Wabii jireenyaa lubbuu qabeeyyii

Rakkoon jijjiirama qilleensaa addunyaa qoraa jiruufi ka’umsi ijoon isaatis mancaatii bosonaati. Sababa Kanaan gaaga’ama adda addaa kallattii hedduun dhaqqabsiisaa jira. Maddi rakkichaa biyyoota indaastiriin guddatan haata’u malee, irra jireessaan rakkichaaf saaxilamoon biyyoota guddinarra jiranidha. Biyyoonni gammoojjii Sahaaraa gaditti argaman irra-jireessaan rakkichaaf saaxilamoo akka ta’anidha ragaaleen adda addaa kan agarsiisan. Rakkoo kana furuuf addunyaan wantoota akka falaatti keessee keessaa tokko misooma magariisaa cimsuudha.

Itoophiyaan gamasheen rakkoo kana furuuf waggaa waggaan biqiltoota biiliyoonaan lakkaa’aman dhaabuurratti argamti. Biyyattiin sagantaa ashaaraa magariisaa eegaluun hojii gama kanaan hojjetteen diqisiifannaa guddaa sadarkaa idil-addunyaatti argatteetti. Kanaanis seenaa hojjettee rakkoo jijjiiramaafi faalama qilleensaa addunyaa yaaddesse magariisummaa uumamaa deebisuun furmaata waaraa ta’uu Sagantaa Ashaaraa Magariisaan mirkaneessiteetti. Bara kanas kutaalee biyyaatti garaagaraa keessatti  biqiltuuwwan biiliyoonaan lakkaa’aman dhaabuuf haaldureewwan barbaachisoon xumuraa jira.

Kutaalee biyyatti kanneen keessaa bulchiinsi sab-lammii Oromoo isa tokkodha. Qajeelchi qonnaa bulchiinsichaa qophii sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaa xumuree jiraachuufi jiraattota hedduu dhaabbii biqiltuurratti hirmaachisuuf karoorsuu mirkaneesseera. Obbo Ahimad Huseen, jiraataa magaalaa Kamisee ganda Qaacur yoo ta’an baroota darbanitti, dhaabbii biqiltuurratti dammaqinaan hirmaachuu dubbataniiru. ‘’Biqiltuu jechuun ilmoo jechuudha; kanaaf sirnaan hordofanii kunuunsanii guddisuun dirqama nama hundaa ta’uu qaba’’ jedhaniiru. Obbo Ahimad biqiltuuwwan duraan dhaabamanii guddatan irraa qilleensa gaarii argachuu bira darbanii carraa hojii ittiin uumachuu dubbataniiru.

Waggoota sadii dura lafa ashaaraa magariisaan misoomerratti gaagura lama qofaan hojii horsiisa kannisaa eegaluu yaadatanii, amma hojicha babal’isuun gaagura 80 oliin hojii horsiisa kannisaarraa bu’aa guddaa argachaa akka jiran addeessaniiru. Kanaanis ofirra darbanii namoota biroof carraa hojii uumuu himaniiru. Dhaabbii biqiltuu baranaaf akka dhuunfaa isaaniitti biqiltuuwwan daraaruu danda’aniifi hindandeenye dhaabuuf qopheessuu addeessaniiru.

Dursaa Garee Qabeenya Uumamaa Qajeelcha Qonnaa bulchiinsa Sablammii Oromoo obbo Mangistuu Birihaanuu,  sagantaan ashaaraa magariisaa eegaluun duratti uwwisni bosona bulchiinsichaa gara dhibbantaa shaniitti gadi bu’ee turuu dubbataniiru. Haata’uu malee, biqiltuuwwan duulaan dhaabuun erga labsame booda uwwisni bosonaa bulchiinsichaa dhibbantaa 14 irra gahee jira jedhaniiru. Balaawwan lolaa, gubachuun bosonaafi ho’insi garmalee addunyaarratti mul’ataa jiru agarsiistuu jijjiirama qilleensaa ta’uu caqasaniiru. Biqiltuuwwan misoomsuun bakka jireenyaa hawwataa uumuufi rooba argamsiisee hongee hir’isuun madaala uumamaa to’achuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.

Bosonni dhala namaa dabalatee beeyladootaafi bineeldota bosonaaf bakka jireenyaafi akka madda soorataatti tajaajila jedhu obbo Mangistuun. Akka dursaan garee kun jedhanitti, bulchiinsichatti biqiltuuwwan garaagaraa sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabbataa turan dhibbantaa 70 misoomaniiru. Biqiltuun misoome kun haala qilleensaa naannichaa fooyyessuuf hoji-dhabdoota hedduuf carraa hojii uumuu himaniiru. Akkasumas dhiqama biyyee hir’isee jiraachuu dubbataniiru. Itoophiyaan bara 2011’tti sulullan misoomsuun uwwisa bosonaa guddisuuf duula ashaaraa magariisaa eegaluu yaadachiisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabamaa turaniin lageeniifi haroowwan sababa hongeen gogan deebi’anii mirgisuun faayidaa dhala namaafi lubbuu  qabeeyyii biroof kennuu jalqabaniiru jedhaniiru. Sagantichi erga hojiirra ooluu eegalee uwwisni bosonaa dabalaa dhufuusaati obbo Mangistuun kan himan. Buchiinsichatti, uwwisa bosonaa daran guddisuuf bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 20 qopheessuuf karoorsanii hanga gabaasni kun qindaa’etti biqiltuuwwan miiliyoona 14 ol qopheessuu addeessaniiru. Kana keessaa muduraaleen adda addaa kuma 137 ol ta’uu caqasaniiru. Gama muduraaleen, qonnaan bultoota kuma shanii ol fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa akka jiru kaasaniiru. Kunis ashaaraan magariisaa jijjiirama qilleensaa to’achuu bira darbee, gama wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Akka obbo Mangistuun jedhanitti bulchiinsichatti, bara kana lafti hektaara kuma afur ol biqiltuuwwan garaagaraan ni uwwifamu. Bulchiinsichatti, dhaabbiin ashaaraa magariisaa bara kanaa kan gaggeeffamu marsaa lamaan kan raawwatamu ta’uu mirkaneessaniiru. Duula dhaabbichaarrattis namoota kuma 23 ol hirmaachisuuf haaldureewwaan barbaachisoo xumuruu himaniiru. Hojii kana milkeessuuf hubannoon dhimmicharratti kutaalee bulchiinsichaa hundattuu hawaasaaf kennamuu eeraniiru. Akkasaan jedhanitti, biqiltuu dhaabuun godaansa lubbuu qabeeyyiifi dhala namaa ni hambisa. Hawwattummaan turiizimiis ni dabala jedhaniiru. Rakkoo mancaatii bosonaan walqabatee dhufu hojii ashaaraa magariisaan furuuf jijjiirama qilleensaa addunyaaf qormaata ta’e qolachuuf hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irratti ciminaan hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo