Waancaa Awurooppaa Baranaa Eenyuutu Mo’ata?

Waancaa Awurooppaa waggaa afur dura A.L.Atti bara  2020 gaggeeffameen garee Ingilaandiifi Xaaliyaaniitu waancaaf qaqqabe. Gareen biyyoota lamaanii taphaan wal mo’achuu dadhabanii rukuttaa penaaliitii kennameen carraan  Xaaliyaaniif tolte. Gareen Biyyaalessaa Ingilaand adabbii penaaliitiidhaan adabamanii dirree Isteediyeemii Wembileeyitti waancaa dabarsanii kennaniiru. Yeroo sanatti waancaa waggaa 55’f barbaadan argatu jedhamee tilmaamamus, Ingilaandi rukuttaa penaaliitii kanaan keessaa galte. EURO 2024 baranaa kanarrattis carraadhuma bara sanaatu Ingilaandiin mudaataa laata?  ‘Ta’uu dhiisuu mala. Akka Optaa’n dursee tilmaama EURO 2024 kennetti, garee biyyaalessaa Ingilaandiif carraan injifachuu ni jira.

Wal morkii kubbaa miilaa idil-addunyaarratti ‘Ingilaandi olaantummaan xumurti tilmaamni!’ jedhu yeroo baay’ee hin mul’atu. Kaampaaniin Biriiten daataa ispoortii xiinxalu, Optaan, “gareen Gaariz Saawuzgeetiin leenji’u waancaa injifachuuf carraa dhibbantaa  19.9 qaba” jedheera. Moodeelli Optaa qabxii tapha tokko tokkoon tilmaame. Abbaa mo’atu, qixa bahuufi mo’amu. Kunis waan lamarratti hundaa’uuni. Tapha kubbaa miilaa irratti Optaan yoo xiinxalli isaa kaa’u, sadarkaa kubbaa miilaa biyyoota seen-duubeefi ga’umsa isaanii dhihoorratti hundaa’uuni. Moodeelli Optaa cimina morkataa, qabxiin taphaa maal ta’uu mala, akkasumas biyyoota ramaddii sana keessa jiran irratti hundaa’uun tilmaama.

Akka tilmaamichatti kan injifatu Faransaayidha. Gareen Faransaay Waancaa Addunyaa 2022 irratti garee Ingilaandiin morkiirraa baasee turuun ni yaadatama. Gareen Diidiyer Deeshoon leenji’u waancaa kana fudhachuuf carraan dhibbantaa 19.1 kennameeraaf. Akka tilmaama kennametti taanaan,  gareewwan lamaan jechuunis Ingilaandiifi Faransaay waancaaf walitti dhufuu malu. Tilmaami Optaan qopheessituun Waancaa Awurooppaa 2024, Jarman, sadarkaa sadaffaan xumuruu malti jedheera.  Ispeen, Porchugaal, Nezerlaand, Xaaliyaaniifi Beljiyeem tooraan tilmaama itti aanu argataniiru. Ingilaandi, Faransaay, Jarman, Ispeeniifi Porchugaal biyyoonni shan nuusa xumura gahuuf carraa dhibbantaa 50 ykn isaan ol qabu jedhamanidha. Waancaan Awurooppaa waxabajji 14  eegalee ji’a tokko booda Adoolessa 14 xumurama jedhamee eegama. Maddi: BBCdha

Guddinaa Asaffaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo