Tapha xumuraa Piriimer Liigii
Ingiliziitti Maanchister Siitiin West
Haamiin 3-1’n injifachuun shaampi-
yoonaa Piriimer Liigii Ingilizii tahuu
mirkaneesseera. Hawwiin eegamaa
kan ture dorgommiin Piriimer Ligii
Ingilizii torban 38ffaa kan xumurame
yoo ta’u, Maanchister Siitiin am-
mas shaampiyoonaa tahuun xumure.
Maanchister Siitiin waanchicha
yeroo afur walitti aansee mo’achuun
Piriimer Liigii Ingilizii keessatti
seenaa haaraa galmeesseera.
Taphataa cimaa Piriimer Liigii
bara kana tahuun kan filatame Fiil
Fooden taphni jalqabee daqiiqota
jalqabaa irratti galchii lakkoofsisuun
Siitii dursa qabachiise. Fooden tapha
kana irratti galchii lama lakkoofsisu-
un waliigalaan galchii Piriimer Liigii
bara kanaa 19 xumure. Mohaammad
Qudus galchii jalqabaa West Haamiif
yoo lakkoofsisu Arsenaaliif abdii
xinnoo kennee ture.
waggaa 20 booda waancaa Piri-
imer Liigii injifata jedhamee eega-
maa kan ture.