Ilmi namaa hojjetee fedhii isaa guuttachuufi jireenya gammachuun guutame jiraachuu barbaada. Kaayyoo ofii galmaan ga’uufis nageenyi jiraachuun dirqama ta’a. Nageenyi bu’uura waan hundumaa waan ta’eef jechuudha. Hojjetanii jiraachuun, daldalanii bufachuun, dhalanii guddisuuniifi ilmi namaa jireenya barbaaduufi hawwuu jiraachuu kan danda’u yoo nageenyi jiraateedha.
Bulchiinsa Sablammii Oromoo aanaa Dawwee Haaraawaatti hojiin nageenya irratti hawaasa hirmaachisuun hojjatameen, aanichatti nageenya waaraa fiduun danda’amu itti gaafatamaan waajiira poolisii aanichaa gargaaraa inspeektara Sayid Mahaammad himaniiru. Itti gaafatamaan kun nageenya jechuun uummatni naannoo tokko keessa yeroo jiraatu, jiruufi jireenya isaa yakkootaafi sodaawwan garaagaraa irraa bilisa ta’een yoo jiraachuu danda’edha jechuun nageenyaaf hiika itti laataniiru.
Nageenya kabachiisuufi eegsisuun kan danda’amu immoo qaamoleen nageenya garaagaraa hawaasa waliin yoo qindoominaan hojjetan ta’uu hubachiisaniiru. ‘’Qaamolee nageenyaa qofaan nageenya fiduun hin danda’amu’’ kan jedhan gargaaraan inspeektara Sayid, kanaafis hawaasni nageenya fiduu keessatti gahee bakka bu’ummaa hin qabne qabaachuu akka qabu dubbataniiru.
Jiraattonni aanaa Dawwee Haarawaa, qaamolee callisaa waliin qindoomuun hojjechuu isaaniitiin, nageenyi aanichaa mirkaneessuun danda’amuu himaniiru. Namoota badii raawwatan saaxiluuniifi qaamolee callisaaf dabarsanii kennuun uummatni aanichaa mirkanaa’uu nageenyaaf gumaacha olaanaa taasisera jedhaniiru. Hawaasichi sadarkaa sadarkaan caasaa garaagaraatiin gurmaa’ee nageenya isaa halkaniifi guyyaa eegaa jiraachuu eeraniiru. ‘’Nageenyi kan hundaa waan ta’eef hundaan mirkanaa’a’’ kan jedhan gargaaraan inspeektar kun, kana gochuudhaaf immoo jalqaba dargaggoota, dubartoota, abbootii amantaa, jaarsoolii biyyaafi caasaa mootummaa waliin qindoomuun, hojiin sabqunnamtii hojjetamu akka qabu hubachisaniiru.
Qonnaan bulaan lafa isaa qotatee oomishuu kan danda’uu yoo nageenyi jiraatedha, kanaafuu hawaasni dhimma nageenyarratti hubannoo akka qabaatu taasisuun, nageenya isaa cimee akka eeggatuu taasisa jedhaniiru. Hojii hubannoo uumuu cimaan hojjatameen, Uummatni aanaa Dawwee Haarawaa gama hundaan mootummaa cinaa dhaabbatte nageenya isaa akka tikfatuu taasifamuu himaniiru. Kanaafis aanichi, aanota bulchiinsa sablammii Oromoo keessatti argaman biroofis kan fakkeenya gaarii ta’uudha jedhaniiru.”Rakkooleen yeroo garaagaraatti nu mudatanis, caasaan mootummaa tokkommaa isaa cimsuuniifi uummata hirmaachiisuun injifata taaneera” jedhaniiru.
Bulchaan aanaa Dawwee Haraawaa obbo Ahmad Huseen, aanaan Dawwee Haarawaa aanota biraa irraa kan adda ishee taasisuu qaamoleen callisaafi hawaasni waliin qindoomuun akkasumas aanota ollaa waliin hojii hojjetameen rakkoo tokko malee nageenya ishee kabachiisuu danda’uu isheeti jedhaniiru. Aanichi karaa Bahaatiin, aanota naannoo Affaar sadii waliin kan wal daangeessuu yoo ta’uu, kallattii Kaabaatiin immoo saba Argobbaa waliin kan wal daangeessuudha. Kallattii Kibbaafi Lixaatiin aanaa Arxummaa Fursiifi Dawaa Caffaa waliin wal daangeessa. Rakkoolee sababa walitti bu’insaaf sababa ta’an adda baasuun, gaggeessaan sadarkaan jiru dhimmoota adda bahan irratti akka mari’atuufi furmaata akka kennu taasisuun aanichatti nageenya waaraa mirkaneessuu dandeenyarra jedhaniiru. Hirmaannaan abbootiin amantaafi jaarsooliin biyyaas nageenya fiduu keessatti gahee olaanaa qabaachuu bulchaan olaanaa aanichaa kun hubachiisaniiru. Obbo Ahmad, uummatni aanichaa tokkummaa isaa cimsuun nageenyaaf waardiyaa dhaabbachuu isaatiin nageenyi waaraan argamuu danda’u dubbataniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjatamen uummatni aanichaa, harka tokkon misooma isaa finiinsaa harka tokkon immoo nageenya isaa kabachiisaa jira jedhaniiru.
Yeroo ammaan aanota ollaa waliin rakkoo tokko malee jaalalaafi tokkummaan akka waliin jiraachaa jiran obbo Ahmad ibsaniiru. Bulchaan olaanaa kun akka jedhaniitti, hawaasa yakka balaaleeffatuu uumuuf pooliisii hawaasummaa gandota garaagaraatti ramaduun, hawaasni ittisa yakkaa irratti hubannoo akka argatu tasisuuf hojiin guddaa hojjetameera. Kanaanis uummatni wantoota yakka ta’aniifi hin taane adda baasuun, namoota yakka hojjetan qaama seeraatti dabarsee kennaa jiraachuu eeraniiru. “Uummatni keenya yakka waan balaaleeffatuuf, aadaa ‘yakkamtoota dhoksuu hin danda’u’ jedhu ni qabu’’ jechuun amantaa uummata isaaniitti qaban ibsaniiru. Yakkamaa dabarsanii kennuun, hawaasni biroon nagaan akka jiraatuu kan taasisuudha jedhaniiru. Yeroo ammaa aanichatti hojii nageenya irratti xiyyeeffate hojjetamuu isaatiin, nageenyi amansiisaan jirachuus eeraniiru.
Obbo Siraaj Mohaammad, jiraataa ganda Madinee yoo ta’an, isaaniis yaada obbo Ahmad kaasan kan cimsuu dubbataniiru. Uummatni Affariifi uummatni aanaa Dawwee Haarawaa, uummata jaalalaan waliin jiraachaa jiruudha jedhaniiru. Uummatni Aanaa Waddaraagee kan naannoo Affaaritti argamtuufi uummatni aanaa Dawwee Haarawaa walitti dhufeenyaa cimaa kan qabaniifi fudhaafi heerumaan kan walitti hidhaman, uummata obbolaa ta’uu himaniiru. Yeroo gaddaafi gammachuus uummata wal bira dhaabbatuudha jedhaniiru.
Yeroo rakkoon uumamuus uummatni kun waliin ta’aanii mariidhaan akka hiikan addeessaniiru. Kanaanis nageenya waaraa naannawichaatti fiduun danda’amuu obbo Siraaj ragaa bahaniiru. Yeroo ammaas naannawichaatti nageenyi itti fufinsaan waan jiruuf misooma isaanii saffisisaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaan bulchaa olaanaafi itti gaafatamaan dhimma nageenyaa bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Alii Mahaammad, waltajjiin marii nageenyaa aanota ollaa waliin magaalaa Kamiseetti taasifame irratti yaada kaasaniin, uummatni Affaariifi uummatni aanaa Dawwee Haarawaa, uummata baroota dheeraaf jaalalaafi tokkummaan waliin jiraate, uummata obbolaadha jedhaniiru. Uummootni lamaan kunneen, hawaasummaa, diinagdeefi, waliin jireenya walfakkaataa kan qaban hawaasa maatii tokkoti jechuun ibsaniiru. Hariiroo uummattoota kanneen cimsuufis caalmaan hojjetamaa jiraachuu obbo Aliin eeraniiru.
Alamuu Balaayiin