Siyaasa ammayyaawaa keessatti daangaan mootummaafi paartii gidduu jiru ifaan beekamaafi kabajamaadha. Hojmaatniifi gaheen isaanis kan eegameedha. Itti gaafatamumaafi aantummaan isaan ummataaf qabanis seeraan kan kaa’amedha. Sirna bulchiinsa mootummaa gaarii qaban keessatti, hojii wal makaa mootummaafi paartii yeroo filannootti mul’atuun alatti, mootummaafi paartiin hojii isaanii gargar bahaanii haala ittiin hojjetantu jira. Biyya tokko keessati paartileen garagaraa jiraachu ni danda’u. Isaan keessaa tokko ummataan filatamee aangoo mootummaa qabachu ni danda’a. Paartileen muraasni sagalee uummataa wal fakkaataa yommuu argatan immoo qindominaan yeroo mootummaa biyyattii qabatan ni jira.
Kunis callaqee dimookiraasiifi ammayyummaa siyaasaa biyya tokkoti. Mootummaan biyya tokko itti gaafatamummaan isaafi aantummaan isaa kan uummataa biyyattii hundaati. Paartiin garuu namoota yaada walfakkaata qabaniin kan hundeeffamuudha. Itti gaafatamuummaan isaas miseensoota isaaf qofadha. Partiin yeroo muraasaf hojjira kan turu yommuu ta’u mootummaan biyya tokko immoo haama biyyattin jirtutti ittifufinsaan kan jiraatudha. Imaammatni paartiin tokko qopheesse hojiirra oluu kan danda’u erga uummataan filatameen boodaafi fudhatama argateen boodadha. Paartii ijaarun aangoo mootummaa qabachuun kan barbaachisees yaada moo’ataa yeroo isaa wajjiin deemu fiduun hojjiirra olchuufi. Paartiin kammiyuu hojjii isaa kan hojjatu caasaa mootummaa duraan ture keessa seenuni. Mootummaa fi paartiin maddi baajataa isaanis garaagara. Mootumman uummata biyyaattirraa gibira sassaabun baajata isaa ni argata. Baajata isaa kanas hojjii mootummaaf qofa olchuun dirqama isaati. Paartiin tokko garuu maddii baajata isaa miseensootaafi deggartoota isaati.Baajata kanas hojii paartiif ni fayyadama.
Itoophiyaa keessatti wal makuun aangoo paartii biyya bulchuufi mootummaa gidduu akka jiru irra deddeebii ni ibsama. Mootummaafi paartii mootummaa hogganu keessatti qaamni raawwachiisaafi qaamni seera baasu garaagarummaa gahee hojii qabu. Wal makuun hojii mootummaafi paartii rakkoleen hedduu biyyattii keessa akka uumamu ni taasisaa. Yeroo garagara qaamni tokko yoommu aangoo mootumma qabatu inni haaraa isa dura diigeeti. Qaamni kaanis yeroo isaa eegate akkasuma ni taasisa. Kunis ijaarsi mootummaa biyya tokko hundee akka hin qabaaneefi yeroo hundaa biyyatti jeequmsaafi hookkora keessa akka turtu ni taasisa. Mootummaan filannoon aangoo qabate jiru, gahee paartiifi mootummaa adda baasuu kan danda’uu seera itti bulmaata sirriifi gahaa ta’an baasuunifi hojjirra olchuun barbaachisadha. Hawaasni paartiifi mootummaa adda baasee akka hubatuu hojii hubannoo uumuu hojjetamuu qaba. Kunis Itoophiyaa guddoo daangaan isheefi mootumman ishee kabajame bara baraan jiraattu ni taasisa.