulqullina ishee ee-
gee kan bareechatu jiraataadhuma

magaalattii malee qaamni biroon hin

jiru kan jedhan obbo Ahmad, hoji-
ilee misoomaa magaalaa Kamisee

keessatti taasifamaa jirurratti dam-
maqinaan hirmaachaa akka jiraniifi

fuulduraafis cimanii kan itti fufan
ta’uu addeessaniiru.
“Nutis akka jiraataatti torban

keessaa guyyaa lama duulaan baa-
nee magaalaa ni qulqulleessina; balfa

dhangala’aafi gogaarraas magaala

keenya bilisa gochuu keessatti ga-

Oduu

AMECO Hirkoo