Galiin gibiraa guddina dam-daneessaa biyya tokkoof barbaachisaadha. Waa’een gibiraa yoo ka’u, dhimmi misoomaas waan biraa hafu miti. Maddi galii mootummaa inni ijoon gibira lammiilee irraa walitti qabamu ta’uun ni beekama. Mootummaanis, galii kana akka galfataatti walitti qabee hojii bu’uuraalee misoomaa adda addaaf oolcha. Biyyoota dinagdeen guddatan biratti dhimmi gibira kaffaluu akka amala gaariitti fudhatama. Bu’uuruma kanaan kaffaluu dhabuun ammoo “safuu hawaasaafi kabaja biyyaa cabsuudha” ilaalcha jedhu qaba. Haala qabatamaa biyya keenyaatti aadaan gibira kaffaluu laafaa ta’uus, dhiheenyaan asitti jijjiiramni jiru abdachiisaadha.
Qajeelchi Galiiwwanii Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo gama galii walitti qabuun bara baraan jijjiirama argamsiisaa jira. Bulchiinsichatti bara darbe galiin gibiraa walitti qabame birrii miiliyoona 416 ture. Galichaanis hojiileen bu’uuraalee misoomaa garaagaraa uwwisuu danda’uu ragaan qajeelchicha irraa argame ni mirkaneessa. Bara kanas kaffaltoonni gibiraa bulchiinsichaa dubbisne tokko tokko dirqama isaanii bahachaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Obbo Ammaad Abdallaa jiraataa magaalaa Kamisee yoo ta’an, jiruuf jireenya isaanii hojii mukaa hojjechuun gaggeeffatu. “Gibira kaffaluun gara dirqamaatti osoo hin deemiin galii argatan irratti hundaa’uun kaka’umsa dhuunfaan waan kaffalamuu qabudha” jedhaniiru. Gibirri qaama dhuunfaaf osoo hin taane hojii bu’uuraalee misoomaa garaagaraa hojjechuuf kan oolu ta’uu himaniiru. Galii argatan irraa bu’uura qajeelfamni labsii gibiraa jedhuun waan itti murtaa’ee dhibaa’ummaa tokko malee yeroon ofirraa kaffaluu dubbataniiru. Kaffaltii kana sirnaan raawwachuutti gammachuu guddaa qabaachuu kaasaniiru. Hojii bu’uuraalee misoomaa kan guutuu bu’aa kaffaltii gibiraa irraa argamuudha jedhu obbo Ammaad.
Gaaffii tajaajila bu’uura misoomaan walqabatee ka’uuf caalmatti kan deebii kennu gibira nurraa argamudha jedhaniiru. Fuuldurattis amanamummaa guddaan gibira yeroon kaffaluuf kutannoo qaban calaqqisiisaniiru. Haaluma kanaan, jiraataa magaalaa Kamisee, obbo Zalaalam Nigusee, meeshaalee qulqullinaa garaagaraa baay’inaan raabsuu irratti bu’uureffatanii jiraatu. “Wantan argadhu irraa gibiraafi taaksii qooduun qaama biroof osoo hin taane tajaajiluma dhuunfaa koof kan ooludha” jedhaniiru. Akka jiraataan jedhanitti, daandii, manneen barnootaa, manneen yaalaafi dhaabbilee tajaajila hawaasummaa biroo kan ijaare galii kaffaltoota gibiraa irraa walitti qabamedha. “Galiin gibirarraa argamu dhimma biraaf kan oolu waan hin taaneef gibira kaffaluun aadeffamuufi jajjabeeffamuu qaba” jedhaniiru.
Qajeelcha Galiiwwanii Bulchiinsa Sab-Oromootti, Qindeessaa Adeemsa Hojii Barumsa Gibiraafi Qunnamtii obbo Gammadaa Guutaa, “gibirri hojii hojjennuuf bu’aa argannu irraa ka’uun dhibbantaa muraasa qajeelfama irratti hundaa’uun galii mootummaaf kaffalludha” jedhaniiru. Biyyoota badhaadhan keessatti gibira kaffaluun akka nama maatiif ulaagaalee jireenyaaf barbaachisan guutuuf baajata ramaduutti fudhatamadha kan jedhan. Hawaasni gibira amanamummaafi yeroon akka kaffaluuf hojiin dadammaqsuu, seera gibiraafi taaksii kabachiisuu gama qajeelchichaan hojjetamuu addeessaniiru. Kan bara darbee caalaatti galii walitti qabuuf hubannoon kaffaltoota gibiraa kuma 12 oliif dhimma gibiraarratti kennamuu himaniiru.
“Bara baajataa 2016tti galii idileefi tajaajila magaalotaa irraa birrii biiliyoona 1 ol sassaabuuf karoorsanii turuu dubbataniiru. Hanga gabaasni kun qindaa’etti birrii miiliyoona 539 ol walitti qabuu danda’uu mirkaneessaniiru. Akka qindeessaan jedhanitti, raawwiin karoorichaa dhibbantaa 51 ol milkaa’eera. Galiin bara kanaa kan bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbantaa 23 guddina agarsiiseera. Bulchiinsichatti lakkoofsi kaffaltoota gibiraa sadarkaa ‘A’ hanga ‘C’ ‘tti jiran waliigalaan Kuma 11 olitti kan siqan ta’uu obbo Gammadaan himaniiru. Kana keessaa dhibbantaan 80 ta’an gibira kaffaluu addeessaniiru.
“Galiin gibiraafi taaksii irraa sassaabamu misooma hawaas-dinagdee biyyaa ariifachiisuuf gargaara” jedhaniiru. Obbo Gammadaan, adeemsa bittaafi gurgurtaa keessatti nagahee kennuufi gaafatanii fudhachuu dhabuun gibirarratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu akka rakkootti kaasaniiru. Daldalaan galii dhoksuun gibira waliin dhahuuf yaaluuniifi sirni daldalaa ammayyaawaa ta’e dhabamuun sababoota galii gibiraafi taaksii irratti gufuu ta’aa jiran ta’uu eeraniiru. Bulchiinsichatti, waa’ee gibiraa osoo beekanii kanneen gibira kaffaluu didan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu addeessaniiru. Akka obbo Gammadaan jedhanitti, magaalaa Kamiseefi Baatee keessatti kaffaltoota gibiraa lakkoofsaan 22 ta’an irratti tokko tokkoon isaaniirratti tarkaanfiin adabbii birrii Kuma 50 fudhatameera.
“Dhimma mirgaa qofa osoo hin taane dirqama raawwachuu qabnuu dagachuun barbaachisaa miti. Mirgi keenya kabajamuu kan danda’u dursa dirqama nurra jiru yoo baanedha. Seera gibiraafi taaksii kabachiisuuf hunduu qaama gibiraafi taaksii dhoksuufi waliin dhahuu saaxiluu qabna” jedhaniiru. Misoomaafi guddina biyya tokkoo kan ariifachiisus ta’e duubatti harkisu qabeenya mootummaan qabu ta’uu dubbataniiru. ‘’Mootummaan qabeenya gahaa of harkaa hin qabne gaaffii misoomaa hawaasni gaafatu deebisuu hin danda’u’’ kan jedhan obbo Gammadaan, galii mootummaa dabaluuf kaffaltoonni gibiraa dirqama qaban bahachuun barbaachisaa ta’uu mirkaneessaniiru. Qaamolee garaagaraa dameewwan adda addaan qacaramanii tajaajila hawaasummaa kennaniif mootummaan miindaa isaanii uwwisuuf carraa inni qabu gibira lammiilee irraa walitti qabamu ta’uu himaniiru.
Fedhiin lammiileen misoomaaf qaban baay’ee dabalaa jiraachuu kaasanii, aadaan gibira kaffaluu ammallee laafaadha jedhaniiru. Aadaan gibira kaffaluu kan hin daballe yoo ta’e, fedhiin misoomaa dabaluun qofti faayidaa kan hin qabne ta’uu hubachisaniiru. Qaamni galii argatu tokko galii isaa giddu-galeeffatee waan mootummaaf akka galfataatti kennamee deebi’ee hojii misoomaaf oolu yeroon gumaachuu aadeefachuu akka qabu kaasaniiru. “Jaalala biyyaa galii arganne bu’uureffannee gibiraafi taaksii amanamummaan kaffaluudhaan haa calaqqisiifnu” jechuun dhaamaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin