Sadarkaa addunyaatti waggoottan 30 dura biyyoottan du’aa haadholiifi daa’immanii harka shantama qooddatan jaha keessaa Itoophiyaan tokko akka turte qorannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni mirkaneessa. Biyyattiin waliigaltee Galmoota Misooma Itti Fufiinsaa akka Addunyaatti mallatteessiteen A.L.A bara 2030 ‘tti du’aatii haadholiifi daa’immanii hir’isuuf karoorfattee hojjechaa jiraachuu ragaan Ministeera Fayyaa Itoophiyaa irraa argame ni ibsa. Itoophiyaan tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immanii fooyyessuuf hojiilee hojjetteen waggoottan 20 asitti, du’aa haadholiifi daa’immanii dhibbantaa 70 hir’isuu akka dandeesse ragichi ni dhugoomsa. Tarsiimoo kana hojiirra oolchuunis dhiheenyaan asitti du’a haadholiifi daa’immanii walakkaa ol hir’isuu dandeesseetti. Bu’uuruma kanaan, hojii gama kanaan jiru daran milkeessuuf kutaalee biyyaattii garaagaraatti carraaqqiin guddaan taasifamaa jiru agarsiistuudha.
Bulchiinsa sab-lammii Oromootti aanaan Dawwee Harawaa sochii cimaa taasisu irratti argamti. Aanaan Dawwee Harawaa gandoota 13 kan of keessaa qabdu yoo ta’u, tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immanii si’ataafi qulqullina qabu kennuun rakkoolee fayyaa haadholiifi daa’immaniin wal qabatanii dhufan hambisuuf hojjechaa jirti. Hojiilee hubannoo kennamaa tureen haadholiin hedduun fayyadamoo ta’uu danda’aniiru. Aanichatti, aadde Kadijjaa Hasan jiraattuu ganda Kaariphoo yoo ta’an, kanaan dura buufata fayyaatti deddeebi’anii hordoffii ulfaa barbaachisaa taasisuun ulfa marsaa lamaan yeroo garaagaraatti ijoollee lama argachuu dubbataniiru. Kanaan dura hubannoofi hordooffiin gahaa waan hin jirreef haadholiifi daa’imman miidhamaa turuu yaadataniiru.
Haata’u malee, yeroo ammaa haalli fooyya’aa jiru abdii kan isaanitti hore ta’uu kaasaniiru. Aadde Kadijjaan, amma marsaa sadaffaaf ulfa ji’a jahaa garaa qabaachuu eerani talaallii, nyaataafi dhugaatiiwwan barbachisoo ogeessotaan gorfaman sirnaan fudhachaa akka jiran dubbataniiru. Kunis daa’ima fayya-qabeessa argachuuf kan isaan gargaaru ta’uusaati jiraattuun kun kan ibsan. Dahumsaan boodattis haaluma kanaan itti fufuuf kutannoo qabaachuu himaniiru. Ogeessota ekisteeshinii fayyaan barnoota fayyaa haadholiifi daa’immanii irratti xiyyeeffatu argachuu addeessaniiru. “Buufata fayyaatti deddeebi’anii ilaalamuun daa’ima fayyaa qabeessa argachuufi garmalee dhangala’uu dhiigaan miidhaa gahu jalaa ooluuf nu gargaara” jedhanniiru.
Aadde Xooyibaa Mahaammad ogeettii ekisteeshinii fayyaa gandichaa yoo ta’an, hanqina hubannoofi dhiheessaalee fayyaan wal qabatee baroota baay’eef haadholiifi daa’imman hedduun miidhamaa turuu dubbataniiru. “Haadholiin ulfaa’uun dura tajaajila gorsa ogeessa fayyaa fudhachuu hin aadeffanne ture. Erga ulfaa’aniis tokko tokko eegumsa fayyaa barbaachisaa ofiif hin taasisan. Kanatu du’a haadholiifi daa’immaniif sababa ta’aa ture” jedhaniiru. Keessumaayyu, daa’imman dhalatanii osoo waggaa tokko hin guutiin lubbuun darbaa turuu eeraniiru. Rakkoon kun xiyyeeffannoo argateen haala qabatamaa amma jiruun dhibbantaa baay’een hir’achuu danda’uu mirkaneessaniiru. Sadarkaa gandichatti ilaalcha amantaa daheeffachuun fedhii haadholiin ulfaa hordoffii dahumsa duraafi booda taasisuuf qaban gadaanaa ture jedhaniiru. Ilaalcha kana hojii hubannoo yeroo garaagaraatti hojjetaa turaniin cabsuu danda’uu aadde Xooyibaan addeessaniiru. Aanichatti, bara kana haadholii 125 buufata fayyaatti deddeebi’uun daa’ima argachuu danda’uu isaaniifi ammas hordoffii dahumsa boodaa taasisaa akka jiran mirkaneessaniiru. Haaluma kanaan, yeroo ammaa haadholiin ulfaa 40 ol ta’an hordoffii dahumsa duraa irratti kan argaman ta’uu aadde ogeettiin himaniiru. Akkasaan jedhanitti, daa’immaniif talaalliin ganda gandatti kennamaa ture tatamsa’ina dhukkuboota daddarboo to’achuun miidhaa gama kanaan daa’imman irra gahu hambisuuf gargaareera. Haadholiin ulfaa dhaabbilee fayyaa keessatti da’uuf akka murteessan taasisuuf hojiin qaamolee hunda hirmaachise barbaachisaa akka ta’uu dhaamaniiru.
Waajjira fayyaa aanaa Dawwee Harawaatti qindeessaa fayyaa daa’immaniifi sirna nyaataa obbo Alamaayyoo Tsaggaayee, gama tajaajila fayyaa haadholiif daa’immaniin wal qabatee hojiileen adda addaa hojjetamaa turuufi jiraachuu himaniiru. Haadholiin buufataaleefi kellaa fayyaa aanichaa hunda keessatti tajaajila fayyaa argachaa akka jiran dubbataniiru. Akkasaan jedhanitti, aanichatti haadholiin ulfaa baay’ee hordoffii fayyaa dahumsaa duraafi booda taasisaa jiru. Bara kana haadholiin ulfaa kuma 1 fi 280 ol hordoffii dahumsaa taasisaa jiraachuu himaniiru. Haadholiin 627 ta’an hordoffii ulfaa sirnaan taasisuun buufata fayyaatti nagaan dahuu qindeessichi addeessaniiru.”Haadholiin hordoffii fayyaa taasisaniin buufataalee fayyaatti daa’ima erga argataniin booda daa’imman fayya-qabeeyyii ta’anii akka guddataniif nyaata madaalamaa argachuu akka qaban ni gorsina” jedhaniiru.
Daa’imman ji’a jahaaf harma haadha hodhaniifi waggaa gara jalqabaarratti nyaata dabalataa argatan fayyaafi guddina gaarii qabaatu jedhu qindeessichi. “Daa’imman guyyaa ulfaa’amanii jalqabanii hanga waggaa lama guutanitti guyyoonni jiran waliigalaan guyyoota kuma tokkodha. Guyyoonni kun daa’immaniif baay’ee murteessoodha” jedhaniiru. Ji’oota ulfaa saglan keessatti guyyoonni jiran 270 ta’uu mirkaneessaniiru. Guyyoota kana keessatti haati ulfaa tokko nyaatawwan ofiifi daa’ima isheef barbaachisan argachuu waan qabduuf hubannoo kennaa turuu addeessaniiru. Akkasaan jedhanitti, adeemsi kun ulfi akka guddatuuf gargaara. Dabalataanis, dahumsaan boodatti guyyoonni 180 hanga daa’imni ji’a jaha guututti harma haadha qofa akka argataniif kan itti gorfaman ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas baatii jahaan boodatti guyyoota 550 hanga waggaa lama guutanitti harma haadhaan alatti nyaata dabalataa yoo argatan daa’imman guddina gaarii akka qabaataniif gargaara jedhu obbo Alamaayyoon. Daa’imman haala kanaan guddatan ulfaatina qaamaafi dheerina madaalawaa akka qabaatan, akkasuma dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu olaanaa akka qabataniif kan gargaaru ta’uus kaasaniiru. “Tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immanii babal’isuuf ogeessota ekisteeshinii fayyaafi deesistuwwan gandoota aanichaa hunda keessatti bobbaasuuf haal-dureewwan barbaachisoo tokko tokko xumuramaa jiru” jedhaniiru.
Sadarkaa aanichaatti ambulaansiin dubartoota ciniinsuun qabaman gara buufata fayyaatti geessuu danda’uufi daandiin wal qabatee rakkoon jiraachuu mirkaneessaniiru. Rakkoon kun haadholii ulfaatti qormaata guddaa taheera jedhaniiru. Dubartoonni ulfaa ji’oota gara jalqabaa lama sadii keessatti altiraasaawundii ilaalamuu akka qabaniifi ogeessa fayyaa waliin marii taasisuun baay’ee barbaachisaa ta’uu gorsaniiru. Mariin kun haala nyaataa, wantoota irraa of eeguufi qoricha fudhachuu qaban kan itti mirkaneeffatan ta’uu kaasaniiru. “Haadholiin sadarkaa olaanaan kan du’aniif mana yaalaan alatti yeroo da’an ciniinsuun wal qabatee garmalee dhangala’uu dhiigaatiini” jedhaniiru. Hordoffii mana yaalaan rakkoon kun furmaata waan argatuuf haadholiin ulfaa buufata fayyaa akka deddeebi’aniif hunduu tumsuu akka qabu hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin