Ispeen Dirree Barliinitti Olaantummaa Argatte

Jarman A.L.A bara 2006tti Waancaa addunyaa qopheessitee turuun ni yaadatama. Barana waggoota 18 booda Shaampiyoonaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa irra deebiin qopheessuuf hiree argattee turte. Lammiileen Jarman hedduun Shaampiyoonaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa bara kanaa irratti garee biyyaalessaa isaanii cinaa hiriiruun oduu gammachiisaa biraa ture. Jarman biyyi keessummeessituu shaampiyoonichaa tapha walakkaa xumuraa Ispeeniin Istuutgaarti waliin taasisaniin Ispeeniin 2 fi 1n mo’amtee dorgommii kanarraa hafteetti. Akka barreessaan Dagerni Hinitze jedhutti, kaayyoon Jarman inni guddaan kubbaa miilaa injifachuu hin turre. “Dhimmi guddaan waliin mo’anna; waliin injifanna” inni jedhu qajeelfama biyyattii ture.

Amma immoo kan mo’ame garee biyyaalessaa qofa osoo hin taane deeggartoota hunda jechuun xiinxala kennaniiru. ‘’Tarii amma gareefi taphattoota duuba deebinee gurmaa’uu dandeenya; leenjisaafi hojjettoota hunda jaallachuu jalqabuu akka dandeenyu baruun yeroon barumsaa guddaa itti nuuf ta’uu danda’u amma” jedheera barreessichi.

Ispeen waancaa Awurooppaa Jarman qopheessite kana irratti tapha tokkoyyu osoo hin mo’amiin Ingilaandiin 2-1 mo’achuun shaampiyoonaa taatetti. Ispeen waggoottan 12 booda deebitee Waancaa Awurooppaa injifachuu dandeesseetti. Ingilaandi bara 2020 rukuttaa peenaaliitiin Xaaliyaaniin mo’amuun waancaa Awurooppaa dhabuun ishee ni yaadatama. Barana garuu seenaa kana jijjiiruuf taphattoota urjii hedduu qabachuun dorgommiif dhihaachuun Ispeen shaampiyoona taateetti. Abjuun Ingilaandi dirree Berlinitti jalaa dukkanoofte. Wembilee dirree isaanii irrattis waggaa lama booda Jarmanitti Ispeeniif harka laachuuf dirqamaniiru.

Gareen La Foontee taphata ol adeemaa gannaa 17 Lamiin Yaamaaliifi Niikoo Wiiliyaamsi qabachuun sarara fuulduraan addunyaa ‘ajab!’ jechisiisaniiru. Lamiin Yaamaal taphataa ol adeemaa jabaa dorgommii Awurooppaa 2024 tahuun badhaasa argateera. Akkasuma taphataan Maanchister Siitii Roodirii taphataa cimaa dorgommii Waancaa Awurooppaa tahuun filameera. Ispeen yeroo arfaffaaf shaampiyoonaa Awurooppaa tahuuf carraa argatteetti. Bara 2023 kubba miilaa dubartootaanis Ispeen 1-0 Ingilaandiin injifachuun waancaa fudhattee turte. Dhiirotaan ammas  irra deebitee seenicha haaressuun injifannoo galteetti. Maddi: BBCdha

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo