Tola ooltummaan hojii eebbifamaa lammiidhaan lammiif hojjetamudha. Tola ooltummaan namootni bu’aa yookiin faayidaa dhunfaa argachuuf osoo hin taane, kaka’umsa mataa isaanitiin hojii namoota biroo gargaaruuf raawwataniidha. Gocha eebbifamaa kana fedhii mataa isaaniin kan raawwatan immoo sanyii, saala, amantaa, afaaniifi siyaasaa bu’uura gochuuni miti. Qaamolee dagataman yaadachuu, qaamolee hirkoo dhabaniif hirkoo ta’uuf, qaamolee abdii dhabaniif abdii itti horuudha. Hojii kana irratti hirmaachuun imimmaan namoota rakkatan qulqulleessuudha.
Dargaggoota hojii tola ooltummaarratti hirmaatan keessaa dargaggoo Geetuu Tarrafaa namoota rakkatan gargaaruun, bira dhaabbachuun, gammachuu maallaqaan bitamuu hin dandeenye namaaf kenna jechuun dubbateera. “Hojii kanarratti hirmaachuun eebbifamuudha, waaqa birattis gatii guddaa ni qabaata, kanaafuu boqonnaa sammuufi miira gammachuutu natti dhagahama’’ jedheera. Gara fulduraattis hojii tola oltummaa irratti hirmaachuu cimsee akka itti fufuus kaaseera.
Bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Dawwee Haaraawaa kan jiraatan aadde Halimaa Yaasiin hojii tola ooltummaa dargaggootni hojjetaniin itti fayyadamoo ta’uu isaanii dubbataniiru. Uffata micuufi hojii guyyaa hojjechuun ijoollee isaanii kan guddisaa jiran aadde Halimaan, “mana ijaarame maraguuf humna waan dhabneef rakkoof saaxilamaa ture” jedhaniiru. Haata’u malee hojii tola ooltummaa dargaggootni hojjetaniin manni isaanii margame xumuramuu himaniiru. Hojiin hojjetame maallaqaan yeroo tilmaamamu birrii kuma 78 ol akka ta’u danda’u eeraniiru. Kanaanis gammachuu guddaan akka isaaniitti dhagahame miira imimmaani keessa ta’uun ibsaniiru. Jiraattuun kun dargaggoota hojii kana irratti hirmaatanis galateffataniiru.
Itti gaafatamaan dhimma dargaggootaafi Ispoortii aanaa Dawwee Harawaa obbo Abdoyyee Mahaammad, hojiin tola ooltummaa aanichatti dargaggootaafi barattoota iddoo garaagaraa irraa boqonnaaf dhufan hirmaachisuun hojjetamaa jirachuu himaniiru. Kaayyoon tola ooltummaas namoota yatimaafi harka qalleeyyii ta’an humna, maallaqaafi beekumsaan deggaruudha jedhaniiru. Hojiin tola ooltummaa gannaafi bonaa kan hojjetamu ta’uu kan himan itti gaafatamtichi, waqtiin gannaa yeroo roobni baay’atu waan ta’eef xiyyeeffannoon itti kennameefi kan hojjetamu ta’uu addeessaniiru. Hawaasni hojii tola ooltummaa bonaatinis duruma kaasee aadaa walgargaarsaa qabun akka wal gargaraa jiru eeraniiru.
Hojii tola ooltummaa bonaadhaan, namoota dhukkubsatan wasakaan baatanii karaa dheeraa deemuun mana yaalaa geessuu, miidhaan namoota dadhaboo ta’an daboon sassaabuu, dhiiga arjoomuufi hojiiwwan biroo irratti akka hirmaatan dubbataniiru. Hojiin tola ooltummaa waliin jireenyaafi hariiroo saboota kan cimsuu hojii eebbifamaa waan ta’eef aadaa ta’ee akka itti fufu hojiin hubannoo uumuu hawaasa hirmaachise hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Hojii tola ooltummaa bara kanaa aanichatti gandota 13 keessatti mana citaa dabalatee, manneen harka qalleeyyiifi dadhaboo ta’an 28 ijaaramuu itti gaafatamaan kun himaniiru.
Yuunvarsitii Dabaarqiitti barsiisaa lammummaafi amala gaarii, Balaayinah Warquu, hojii tola ooltummaan hojii gaarummaa kaffaltii tokko malee qaamni kamiyyuu osoo hin dirqisisiin, fedhii ofitiin bilisaan kennamudha jedhaniiru. Itoophiyaatti tola ooltummaa waliin walqabatee, hubannoon hawaasa bira duraan ture gadaanaa ta’uufi xiyyeeffannoon gama mootummaatin kennameefis xiqqaa turuu kaasaniiru. Yeroo ammaa garuu lakkoofsi hirmaattoota tola ooltummaa daran dabalaa jiraachuu himaniiru. Qaamolee hojii tola ooltummaa irratti hirmaatan keessaa dargaggootni gahee leencaa fudhatu. Lammiileen kabaja biyya isaanii eegsisuuf, misoomaafi guddina biyya isaanii mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa beekumsa qabaniin, dandeetti, humna, maallaqqaa, yeroofi yaadaan hojii tola oolummaa irratti hirmaachuun lammiilee hirkoo dhabanii abdii ta’u qabu jedhaniiru.
Fedhii misoomaa ummanni barbaadu baajata mootummaan ramadu qofaan hojjetanii milkeessuun waan hindandaamneef, hojii tajaajila tola ooltummaa hirmaannaa hawaasaan tumsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa hojii gaarummaa namoota irratti kan hundaa’udha. Qaamni isaan kakaasuufi dirqisisuu osoo isaan hin barbaachisin, fedhii mataa isaanitiin, kan miidhaman deggaruu, kan beela’aan nyachisuu, kan dheebotan obaasuun kan lammiif dhaqqabaniidha jedhaniiru. Qaamoleen tajaajila tola ooltummaa kennan gammachuufi boqonnaa sammuu malee bu’aan addaa isaan argatan hin jiru. Qaama tajaajilacha fudhatuufis deggarsa humnaa, beekumsaa, yaadaa, maallaqaafi deggarsa ogummaa akka argatan taasisa jedhaniiru.
Tola ooltummaan hojii yeroofi bakkaan kan daangau miti. Haata’uu malee hojiin tajaajila tola ooltummaa waggaa guutuu hojjetamuu osoo qabu akka biyya keenyatti irra caalaatti waqtii gannaa hojii raawwatamuudha jedhu barsiisaa lammummaafi amala gaarii Balaaynah Warquun. Hojiin tola ooltummaa rakkoo hawaasummaafi dinagdee hawaasichaa kan furu waan ta’eef yeroon osoo hin daangeeffamiin haala itti fufisa qabuun hojjetamuu qaba yaada jedhu qabu.
Kanaafuu qaamolee hojii tola ooltummaa qindeessaniifi haala mijeessan hojiin tola ooltummaa waggaa guutu hojjetamu akka qabu gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru. Dabalataanis hojiin tola ooltummaa haala ammaa jiruun kan hojjetama jiru naannoo magaaloota keessa waan ta’eef, mootummaan hanga gaditti bu’ee akka hojjetamu hojii hubannoo uumuu hojjechuu qaba jedhaniiru. Hojiin tajaajila tola ooltummaa kun fayyadamummaa hawaasaafi dinagdee mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf hirmaannaa qaamolee maraa ni gaafata jedhaniiru.
Hojiin Tola ooltummaa yaada “tolummaan olka’insaafi jireenya waloo Itoophiyaatiif” jedhuun, dargaggoota hirmaachisuun harka qalleeyyiif mana ijaaruu, barnoota dabalata barattootaaf kennuu, dhiiga arjoomuu, mana barumsa ijaaruufi suuphuu akkasumas nageenyarratti hojii bal’aan tola ooltota kuma 131 ol hirmaachisuun kutaa hawaasaa kuma 455 fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu qajeelchi dargaggoofi Ispoortii bulchinsa sablammii Oromoo beeksiseera.
Alamuu Balaayiin