Ministirri Muummee Abiy Ahimad (Phd) yaadama Ida’amuu keenyaan misooma biyyaaf maal gochuu akka qabnu sirnaan madaaluun keenyeerra. Kaayyoon keenya badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuudha jedhaniiru. Adeemsi keenyas hiyyeessa kan giddu galeeffatedha. Hojiileen jijjiiramaan hojjetaman hunduu carraaqqii qooda fudhattoota hundaa ni bu’uureffatadha kan jedhan.
Muummichi ministiraa oomishtummaa, daldalaafi galii biyya alaa tumsaan guddisuudha jedhaniiru. Qaamoleen seeraa daldaaltota seeraan ala socho’an sirreessuuf itti gaafatamummaan kennamuus ibsaniiru. “Jijjiirama dinagdee gooroo gartokkeen osoo hin taane guutummaasaa ilaaluun barbaachisadha” jedhaniiru. Qaamoleen seera raawwachiisan dadaltoota saamtota karaa hin malleen seeraan ala fayyadamuu barbaadanirratti tarkaanfii akka fudhatan itti gaafatamummaan kennameera jechuunis hubachisaniiru. Haroomsa imaammata sagantaa dinagdee taasifame ilaalchisuun ”Maallaqni Itoophiyaa illee gatii dhabe jechuun dogongora”jedhaniiru.
Birrii Itoophiyaa hin laaffifne, durayyuu biyya keessa gabaa lamaatu ture, tokko dhibbaan bitaa ture. Tokko shamtamaan bitaa ture waan ta’eef balaan adda uumame hin jiru jedhaniiru. Imaammanni haaraan kun rakkoo kana furuuf furmaata ta’uu kaasaniiru. ‘’Murtoon nuti fudhannes tokkummaa gabaa uume malee waan addaa hin buusne’’ jedhaniiru.
Ministirri Ministeera Maallaqaa Itoophiyaa kan ta’an obbo Ahimad Shideen gamasaaniin, “raawwii imaammata diinagdee gooroo haala guddina biyyaa itti fufsiisuun, lammiilee sadarkaa jireenyaa gadaanaa qaban tilmaama keessa galchuun cimsee to’atama” jedhaniiru. Hojiirra oolmaa imaammata dinagdee gooraa Itiyoophiyaa keessatti lammiilee sadarkaa jireenyaa gadaanaa qaban ilaalcha keessa galchuun, guddina biyyaalessaa itti fufsiisuun hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Riifoormiin dinagdee gooroo kun safartuu sharafa alaa, imaammata maallaqaafi faayinaansii, imaammata faayinaansii galiifi baasii mootummaa fooyyessuufi liqaa hir’isuun bu’uura imaammata maallaqaa gabaadhaan kan hoogganamu ta’a jedhaniiru.
Invastara biyyaalessaa deggaruun, galii mootummaa dabaluufi gahumsa jaarmiyaalee misoomaa fooyyessuudhaan, dorgomtummaa baankii daldalaa sirnaawaa ta’e uumuufi sirna faayinaansii irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru. Riifoormii dinagdee gooroo qindoominaan hojjetame deggarsa michoota idil-addunyaa Fandii Maallaqaa Idil-addunyaafi Baankii Addunyaa dabalatee hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Safartuun sharafa alaa gabaan akka qajeelfamu hayyamuuf waggoota sadan darban keessatti haaromsa dinagdee biyya keessaafi rood-maappii Baankii Biyyaalessaatiin karoorfamee hojjetamaa akka ture kaasaniiru.
Kaayyoon raawwii imaammata kanaa inni guddaan qaala’insa jireenyaafi jijjiirama gabaa maallaqaa akkasumas dhiibbaa yeroo gabaabaa irraa of eeggannoo guddaan raawwii imaammataa hogganuudhaan dinagdee tasgabbaa’aa uumuudha jedhaniiru. Raawwii imaammataafi mariin kun fayyadamummaa Itoophiyaa dursa kennuun kan raawwatame yoo ta’u, deggarsa qusannoo faayinaansii Doolaara biiliyoona 4.9 ba’aa liqaa salphisuuf bu’aa guddaa akka qabu ibsaniiru. Deggarsi maallaqaa kun ba’aa liqaa biyyattii hir’isuuf, hojjettoota kaffaltii xiqqaa qaban, fayyadamtoota seeftineetii misooma magaalaafi baadiyyaa, xaa’oo, deggarsa boba’aafi hojii misoomaa idileef kan oolu ta’uu eeraniiru. Deggarsi maallaqaa kun bu’uura to’annoo cimaa ta’een haala gahaa ta’een kan qophaa’eefi miseensota hawaasaa sababa haaromsa kanaan dhiibbaa irra ga’uu danda’aniif hojii misoomaafi deggarsaaf iftoominaan kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin