Barsiiftuu Gufuuwwan Adda Addaa Cabsuu Dandeesse

Hangi isaa walcaalus jiruufi jireenya keessatti dhalli nama bakka kaayyefate gahuuf bu’aa bahii wal xaxoo ta’an keessa darbuu hin oolu. Gaddaafi gammachuu, dhabuufi argachuu keessumeessuun kufaa ka’aa kaayyoo isaatti cichee waan aggaame bira gaha. Kana keessa darbuun of bira darbee ogummaa horateen hawaasaaf waagumaacha. Qixa sirriin tajaajilaan hawaasichaan leellifamuun waan hin oolledha. Namoonni gama kanaan eeraman baay’achuu malu.

Barruu keenya har’atiin barsiistuu bu’aa bahii baay’ee keessa darbuun kaayyoosaanii galmaan gahatanii barattootaafi hawaasa tumsuun beekaman tokko waliin wal isin barsiifna. Maarree, maqaasaanii irraa ka’uun muuxannoo jireenyaafi barnoota isaanii akka ittaanutti nuuf qoodaniiru. Barsiiftuu Hawwaa Adam Umar jedhama; Onkoloolessa 1, bara 1983tti obbo Adam Umariifi haadha isaanii aadde Faaxumaa Ahimad irraa bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbii Baabbileetti dhalatan. Amma umuriin isaanii barnootaaf gahuutti waanuma ijoolleen ganda baadiyyaa hojjetan hojiiwwan humna madaalaniin maatii isaanii gargaaraafi taphaawwan aadaa taphachaa guddachuu isaanii nu taphachisaniiru. Naannawa dhalataniitti yeroo sana ilaalcha hawaasni barnootaaf qabu baay’ee gadi bu’aa ture kan jedhan keessummaan keenya, Keessumaa ijoolleen shamarran gaa’ilaan malee barnootaan ni milkaa’uu waan jedhu hin jiru ture jedhaniiru.

Haata’u malee, barsiiftuu Hawwaan ijoollummaa isaaniirraa eegalee jaalala barnootaaf qaban olaanaa ture jedhaniiru. ‘’Jabaadhee baradhee ilaalcha gadaanaa hawaasni kun barnootaaf qabu cabsuun qaba jedheen murteeffadhee imala daandii barnootaa eegale. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaa Mana Barnootaa Garbii Baabbiileetti sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Kamiseettin xumure. Akkuma ijoollee shamarran baadiyyaa kamiyyuu barnoota koo kutaa gadaanaa keessatti mudannoowwan adda addaa keessummeesseera. Baay’ee ulfaatoo ta’anis waan baay’ee irraa baradheera. Barnoota ilaalchisee maatiin koofi hawaasni naannoo keenyaa hubannoon qabu laafaa ta’uurraan kan ka’e dubartiin barattee sadarkaa kamirrayyu hin geessu jedhanii yaadu ture’’ jechuun seenaa dabarsan nutti himaniiru.

Yeroo sanatti yeroo baay’ee hawaasichi barnootatti osoo hin taane heerumatti nama jajjabeessu kan jedhan keessummaan keenya shamarran ganda isaanii baay’ee gaa’ilaan gaadi’amanii carraa barnootaa osoo hin argatiin hafan lakkoofsaan baay’eedha jedhaniiru. Yeroo sana hawaasicha biratti nama heerumsiisuun akka waan guddaatti ilaalama tureedha kan jedhan. ‘’Ilaalchi gadaantummaa ‘dubartiin barattee eessa geessi’ jedhus ni jira ture. Ani garuu, sana hunda obsaan dandamadhee kaayyoo koottin ciche. Akkuman barnoota Sadarkaa 2ffaa xumureen ilaalcha hawaasichi barnootaaf qabu guddisuun qaba jedheen bara  2001 Kollejjii Barsiisotaa Dasee seene. Muummeewwan jiran keessaa Saayinsii uumamaa filadhee barachuuf dirqame. Barnoota koo sirnaan hordofuun turtii waggaa sadii booda kollejjicharraa eebbifameen bahe’’ jedhaniiru.

Ganda dhaloota kootti deebi’uun mana barumsaa Garbii Baabbilee sadarkaa 1ffaatti ogummaa barsiisummaan ramadameen tajaajiluun eegale. Ilaalcha hawaasichi gama barnootaan qabu jijjiiruuf carraan argadhe hundaanuu warraaqsa barnootaa taasisuun jalqabe jedhaniiru. Keessumaa ijoolleen  shamarran barannaan akkuma dhiiraa milkaa’uu waan danda’aniif shamarran irratti xiyyeeffadheen barnoota idilee kennuun cinaatti isaan jajjabeessaan ture jedhaniiru. Yeroo sanatti hubannoo maatii isaanii foyyessuunis hojii isa dabalataa akka isaaniitti ta’e kan yaadatan barsiiftuun Hawwaa maatiin isaaniitis gara mana barnootaatti akka isaan erguuf hojiiwwan hubannoo uumuu hojjechaa akka turan yaadataniiru.
Waggoota sadiif gandichatti sochiin gama kanaan taasiseen barattootaafi maatiisaanii biratti ilaalchi barnootaan wal qabatee jiru kan duraarra fooyya’uusaa eeraniiru. ‘’Barattoota sababoota garagaraan barnoota barachuuf danqaman rakkoosaanii adda baasuun amman danda’u hiriyyoota koo qindeessuun gargaarsa barbaachisaa taasisuun gara dirree barnootaatti fidaan ture_ammas itti fufeen jira’’ jechuun dirqama lammummaa isaanii bahchaa akka jiran himaniiru. Guyyoota barnootaa idileen ala guyyoota boqonnaa koo lamaan barattoota barsiisuun dabarsa jedhaniiru. Barattoota rakkoo hawaasummaa qabaniif deggarsa adda addaa taasisaan ture kan jedhan keessummaan keenya shamarran meeshaalee barnootaafi qulqullinaa adda addaa akka deggaran kaasaniiru. Kaaniifis akkasuma rakkoo har’aaf osoo harka hin kenniin boruu isaanii ilaalanii jabaachuu akka qaban jajjabeessaan jira jedhaniiru. Barattoonni  baay’ee gorsa koo fudhachuun jijjiiramanii jiru; maatii barattootaa waliinis hariiroo gaariin qaba jedhaniiru.

Hojii qulqulluu ta’e kana gara fuuldurattis, cimee akkan hojjedhuuf hamilee natti horeera kan jedhan barsiiftuu Hawwaan yeroo ammaa bulchiinsa magaalaa Kamiseetti, Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Sadaasaan barsiisaa jira jedhaniiru. Waggoota kudhaniif ogummaa barsiisummaan mana barnootaa kana tajaajileera. Ogummichaanis, jaallatummaa guddaa barattootaafi hawaasa biratti argachuu isaanii addeessaniiru. Ani wanta narraa eegamun raawwadhe malee waan addaa miti kan jedhan keessummaan keenya mana barumsichaatti gosa barnootaa Herregaa kan barsiisan ta’uu eeraniiru. ‘’Ogummicha jaalladhee waanan hojjedhuuf gahee narraa eegamu bahachaan jira. Mana barumsaa keessatti Qindeessituu Gumii Dagaagina Afaaniifi Walqixummaa Koorniyaa ta’een hojjedha. Gumiiwwan lamaan keessatti barattoota hirmaachisuun achi keessatti egeree isaanii akka baraniif tumsa barbaachisu waahillan koo waliin taasisaa jirra’’ jedhaniiru.

Barattoota dandeetti afaan Oromoon barachuu hin qabne addatti gargaaruun afaan duraan isaan hin beekne haala salphaan baratanii jijjiiramuu akka danda’an kallattii agarsiisaan ture jedhaniiru.  Kanaanis milkaa’uun barattoonni qaxalee ta’an jiru. Yeroosaan haala kanaan milkaa’anii argu baay’een itti gammadadha kan jedhan. Keessumaa barattoota biyya alatti dhalatanii dhufan kan afaan Oromoo tasuma hin dandeenye erga biyya kana dhufanii afaanicha baratanii barnootatti qaxalee ta’uu danda’aniiru.  Fuulduraafis, egeree barattootaa bocurratti fuuleffatanii hojjechuuf karoorsuu isaanii barsiiftuun kun himaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Kamiseetti, Riimaas Umar barattuu kutaa 4ffaa Mana Barumsaa Sadaasaa Sadarkaa 1ffaati. Riimaas biyya Arabaatti akka dhalatte eeruun sababa kanaaf yeroo gara magaalaa Kamiseetti dhuftu afaan Arabaan ala afaan biroo kan hinbeekne ta’uu himteetti. Bara 2014  mana barumsaa Sadaasaatti kutaa 1ffaa galuu kan yaadatte barattuun kun ‘’yeroo sana afaan Oromoo hinbeekun ture waan ta’eef barattoota waliin walii galuu waan natti ulfaatuuf nan boo’a ture’’ jetteetti. Ammasheen afaan bartuutti haatishee waliin daree barnootaa seentee jajjabeessaa turuu yaadatti barattuun kun. “Barsiistuun Hawwaa barnoota idileen alatti guyyaa Sambata duraafi Dilbataa afaan Oromoo na barsiisaa turte” jetteetti. Gargaarsa barsiistuu Hawwaa isheef taasisteen amma afaan Oromoo sirriitti barattee qabiyyeewwan gosoota barnootaa adda addaa hubachuun sadarkaa 1ffaa bahaa akka jirtu kaafteetti. Sababa dandeettii qabduuf kutaa 1ffaa osoo hin baratiin gara kutaa 2ffaatti akka seente himti. Akka barattuun kun jettuutti, barsiistuun Hawwaa barattoota harka qalleeyyii kan gargaartuufi akka waliigalaatti barattoota hunda jajjabeessuun ni beekamti. Barnoota dareetti yoo barsiisan tooftaa salphaa fayyadamuun waan barsiisaniif barnoonni isaan kennan haala salphaan kan isheef ifu ta’uu eerteetti.

Aadde Zahaaraa Ahimad haadha barattuu, Riimaas yoo ta’an, Riimaas yeroo biyya Arabaa turte barnootashee hanga kutaa 3ffatti achitti hordoftee turuu dubbataniiru. Sababa ani gara biyya galeef barnootashee addaan kuttee na wajjin dhufte jedhaniiru. Afaan Arabaan ala afaan Oromoo waan isheen hin beekneef waa’ee baranootashee qormaata guddaa natti ta’ee ture jedhaniiru. Sababa kanaaf kutaa 3ffaarraa gara kutaa 1ffaatti gadi buutee akka barattuuf murteessuu yaadataniiru. Yeroo kanatti kana hubachuun barsiistuun Hawwaa kutaa 2ffaa akka seentee barattuuf haala mijeessaniif jedhu aadde Zahaaraan. ‘’Anis manatti akkan afaan ishee barsiisuu qabu na gorsuun ofii ammoo mana barnootaatti deggarsa barbaachisaa akka taasisaniif waadaa naaf seenan’’ jedhaniiru.

Gargaarsa barsiistuufi maatiin taasisaniin yeroo ammaa, Riimaas afaan baruu bira dabartee mana barnootaasheetti barattuu adda duree ta’uu danda’ushee dubbataniiru.  ‘’Barsiistuun Hawwaa nama oolmaa guddaa nuuf oolanidha’’ kan jedhan aadde Zahaaraan, barattootaafi hawaasa biratti gaarummaan kan leellifaman ta’uu ragaa bahaniiru.

Aadde Zeeynabaa Mahaammad daayrektar Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Sadaasaa Bulchiinsa magaalaa Kamiseeti. Barsiistuun Hawwaa barnoota idileen cinatti barattoota kallattii baay’een gargaarti jedhaniiru. Mana barumsaa keessatti gumiiwwan dagaagina afaaniifi wal qixxummaa Korniyaa hundeessuun achi keessatti barattoota hirmaachisuun kallattii hundaan cimanii akka bahaniif hojjechaa turuu himaniiru. ‘’Mana barumsaa keenya keessatti barattoota rakkoo afaniifi hawaasummaa qaban deggaruurraa gara booddeetti jettee hinbeektu’’ jedhu aadde Zeeynabaan. Maatii barattootaa waliin hariiroo cimaa qabaachuus dubbataniiru. Barsiistuu Hawwaan kanneen biroof fakkeenya ta’uu nama danda’uu ta’uu isaanii itti gaafatamtuun kun itti dhiheenyaan waan irraa hubatan ragaa bahaniiru.

Guddiinaa Asaffaatiin

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo