Arjooma Lubbuu Baraaru 

Arjoomni gatii hin qabne hin jiru. Hunduu bakkasaatti barbaachisaafi gati-qabeessadha. Ta’us, arjoomni hundaan olii lubbuu namootaa kan baraaru arjooma dhiigaa ta’uu hedduun irratti waliif galu. Addunyaa kanarratti wanti maallaqaan hin bitamne lubbuu ilma namaati. Yeroo barbaachisaa ta’etti, lubbuu namaa kana du’arraa baraaru ammoo dhiiga ilmi namaa walii waliisaaf gumaachudha. Wantoota bu’uuraa garagaraa gabaa bitachuun ni danda’ama. Garuu, dhiiga dhala namaa gabarraa bituun hin danda’amu. Kanaafi ‘arjoomni arjooma caalu dhiiga dhala namaati’ kan jedhameef.

Waan kana ta’eef namoonni baankii dhiigaatti yeroo dhiiga arjooman ni mul’ata. Obbo Ismaa’il Naasir jiraataa magaalaa Kamisee yoo ta’an, magaalichatti namoota gara baankii dhiigaa deemuun dhiiga arjooman keessaa isaan tokkodha. Waggoota 15 dura mana barnootaa osoo jiranii dhiiga arjoomuu eegaluu isaanii jiraataan kun yaadataniiru. Ammas taanaan yeroo yeroon dhiiga arjoomuu irratti argamuu dubbataniiru. Akka obbo Ismaa’il jedhanitti, kan duraanii osoo hin lakkaa’amiin erga barnoota xumuraniin booda marsaa 23ffaa dhiiga arjoomaniiru. Yeroo ammaa tajaajila Baankii Dhiigaa Kamiseetti deddeebi’uun ji’a sadii sadiin dhiiga arjoomaan jira jedhu obbo Ismaa’il.

Dhiiga arjoomuun gammachuu sammuu kan isaaniif kenne ta’uus himaniiru. Darbees, fayyaa isaanifillee gaarii akka ta’e kaasaniiru. Gootummaan dirree waraanaa qofatti kan hin mirkanoofne ta’uu kan himan obbo Ismaa’il, dhiiga bakka bu’uu danda’uu lammii ofiif arjoomanii du’uurraa baraaruun mirkaneessituu gootummaa guddaa isa biroo akka ta’e eeraniiru. Fuulduraafis haaluma kanaan kan itti fufan ta’uu himanii, namuu hojii gaarummaa kana keessatti qooda fudhachuun gaheesaa bahachuun gaarii ta’uu gorsaniiru.

Obbo Siraak Nugusee, Qindeessaa Tajaajila Baankii Dhiigaa Kamiseeti. Tajaajilli Baankii Dhiigaa Kamisee bara 2010 hundeeffamuu dubbataniiru. “Baankiin kun Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo dabalatee naannolee ollaa wal daangessaniif kanneen akka naannawa Affaariifi Shawaa Roobitiif tajaajila kan kennudha. Kaayyoon hundeeffama baankichaa hospitaala tokkoofi namoota miiliyoona tokkoof tajaajila kennuuf yaadamee hundeeffame. Haata’umalee, baankichi tajaajilasaa babal’isuun yeroo ammaa hospitaalota afuriifi uummata miiliyoona 2 oliif tajaajila kennaa jira” jedhaniiru. Tola ooltummaan dhiiga arjoomuu caalu kan hin jirree ta’uusaa eeranii, dhiiga namni tokko marsaa tokkotti arjoomu namoota sadii du’a irraa baraaruu akka danda’u addeessaniiru.

‘’Dhiigni waan bakka bu’uu danda’udha; lubbuun garuu bakka bu’uu hin danda’u’’ kan jedhan qindeessichi, namni fayyaa buleessiifi ulaagaa dhiiga arjoomuu guutuu danda’u tokko ji’a sadii sadiin dhiiga arjoomuu kan danda’u ta’uu himaniiru. Qindeessaan kun dhiiga ji’a sadii sadiin arjoomuun faayidaa malee miidhaa hin qabudha kan jedhan. Namoonni baay’een nama dhiiga isaaniif kennu dhabuudhaan lubbuun darbaa turuu isaaniiti kan eeran obbo Siraak, rakkinichi kan uumamu dhiiga arjoomuudhaan lubbuu baraaruun osoo danda’amuu qaamoleen dhiiga arjooman gara boodeetti jechuurraan kan madde ta’uu akka sababaatti kaasaniiru.

Dhiiga arjoomuun boqonnaa sammuu kan namaa kennuufi balaan tasaa yoo nama mudate kan dafee dandamatu namoota yeroo baay’ee dhiiga arjooman ta’uu addeessaniiru. Bulchiinsichatti, namoonni gareedhaan ji’a sadii sadiin dhaabbataadhaan gara baankichaa deemuun dhiiga arjooman akka jiran himaniiru. Hawaasni dhiiga arjoomuu irratti hubannoon qabu laafaa ta’uu kan himan obbo Siraak, dhimma kanarratti hawaasa barsiisuun fedhiin dhiiga arjoomuu isaanii akka dabalu taasisuu danda’uu himaniiru. Dhiigni arjoomamu sanyii, amantiifi kanneen biroon osoo adda hin bahiin akka waliigalaatti dhala namaaf oola jedhaniiru. Akka yaada isaaniitti, gocha kanarratti hirmaachuun gammachuu daangaa hinqabne kan namaaf kennudha.

Bara kana sadarkaa bulchiinsichaatti, tajaajilli baankii dhiigaa Kamisee, dhiiga yuuniitii kuma tokkoofi 800 walitti qabuu danda’uu qindeessichi ibsaniiru. Akka obbo Siraak jedhanitti, sababoota rakkoolee nam-tolcheen mudataniin karoorriifi raawwiin isaanii kan wal hin gitne ta’uu himaniiru. Haata’u malee, kan walitti qabame kun lubbuu lammiilee hedduu du’arraa kan baraare waan ta’eef akka salphaatti kan ilaalamu miti jedhaniiru. Dhiigni arjoomtonni kennan haadholii dahumsaa irratti hanqinni dhiigaa mudateefi namoota balaa tasaan miidhamaniif kan oolfamudha jedhaniiru. Tajaajilichis kaffaltii tokko malee bilisaan kan kennamaa tureefi jiru ta’uu qindeessaan kun eeraniiru. Lubbuu namaa baraaruuf dhiigni shoora olaanaa qabaachuu kaasanii, kanaaf lubbuu namaa baraaruuf ‘’dhiiga haa arjoomnu” jechuun dhaamaniiru. Sagantaa tola ooltummaa ganna kana adeemsifamu irratti dhiiga arjoomuunis tola ooluu waan ta’eef dhiiga yuuniitii kuma tokkoofi 500 arjoomtotarraa walitti qabuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jiraachuu qindeessaan kun ibsaniiru.

Obbo Kaalid Musxaafaa Hoji-gaggeessaa Hospitaala Waliigalaa Kamiseeti. Sababoota balaawwan tasaa adda addaafi tajaajilli baqaqsanii yaaluu hospitaalichatti waan baay’atuuf dhiigni hospitaalichaaf baay’ee barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Rakkoolee gama kanaan jiran furuuf tajaajila baankii dhiigaa Kamisee waliin qindoominaan hojjechaa turuufi jiraachuu kaasaniiru. Baankichi bara kana  hospitaalichaaf dhiiga dhiheessuun lubbuu namoota kuma tokkoofi 800 ol kan baraare ta’uudha hoji-gaggeessichi kan himan. Haadholii dahumsaan wal qabatee dhiigni isaanii garmalee dhangala’eef baankichi wabii ta’uu danda’uu isaa mirkaneessaniiru.

“Namoota sababoota garaagaraan dhiiga barbaadan deggarsa baankii dhiigaa Kamisee irraa arganneen lubbuu baraaruu dandeenyeerra” jedhaniiru. Akka obbo Kaalid jedhanitti, hospitaalichaaf ji’atti dhiiga yuuniitii 50 oltu barbaachisa. Rakkoolee gama hanqina dhiigaan walqabatanii mudachaa jiraniif baankii dhiigaa Kamisee waliin wal ta’uun hojjechaa jiraachuu hoji-gaggeessaan hospitaalichaa ibsaniiru. Ogeessota fayyaa hospitaalichaa bakkeewwan dhiigni itti arjoomamutti bobbaasuun baankichaaf gamasaaniin deggarsa taasisaa akka jiran himaniiru. Galteewwan fayyaa qorannoo dhiigaaf barbaachisaniin cinaa dhaabbachaa jiraachuus kaasaniiru. Fuuldurattis, waliin hojjechuuf fedhii olaanaa qabaachuu obbo Kaalid himaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo