Buna Dhuguun fayyaa namaaf faayidaa hedduu akka qabu ogeeyyiin yaala fayyaa ni ibsu. Bu’aan qorannolee waggoota hedduuf namoota buna dhugan irratti gaggeeffaman akka muldhisanitti: Bunni keemikaala ‘Kaafiin’ jedhamu of keessaa qaba. Keemikaalli kun ammoo sammuu si’eessuun kaka’umsaa fi humna namaa uumuun miira dadhabbii hir’isuun beekama.
Hammi ‘Kaafiniin’ nama si’eessuu fi jijjirraa haala-amala namaa irratti fidu garuu namaa namatti garaagarummaa qaba. Kaafiiniin Dhukkuba Tiruu Yeroo Dheera fi Kaansarii Tiruu ittisu irratti gahee qaba. Tiruun dhukkubsatte akka gadaanisa uumtee hin dadhabne tursiisuu irratti faayida qaba. Baattuun hadhooftuu akka dhangala’aa hadhooftuu bullaayinsa nyaataaf barbaachisu akka gadi lakkiftu waan si’eessuuf uumamuu cirracha hadhooftuu ni hir’isa. Kaafiniin amala “Theophylline” qoricha yeroo tokko tokko dhukkuba Asmii yaaluuf kennamuun walfakkaatu waan qabuuf ujummooleen qilleensaa akka babal’atan taasisuun hafuurri nama hanqachuu yeroo Asmi mudatu ni hir’isa. Kaafiniin kana gochuuf garuu Buna hanga Shiinii 4 dhuguun barbaachisadha.
Naannoo Amaaraatti Bara 2017tti bunni kuntaala kuma 133 ol ni oomishama jedhamee eegama.Hojiiwwan misoomaa bara baajataa 2017tti xiyyeeffannoon kennameef keessaa tokko misoomni bunaa isa tokkodha. Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraatti; Daarektoreetiin Misooma Kuduraa, Fuduraalee fi Jallisii, bara 2010 irraa eegalee bunni naannoo Amaaraatti bal’inaan dhaabamuu isaa ibseera. Waggoota shanan darban keessatti hojiin Buna misoomsuu aanaalee 21 keessatti hojjetamaa jiras jedheera.
Naannichatti Waggaa waggaan lafa heektaara kuma 2 fi 800 giddu galeessaan biqiltuu bunaa miiliyoona 7 dhaabuun hojjetamaa jira. Bara 2016tti lafti heektaara kuma 31 fi 463 bunaan uwwifamee jira. Kana keessaa hektaara kuma 22 fi 256 oomishaa argamsiisaa jira. Bara kanas oomishni kuntaala kuma 133 fi kuntaalli 550 ni argama jedhamee eegama jedhaniiru. Naannichi buna jallisiitiin kan oomishu yoo ta’u, kunis naannolee biroo irraa adda akka ta’u taasisa.
Naannichatti biqiltuuwwan bunaa fi muduraa qopheessuu irratti dhaabbileen biqiltuu mootummaa, dhuunfaa, fi waldaan biqiltuuwwan kuma 2 fi 200 ol hojjetamaa jiru. Naannichatti qonnaan bultoonni kuma 488 fi 156 misooma bunaa irratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa kuma 46 fi 988 dubartoota ta’uu ibsameera.
Buruuk Tashoomaatiin