Naannoon Amaaraa walitti bu’iinsa keessa erga seenee ji’oottan hedduu lakkoosiseera. Walitti bu’iinsicha hordofee naannichi komaandipoostiin buluu erga jalqabee ji’oottan kudhanii ol ta’eera. Walitti bu’iinsi uumame kun naannichatti miidhaa hedduu dhaqqabsiiseera. Sochiin uummataa bakka irraa bakkatti taasisuu akka daangeffamu taasiseera. Qabeenyaafi namooma irrattis miidhaan hedduu dhaqqabeera.
Qaala’insi jireenyas akka dabaluus dhiibbaa guddaa taasiseera. Barattootni hedduun barnoota alaan akka ta’aan taasiseera. Fayyaa haadholiifi daa’imman irrattis akkasuma. Miidhaa kana hunda hambisuuf, walitti bu’iinsootni mariidhaan akka hiikaman tattaaffiin taasifamuus bu’aa barbaadamu argamsiisu hin dandeenye. Rakkicha furuuf mariin filannoo isa jalqaba akka ta’ee mootummaan hubachuun bakkeewwan garaagaraatti marii uummataa adeemsisaa jira.
Naannoo Amaaraa bulchiinsa sab-lammii Oromootti rakkoolee uumaman mariin hiikuuf kaayyeeffate konfiraansiin nageenyaa bakka hoggantootni olaanoo raayyaa ittisa biyyaafi kutaalee hawaasa dhiibbaa uuman argamanitti gaggeeffameera. Bulchiinsichi gara nageenya waaraafi nageenya guutuutti deebisuuf marii konfiraansi nageenyaa taasifame irratti abbootii amantaa, jaarsooliin biyyaafi dargaggoota dabalate kutaaleen hawaasa aanota adda addaa irraa walitti babbahan hirmaataniiru. Qaamoleen gaaffii qabna jedhan rakkoolee jiran mariin akka hiikaman fedhii akka qaban jiraattootni marii dhimma nageenyaa irratti hirmaatan ibsaniiru. “Jiraattootni kunneen rakkoolee kamuu qabsoo hidhannootiin osoo hin taane, mariitiin furuun nagaafi misoomaan biyya keenya waliin misoomsuu qabna”jedhaniiru. Kana gochuuf kutaaleen Hawaasa hundu gahee isaniirraa eegamu bahachuu qabu jedhaniiru.
Itti gaafatamaan dhimma maallaqaafi Hojii raawwachiiftu Raayyaa Ittisa Biyyaa, Birgaadeer Jeneraal Alemseggid Wandasan, Hawaasni abbaa nagaa waan ta’eef, qaamolee hidhatanii seeraan alaa socho’an, gara marii nagaatti akka dhufan taasisuun gahee isaa akka bahatu gaafataniiru. Konfiransii nageenyaa guyyaa lamaaf ture kun ibsa ejjannoo qabxii torba qabu baasuun xumurameera. Ibsa ejjannoo isaaniinis, gaaffilee dhimma bulchiinsa gaarii, hawaasummaa, siyaasaafi dhimma nageenyaa irratti kaasan, sadarkaa sadarkaadhaan mootummaa naannichaafi federaalaaf akka dhiyaatan walii galuu isaanii himaniiru.
Hirmaattootni Konfiraasichaa gaaffilee misooma naannichatti jiran nageenya malee hojjetamuu waan hin dandeenyeef, gaaffileen kammiyyuu naannoofi bulchiinsa sab-lammichaatti jiran karaa nagaan akka hiikaman gahee isaaniirraa eegamu akka bahatan mirkaneessaniiru. Dhaabbileen sabqunnamtiifi ogeessootni miidiyaa rakkoo naannichi keessa jiru gabaasuun, uummatni gara nageeenyaatti akka deebi’uufi uummatni naannicha obbolaa isaanii biroo waliin jaalalaafi tokkummaan wal deeggaruun socha’anii akka hojjetan gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru. Walitti bu’iinsootni waggoottan darban mul’atan, miidhaa namoomaafi qabeenya olaanaa geessisuu hirmattootni konfiraansichaa ibsaniiru. Nageenya naannawaa kabachiisuuf gahee isaanii akka bahaatan hirmaattootni yaada isaanii AMECOf kennan dubbataniiru.