Hundi Milkaa’ina Mariichaaf Hojjehuu Qaba

Rakkoolee adda addaa Itoophiyaa keessatti mullatan furuun
kan danda’amu walitti dhufanii yoo marii taasisan qofaattidha.
Mariin, rakkoolee furuun mallattoo qaroominaati.
Marii biyyaalessaa taasifamuurratti uummanni hundi qaama

bakka bu’uu danda’u filachuun irraa eegama. Qaamoleen uum-
mata bakka bu’an kun gaaffii uummatichaa hunda qindeessuun

mariif dhihessuun irraa eegama. Haala kanaan yoo mariin taasi-
fame garaagarummaa jiran xiqqessuu yookiin dhabamsisuun ni

danda’ama. Adeemsa marii taasisurratti waldhagahuun baay’ee
murtessaadha.
Waan kana ta’eef rakkoolee adda addaa biyya keenya keessatti
mullatan furmaata kan argatan karaa mariidhaani malee karaa
qabsoo hidhannootiin ta’uu akka hin qabne hubatamuu qaba.
Garaagarummaa jiran afaan qawweetiin hiikuuf yaaluun firiin
isaa wal fixuufi dinagdee biyyaa laamshessuu qofadha. Walitti
dhufanii rakkoolee jiran irratti marii taasisuun, fullee biyyattii
sadarkaa addunyaarratti qabdu guddisuurrattis faayidaa olaanaa
qaba. Waan kana ta’eef carraaqaii rakkoolee jiran mariin hiikuun
taasifamuurratti shoora qaama tokko qofa osoo hin taane, hundi
milkaa’ina mariichaaf hojjehuu qaba kan jedhu ejjannoo keenya.

Oduu

AMECO Hirkoo