Afoolli faayidaalee hedduu qaba. Afoola Oromoo keessaa taphni ijoollee isa tokkodha. Taphni ijoollee haala jiruufi jireenya hawaasa tokkoo dhaloota irraa dhalootatti ergaa bifa tapha fakkaatuun akka darbuuf mala dha’amedha. Haala tapha kanaa keessatti ijoolleen yeroo umrii ijoollummaasaanii keessatti dhimmoota hawaasummaa, dandeettii waa xiinxaluufi jaalala biyyaas ta’e kan walii isaaniis akka dagaagfataniif gargaara. Kana qofas osoo hin taane, akkaataa umrii isaaniitti safuu, seenaa, haala uumamaa, mirgaafi dirqamasaaniis ta’e kan kanneen umriin isaan caalanii akka baraniif isaan gargaara.
Taphni ijoollee bifa gaaffiifi deebiitiin akkasumas karaalee biroo adda addaatii ijoollee lamaafi lamaa ol ta`uudhaan taphatama. Afoola keessaa tokko kan ta`e taphni ijoollee kun karaa ijoolleen barnoota itti qabatan keessaa tokko ta`uu dhimma kana irratti kan qorannoo taasise, ogeessi fookiloorii Abbabbaa Maammoon ni hubachiisa. Fakkeenyaaf tapha bifa gaaffiifi deebiitiin ijoolleen wal gaafachaa taphatan kana akka fakkeenyaattis kaa`eera:
“Tokko maali?
Tokkeen tokkittuma,
Lama maali?
Lamaan mucha re`ee
Takkeen tokkittuma
Sadii maali?
Sada sumsummani
Lamaan mucha re`ee
Takkeen tokkittuma , jechuun hanga lakkoofsa kudhaniifi sanaa ol waamaa taphatu. Kana irraa ijoolleen osoo mana baruumsaa hin dhaqinis ta’ee erga mana barumsaa dhaqanii lakkoofsa lakkaa’uu sirriitti akka baratan ogeessi kun caqasaniiru. Obbo Abbabaan akka jedhaniitti yeroo baay’ee taphoota ijoolee kana ijoolleen bifa faaruutiin waan taphataniif nuffii malee irraa baratu; akkasumas salphaatti ni qabatu. Gama birootiin taphni ijoollee, kan ijoolleen taphachuun ittiin bashannananiidha. Ijoolleen kamiyyuu tapha adda addaa hawaasa keessaa argatan tokko isa biroo barsiisaa, walirraa barachaa akaakuu afoolaa daddarbee har`a irra gaheedha.
Barreessaan Boonsaamoon jedhamu barreeffama dhimma kana irratti barreesseen taphoonni ijoollee gosa garaagaraa hundi seera ittiin taphatamaniifi faayidaa mataa isaanii akka qaban caqaseera. Kanaanis akka fakkeenyaatti mul’isuuf, gosa tapha ijoollee kaa’e keessaa tokko “Meeqoo” kan jedhamudha. Ibsi tapha kanaaf kenname ganaa keessa cirracha ykn saddeeqa dhokfachuun kun meeqa jedhanii gaafatu; inni deebisus tokkee, lamee sadee, loonoo jechuun deebisa. Loonoo kan jedhamu yoo baay’inni cirrachaa sadii ol ta`e dha. Meeqoon tapha ijoollee yommuu ta’uu caalmaan tapha naannoo Oromiyaa keessatti baratamedha.
Haala kanaan taphni taphatamu kun ijoolleen salphumatti lakkoofsa akka addaan baafatan, dandeettii waa tilmaamuu isaanii gabbifachaa akka deemaniifi akka bashannanan kan dandeesisu ta`uu kaa`a. Gama birootiin faayidaan tapha ijoollee, dandeettii afaanii akka cimsatan ni gargaara, beekumsa isaanii akka bal`ifatan ni taasisa, seera afaanii akka hubatan kan dandeesisudha jedha. Yaada kana irraayyis kan hubachuun danda`amu taphni ijoollee ga`ee dandeettii afaanii keessatti qabudha.
Dabalataan gosootni tapha ijoollee qabiyyee isaanii bu`uura gochuun gosa garaagaraatti qoodamuu akka danda`an ogeessi fookiloorii obbo Abbabaan, barreessaa dhimma kana irratti barreeffama qabu Zawudee jedhamu wabeeffatanii bakka afuritti qooduun kaa`aniiru. Isaanis: Tapha ijoollee kan gaaffiifi deebiin taphatamu, tapha ijoollee gareen taphatamu, tapha ijoollee lakkoofsa irratti bu`uureeffamuun taphatamuufi tapha ijoollee kan gochaafi jechaan taphatamu ykn hurrubamudha. Haalli kun kan nama hubachiisu taphoonni ijoolleen taphataman gosaafi faayidaa adda addaa qabaachuu isaati.
Tapha ijoollee miidiyaalee adda addaa irraa akkuma arginuufi dhageenyuutti afoolawwan adda addaa kanneen akka oduu durii, baacoo, sirba, hiibboo, faaruufi kan kana fakkataniin ijoollee bashannanisiisaa ni barsiisu.
Armaan gaditti immoo taphoota ijoollee obbo Abbabaan fakkeenyummaan eere keessaa kan haala gaaffiifi deebiitii taphataman tokko ilaalun barreeffama keenya goolabna. Taphichi haala gaaffiifi deebiitiin kan qophaa`e dha.
Gaafataa: Deebisaa:
Ijoollee gamaa hoo! Ookoo
Koottu hora buuna Dhiyaana hin nyaanne
Maaliif nyaachuu didde? Warratu na dhoowwate
Maaf hin dhaanne? Dhaaneera
Eessa, eessa dhaante? Harma, harma jala
Harmi maal sii buuse? Amartii
Amartii maal goote? Hiriyaafan kenne
Hiriyaan maal sii goote? Ulee qallayyoo naaf kennite.
Ulee maal goote? Samiittin aarse
Aarri eessa dhaqe? Samii seene
Samii irraa maaltu bu`a? Rooba/ Bokkaa
Roobni maal biqilcha? Marga
Marga maaltu dheeda? Loon aayyoo kiyyaa
Loon maalitti elman? Okolee sibilaa
Maalitti fannisan? Xaaxessaa
Xaaxessaa maltu mura? Qottoo
Qottoo eenyutu tuma? Ogeessa
Ogeessi kun eenyu? Kan dandeettii qabu
Dandeettii maaltu fida? Jireenyaafi barnoota, jechaa baratu
Tapha ijoollee armaan olitti dhiyaaterraa ijoolleen waa’ee bakkaa, qaamaa, sibiilaa, mukaa, meeshaa, dandeettii ogeessaa, adeemsa wal dhaggeeffannaa, bu`aa hiriyyaan waliif oolu, roobni samii irraa akka bu`uufi margas biqilchu, loon immoo marga akka dheedan, loon hora dhuganii aannan akka kennanfaa irraa barachuu danda’u.
Milkeessaa Dheeressaatiin