Dhukkuba Busaa Bahinsa Gannaatiin Walqabatee Mudatu Dursanii Ittisuu

Dhukkubni busaa irra caalaa waqtii roobaafi roobni wayita bahu baay’inaan mudata. Sababni isaa roobni bishaan akka kuufamu gochuun, bookeen busaa akka wal horuuf haala mijeessa. Dhukkubichis nama qabuu kan danda’u karaa Bookee Busaa kana waan ta’eef, waqtii roobni caamutti dhukkubni kun ni hammaata. Dhukkuba busaa bahuu waqtii gannaan  mudachuu malan dursani ittisuun miidhaa isaan hawaasa irraan ga’an  xiqqeessuu keessatti qophiin ittisaa taasifamu murteessaa dha. Aanaa Arxummaa Fursiitti, dhukkuba busaa bahiinsa gannaan walqabatee mudachuu danda’u dursanii ittisuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu qophii garaa garaa taasisaa jiru.

‎ Obbo Abrahaam Taqabbaa jiraataa Aanaa Arxummaa Fursii Ganda Caffaa Roobbiit kan ta’an, bara darbe dhukkuba busaan qabamuun dhuukkubsachaa turuu isaanii irraan kan ka’e,  rakkoon maatiin isaa irra gahaa turuu kaasuun, yeroo ammaa naannoo mana jireenyaa isaanii qulqulluu taasisuu, bishaan kuufame dhabamsiisuufi saaphanaa sireetti  fayyadamuun fayyaa isaaniifi maatii isaanii dhukkubichaa irraa eegaa jiraachuu himaniiru.

‎Hawaasni karaa dhukkuubni busaa ittiin dardarbuufi maloota ittisa isaa sirriitti beekuun akkasumas gorsa ogeessota fayyaa fudhachuun balaa dhukkubichaan dhufu hir’isuun murteessaa ta’uus gorsan. Dhukkuba busaa waktii bahinsa gannaa mudachuu danda’u dursanii ittisuuf hawaasni naannawaa isaa qulqulleessuun gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qabanis hubachiisan. Namni hundi naannoo isaa qulqulleessuu, bishaan kuufame dhabamsiisuufi maloota ittisaa walhormaata bookee busaa sirriitti fayyadamuun fayyaa ofiifi maatii isaa eeguuf gahee irraa eegamu bahachuu qabaas dhaaman.



‎Akka ogeettiin fayyaa Aanaa Arxummaa Fursii Ganda Caffaa Roobiit Aadde Faxumaa Abdallaa , dhukkubni busaa dhukkuba bookee busaatiin walqabatee nama irratti mul’atu, keessumaa waktii gannaa haalli qilleensaa ho’aafi jiidhina qabu uumamuun dhukkubni kun baay’inaan mul’achuu akka danda’u ibsiteetti. Bookeen busaa bakka bishaan itti kuufamuufi bakkeewwan xuraa’aa keessatti baay’inaan wal horuu waan ta’eef, bishaan kufamee bakka jiruu dhangalaasuu, balfa sirnaan bakka itti gatamutti gatuu,saaphaana sirree fayyadamuu,keemikaala farra bookee busaa biifuufi qulqullina naannoo sirnaan eeggachuun barbaachisaa ta’uu dubbatan.

‎Yeroo dhukkubni busaa nama qabuttis mallattooleen akka qaamni ho’uu, mataa dhukkubbiifi dadhabbii qaamaa namarratti mul’achuu waan danda’aniif, mallattoolee kanneen yoo ofirratti arge namni kamiyyuu mana yaalaa naannoo isaanii jiru deemuun akka yaalamu qabus dhaamaniiru. Wayita keemikaalli farra bookee busa  biifamu qajeelfama ogeessa fayyaa hordofuu akkasumas nama leenjiifi  muuxannoo qabuun biifamuu akka qabu dubbataniiru. Gorsa ogeessa fayyaan ala keemikaala kana biifuun  fayyaa namaafi naannoo irratti dhiibbaa hamaa geessisuu akka danda’us gorsaniiru.


‎ Ogeessi Fayyaa  Hospitaala Caffaa Roobiit kan ta’an Obbo Salamoon Asnaaquu, Aaanaa Arxummaa Fursiitti  dhukkuba  busaa bahinsa waqtii gannaa waliin walqabatee mudachuu danda’un dursanii ittisuuf hawaasaafi ogeeyyii fayyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Odeeffannoo hawaasa irraa argamu irratti hundaa’uun iddoowwan bookeen busaa itti wal- hortuufi bakka itti hammaachuu danda’u adda baasuun tarkaanfiiwwan ittisaa hatattamaa fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru. Kana malees, hawaasni iddoowwan fagoo jiraatan tajaajila qorannoo dhiigaa, hubannoo fayyaafi of eeggannoo barbaachisaa akka taasisuuf ogeeyyiin fayyaa mana manarra deemuun hubannoo uumuufi deeggarsa barbaachisuu hunda taasisaa jiraachuu dubbataniiru;hojii tola-ooltummaa gannaa keessatti hirmaannaa hawaasaa cimsuun hospitaalaafi kilinikaalee baadiyyaa irratti argaman duulli deeggarsaa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. ‎

Dhukkuboota bifa weeraraatiin waqtii bahinsa gannaa waliin walqabatee uumamuu danda’an keessaa dhukkubni buusaa isa tokko ta’uufi dhukkubicha dursanii ittisuuf karoora baasuun hojiiwwan ittisaafi hordoffii cimsuun hawaasaaf hubannoo kennuun hojjetamaa jiraachuu  kan himan immoo Itti Gaafatamaan Qajeelcha Fayyaa Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo Obbo Usmaan Aliyyiiti. Aanoolee rooba guddaa argatan kanneen akka Aanaa Jillee Dhummuugaafi Aanaa Dawwaa Caffaa keessatti jiidhinni lafaa dabaluun walhormanni bookee busaa akka uumamuuf haala mijataa uumuu waan danda’uuf tarkaanfiiwwan ittisaa dursanii fudhachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiras jedhan.

‎Iddoowwan bookeen busaa itti walhortu qulqulleessuu,bishaan kuufame bo’oo baasuun dhabamsiisuu, hawaasaaf gorsa kennuufi ogeessota fayyaa qopheessuun bakka barbaachisaa ta’etti deeggarsa akka taasisaniif qophii gahaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Hawaasni mallattoo dhukkuba buusaa yeroo ofirratti arge gara dhaabbata fayyaa deemuun qorannoofi yaala barbaachisaa argachuu akka qabuufi gorsa ogeessotni fayyaa kennan sirnaan hordofuu akka qabanis gorsaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo