“Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Eegalame Sirnaan Hojiirra oolchuun Diinagdee Naannoo Keenyaa Guddisuu Qabna” Bulchaa Olaanaa Naannoo Amaaraa

Bulchaa olaanaa naannoo Amaaraa, obbo Araggaa Kabbadaa sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaa naannichatti eegalchiisaniiru. Pirezidaantichi sagantaan ashaaraa magariisaa madaalli jijjiirama qilleensaa eeguun haala mijataafi madaalawaa uumuuf gargaara jedhaniiru.

Saganticha sirnaan hojiirra oolchuun diinagdeen naannichaa guddachuu akka qabus hubachiisaniiru. “Sagantaa ashaaraa magariisaa eegalame sirnaan hojiirra oolchuun diinagdee naannoo keenyaa guddisuu qabna” jedhaniiru. Sadarkaa naannoo Amaaraatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuun biiliyoona tokko tuqaa afur dhaabbiif qophaa’uu itti aanaan biiroo qonnaa naannoo Amaaraa Ajjebee Sinshawu himaniiru.  Itti gaafatamichi biqiltuuwwan diinagdee guddaa waan argamsiisuu danda’aniif akkaataa ikoloojii naannoo sanaatiin kan dhaabamaa jiran ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan qajeelchi qonnaa bulchiinsa sab-lammii Oromoo aanotaafi bulchiinsota magaalota bulchiinsichaa hunda keessatti qophii sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaa xumuree jiraachuu ibseera.

Qajeelchichatti dursaa garee qabeenya uumamaa kan ta’an obbo Mangistuu Birihaanuu akka jedhanitti, biqiltuuwwan bosonaafi muduraalee garaagaraa sagantaa ashaaraa magariisaaf qophaa’aniiru. Ashaaraan magariisaa eegaluun duratti uwwisni bosonaa bulchiinsichaa dhibbantaa kudhanii gadi akka ture yaadataniiru. Haata’u malee, waggoota muraasaa asitti erga duulli ashaaraa magariisaa eegalamee dhibbantaa 14 irra gahuu mirkaneessaniiru. Uwwisa bosona bulchiinsichaa daran guddisuuf bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 14 ol dhaabuuf qopheessanii jiraachuu kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, sadarkaa bulchiinsichaatti dhaabbiin ashaaraa magariisaa kan gaggeeffamu marsaa lamaan ta’uu addeessaniiru. Duula dhaabbii biqiltuurrattis namoota kuma 23 ol hirmaachisuuf haaldureewwaan barbaachisoo xumuramaa jiraachuu obbo Mangistuun himaniiru. Itti aanaa ittigaafatamaa qajeelchichaa obbo Hasan Sa’id  akka jedhanitti, bara kana biqiltuuwwan adda addaa miiliyoona 13 ol sagantaa ashaaraa magariisaan ni dhaabbatu. Hektaara kuma afur ol irratti biqiltuu miiliyoona 14 ol kan dhaabbatan ta’uu himaniiru. Isaan keessaa biqiltuun muduraalee kuma 137 ol ta’uu mirkaneessiiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa  bara 2016 milkeessuuf hunduu ga’ee isaa akka ba’uuf obbo Hasan dhaamaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

 

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo