Itoophiyaan waggoota 50 oliif qamadii biyya alarraa galchaa turtetti. Qamadii deggarsaan argattu dabalatee bara baraan qamadii kuntaala miiliyoona 15 biyyoota biroorraa galchaa turuutu himama. Bittaa qamadii kanaafis bara baraan doolaara miiliyoona 600 ol baasii akka taasisaa turte ragaaleen ni mul’isu. Haa ta’u malee, waggoota dhihoo kana keessatti fedhii gama qamadiin qabdu oomisha biyya keessaan guuttachuufi qamadii biyya alaatii galchitu guutummaan dhaabuuf karoorfattee sochii taasisaa jirtuun dinqisiifannaa guddaa argatteetti.
Oomishni qamadii kun waqtii arfaasaafi bonaa kutaalee biyyattii hunda keessatti babal’achaa jiraachuun ni beekama. Isaan keessaa bulchiinsa sab-lammii Oromoo aanaa Dawaa Caffaa fakkeenya fudhachuun ni danda’ama. Sadarkaa bulchiinsichaatti aanichi gama hojii jallisii bonaan maqaa gaarii qaba. Haala qabatamaa amma jiruun lafa misooma jallisiif ooluu danda’u hektaara 600 ol akka qabu ragaan waajjira qonnaa aanichaa ni mirkaneessa. Bara kana sadarkaa aanichaatti lafti hektaara 900 ol jallisii bonaa qamadiin misoomeera. Yeroo ammaa guutummaa guutuutti oomishni qamadii misoome walitti qabamee calleeffamuun faayidaa barbaachisaaf oolaa jira. Oomisha jallisii qamadii bonaa kanarraas qonnaan bultoonni gandoota aanichaa fayyadamoo ta’uu danda’aniiru.
Obbo Jamaal Daawud aanichatti jiraataa ganda Taraf yoo ta’an, gara misooma jallisii bonaatti kan dhufan baroota sadii lakkoofsisuudha kan himani. Sana dura qonna Arfaasaa qofarratti hirmaachaa turuu kaasani “bishaaniifi lafa oomisha qamadiif mijaawaa gahaa ta’e qabna. Haalli qilleensa naannoo keenyaas qamadii omishuu kan nu dandeessisudha” jedhaniiru. Haala mijataa qabnanitti sirnaan fayyadamuu dhabuun oomisha guddaa haala salphaan argachuu danda’an barootaaf dhabaa turuu kaasaniiru. Kan darbe dhiisanii gara fuula duraatti waan harkaa qabanitti sirnaan dhimma bahuun oomishaafi oomishtummaa guddisuuf kutannoo olaanaa qabaachuu addeessaniiru. Ooyiruu isaanii hektaara walakkaa ta’u hoj-maata ogeessa qonnaan ajajaman sirnaan hojii irra oolchanii callaa qamadii kuntaala 15 jallisii bonaa irraa argachuu dubbataniiru.
Akka qonnaan bulaan jedhanitti, jallisii bonaan galiin argatan kun fuulduraaf hojii kana babal’isanii akka hojjetaniif kaka’umsa guddaa itti horeera. Duraan misoomni qamadii bonaa ganda keenyatti baratamaa hin turre kan jedhan obbo Jamaal, haala qabatamaa amma jiruun hawaasni gandichaa misooma kanarratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuuti kan eeran. Obbo Jamaal, barana hanqinni sanyii filatamaa qamadii nu mudateera jedhaniiru. Oomishni isaaniis simbirrootaafi hoomaa hawwaannisaan jalaa miidhamuu hadheeffatanii ibsaniiru. Rakkooleen eeraman bara oomishaa itti aanutti hambisuu qophiin dursaa taasifamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Obbo Jamaal Sa’id ittaanaa itti gaafatamaa waajjira qonnaa aanaa Dawaa Caffaati. “Haala qilleensaafi biyyee misooma qamadii bonaaf kennataa ta’e qabna” jedhaniiru. Kanattis haalaan dhimma bahuuf sochii olaanaa taasisaa akka jiraniidha kan dubbatan. Ogeessota ogummaa qonnaa gahaa qabaniin deggarsiifi hubannoon barbaachisaan dhimma jallisii bonaarratti qonnaan bultootaaf kennamaa turuu ibsaniiru. Fayyadamummaa qonnaan bultootaa daran dabaluuf motora bishaanii lakkoofsaan 150 ta’u gatii madaalawaan qonnaan bultootaaf raabsuu himaniiru. “Kunis aanaan keenya bishaan gahaa waan qabuuf qonnaan bultoonni bifa salphaan fayyadamoo akka ta’aniif gumaacha guddaa qaba” jedhaniiru. “Fuulduraaf misooma jallisii boneen oomishtummaan keenya akka guddatuuf qonnaan bulaa keenya cinaa dhaabbachuu itti fufna” kan jedhan obbo Jamaal, qonnaan bultootaafi horsiise bultoota oomisha qamadii waqtii bonaa kana irratti bobba’aniif deggarsa ogummaa taasisuufi galteewwan qonnaas sirnaan kan dhihaatu ta’uu addeessaniiru. Akkasaan jedhanitti, oomishni yeroo gahuttis walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuuf haala ni mijeessu.
Bara baajataa kanatti hojicha babal’isuuf lafa hektaara kuma 5 ol misooma qamadiif oolchuuf karoorsanii turuu ibsaniiru. Kana keessaa hektaara 900 misoomsuu danda’aniiru. Sadarkaa aanichaatti callaan qamadii misooma jallisii bonaa bara kana irraa argame kuntaala kuma 6 fi 500 ta’uusaa mirkaneessanii galiin argame akka jalqabbiitti baay’ee gaarii akka ta’e himaniiru. Kanaanis qonnaan bultoonni gandoota aanichaa kuma 1 fi 532 fayyadamoo ta’uu addeessaniiru. Yeroo facaasaatti sanyiin qamadii bakka biroo irraa waan dhufuuf hanqinni sanyii mudatee turuu yaadatanii, fuulduraaf qonnaan bultootaaf sirnaan akka dhihaatu ibsaniiru. Qamadii jallisii bonaan oomishame keessaa muraasni sababoota uumamaafi nam-tolcheen kan walitti hin qabamiin hafee jiraachuu kaasaniiru. Ilbisootaanis miidhaan irra dhaqqabuu tuqaniiru. Yeroo sanatti rakkoolee kana qolachuuf carraaqqii guddaa taasisanii turuu eeranii sochii kanaanis jijjiiramni dhufe akka jiru obbo Jamaal himaniiru. Misoomni qamadii jallisii bonaa aanichatti jalqabbii ta’uu kan kaasan ittaanaan itti gaafatamichi, fuulduraaf rakkoolee kanaan wal fakkaatan hambisuuf of eeggannoo dursaa taasisaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Ittaanaa itti gaafatamaa qajeelcha qonnaa bulchiinsa sab-lammii Oromoo, obbo Hasan Sa’id, oomisha qamadii jallisii bonaaf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru. Hojichi aanaalee bulchiinsichaa hunda keessatti baratamaa jiraachuudha kan himan. Hojiicha milkeessuuf baroota lamaan kana keessatti motora bishanii 650 ta’u qonnaan bultoota bulchiinsichaaf raabsamuu eeranii hubannoo hawaasichi jallisii qamadii bonaaf qabu akka dabaluuf hojiin hubannoo uumuu taasifamuu kaasaniiru. Bulchiinsichatti hojii kana qabatamaa gochuuf bara baajataa kanatti lafa hektaara kuma sagal misooma jallisii qamadii bonaaf oolchuuf karoorsanii turuu yaadataniiru. Obbo Hasan, lafa hektaara kuma jaha misoomichaaf qopheessanii turuus dubbataniiru.
Sababa hanqina sanyii filatamaafi rakkoo nageenyaa mudateen kana guutummaatti hin milkeessine jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, qamadiin misooma jallisii bonaan misoome hektaara kuma lamadha. Sadarkaa bulchiinsichaatti, hanga ammaatti callaan qamadii kuntaala kuma 11 achirraa argamuu obbo Hasan ibsaniiru. Kan hafe gara oomisha kuduraaleefi muduraaleetti jijjiiruu himani “kanarraas qonnaan bultoonni keenya fayyadamoo ta’aniiru” jedhaniiru. Fuulduratti, sadarkaa bulchiinsichaatti qonnaan bultoota kuma 37 ol ta’an, kallattiin oomisha jallisii bonaarraa fayyadamoo taasisuuf kutannoo qabaachuudha obbo Hasan kan kaasan. Hanqina sanyii filatamaan wal qabatee jiru furuuf bara oomishaa dhufuuf sanyiin qamadii kuntaalli 700 qophaa’uu obbo Hasan himaniiru. Haalonni sochii misooma qonnaa danqaa turan yeroo itti aanutti furmaata akka argatan amantaa qaban ibsaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin