Hawaasni, Qaamolee Nageenyaa Waliin Hojjechuun Nageenya Isaa Kabachisaa Akka Jiru Ibsame

Naannoo Amaaraa bulchinsa sablammii Oromoo aanaa Arxummaa Fursiitti haala waqtaawaa nageenya irratti konfiransiin  uummataa adeemsifameera.   Gaaffiin siyaasaa, qabsoo hidhannoodhaan deebi’uu akka hin jirre hubachuun  qaamolee hidhatanii socho’an gama kaawunsilii nageenyaatiin gara qe’ee  isaanii akka deebi’an waamichi dhihaateera. Marii kana irratti kan hirmaatan jiraattootni aanichaa garagaraa qaamoleen hidhatanii bosona jiran waamicha nageenyaa mootummaan taasise fudhachuun gara qe’ee isaanii deebi’u qabu jedhaniiru.

Qaabsoon hidhannoon taasifamu wal fixuu irra kan hafe bu’aa biraa fiduu waan hin dandeenyeef,  qaamoleen hidhatanii socho’an uummata isaaniif jecha gara nagaatti dhufuu qabu jedhaniiru. Waamicha nagaa taasifame kana akka carraa gaariitti fayyadamuun  gara uummata isaan guddisetti deebi’uu qabu jedhaniiru.

Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee aanaa Arxummaa Fursii, Ahimad Mahaammad,  aanichatti hojii qindoomina mootummaafi uummatni hojjetaniin,  nageenyi fooyya’aan jiraachuu ibsaniiru.  Haawsni nagaa waan barbaaduuf qaamolee callisaa waliin halkaniifi guyyaa hojjechuun nageenya isaa kabachisaa jiraachuu dubbataniiru.  Hojjechuu, guddachuufi misoomuun kan jiraatu yoo nageenyi jiraate waan ta’eef,  fulduraafis hawaasni nageenya isaa waaraan  mirkaneessuuf  humnoota mootummaa waliin qindaa’ee naannawaa isaa eeguu qaba jedhaniiru.

Itti aanaan bulchaa olaanaa bulchinsa sablammii Oromoofi itti gaatamaan qajeelcha dhimma nageenyaa bulchiinsichaa obbo Abduu Jamaal,  caasaa callisaa bulchiinsa sablammichaatti jiru deebisanii gurmeessuuf, mootummaa naannicha waliin qindominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Naannawichaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf  caasaa mootummaa cimaa ta’ee ijaaramaa jiraachuus eeraniiru.  Qaamolee hidhatanii socho’an gara nageenyatti fiduufis hojiileen hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.  Isaan didan irrattis mootummaan olaantummaa seeraa kabachisuuf humna gahaa ta’ee qabachuu ibsaniiru. Kun akkuma jiruutti ta’ee dhaabbilee nageenyaa keessatti   banaaleen jiran kan sakatta’aamuu qaban jiraachuu eeraniiru.  Kana gochuudhaafis dhaabbilee nageenyaa naannicha waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.  Gama tokkoon olaantummaa seeraa kabachisuun gama biraatiin immoo hojiilee riifoormi yookiin haroomsaa kan hojjetamu ta’uu obbo Abduun hubachisaniiru. Filannoon araaraafi mariin nageenya akka jiraatu taasisuufis bulchinsa sablammiichaatti kaawunsiliin nageenyaa qaama kamiyyu irraa bilisa ta’e dhaabbatee gara hojiitti galuu isaa himaniiru. Mootummaanis haala mijeessuun alatti gidduu kan hin seenne ta’us mirkaneessaniiru.

Dursaa ittaanaa bulchaa olaanaa bulchinsa sablammii Oromoo obbo Ahimad Alii Abbaa Afroo gaaffiin qabsoo hidhannootiin deebi’u akka hin jirre himanii,  qaamni gaaffii qabu kamiyyuu karaa nagaafi dimokiraasiitiin gama kaawunsilii nageenyaatiin dhiheessuu akka danda’u hubachisaniiru. Qaamoleen hidhatanii socho’an gama kaawunsilii nageenyaatiin  karaa nagaatiin gara maatii isaanitti deebi’u akka danda’aan waamicha dhiheessaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo