Addunyaan keenya har’a keessa jiraannu bifa har’a qabattee jirtu kana uummachuuf taateewwan jaarraa hedduun lakkaawwaman akka itti fudhate wal nama hin gaafachiisu. Kana jechuun battalumaan boca ishee har’aa hin gonfanne jechuudha. Ijaarsi daandii, gamoo, baballinni teeknooloojii akkasumas ogummaan dhalli namaa uumeef qabu hundi adeemsa keessa kan uumamedha. Maal kana qofaree, kalaqni afaaniifi qubeewwan ittin barreeffaman addunyaa keenya har’a irra heddummaatanii jiranis ogummaa kalaqa dhala namaa dhawata dhawataan babalatedha.
Kabajamtootaafi jaallatamtoota dubbistoota barruu keenyaa, ogummaa kalaqaa hawaasa bulchiinsa sab-lammii Oromoo kan ta’e haala sirna kataba qubee barreeffamaa Ajam irratti waan qindeeffanne qabna yeroo dubbisaa gaarii! Hawaasni bulchiinsa sab-lammii Oromoo hawaasa aadaafi dudhaa, hedduu qabu, jiruuf jireenya isaa keessatti sirnoota hiikaafi bu’aa danuu qaban lakkaawamanii hin dhumneefi ogummaawwan kalaqa hawaasichaa mullisuun cinatti maddeen galii turizimii ta’uun faayidaa hedduu fiduu kan danda’an masgiidota seena qabeessa hedduutu jira. Ogummaan ijaarsa isaan jaarraa hedduun dura qabanis kan dinqisiifamuufi yoomiyyuu hin dagatamnedha. Ogummaa hawaasa kana caalaatti ol baasee kan mullisu dhimmi biraan ammoo akkaataa kalaqa itti fayyadama sirna barreeffamaa Ajam isa adda dureedha.
Sirni barreeffamaa Ajam jedhamu jaarraawwan hedduu dura hawaasni bulchiinsa sab-lammii Oromoo haala gaariin itti fayyadamaa ture yoo tahu yeroo ammaa akka duraatti itti dhimma bahuu haa dhaban malee keessumaa ammoo hawaasa baadiyyaa biratti ittiin barreessuufi dubbisuu irratti argamu. Qubeen bareeffama Ajam, akkaataan barreeffama qubee isaa Afaan Arabaan kan wal fakkaatu yoo tahu, yeroo dubbifamu garuu Afaan Oromoo dubbata. Maalummaa qubee kanaafi seenaa isaa qorachuufis Masgiida Xuruusiinaa kan Aanaa Dawaa Caffaa Ganda Haroo Baaqelootti argamutti imaluun namoota qubee kana dubbisaniifi barreessuu danda’an arganne. Masgiida kana keessas darasootniifi sheekotni hedduun kan jiraatan yoo ta’u bakka kuusaa kitaabilee masgiidicha keessatti argamu deemuunis kitaaba sirna barreeffamaa Ajamiin barreeffame arganne. Kitaabni umurii waggaa 138 lakkoofsisuu danda’es bakka kanatti argachuun, seenaa kitaaba kanaafi qubee kana irratti jiraata Masgiida Xuruusiinaa kan ta’an obbo Mahaammad Asraar “sirni barreeffamaa abbootiin keenya dur irraa eegaluun kan ittin barreessaa, barachaafi wal barsiisaa, har’a asiin gahanidha, nutis yeroo umuriin daa’ima turreetti walitti qabamuun halkan qubee kanaan barreessaa, dubbisaafi walbarsiisaa dabarsineerra” jedhaniiru.
Hiikni ajam jedhus jecha Afaan Arabaati jechuun, Afaan Arabaan alatti afaanonni jiran kamiyyuu Ajama jedhamanii akka waamaman obbo Mahaammad himaniiru. Haalli qubeen Afaan Ajam yeroo ammaa irra jirus kan duratti ture caalaatti kan gadi bu’eefi hawaasniifi dhalootni ammaa hubannoo gahaa dhimma kanarratti dhabuun isaa guddina Ajamiif gufuudha jedhaniiru. Kanaaf afaan kanarratti hojjetamee akka guddatu hawwii isaanii akka ta’e addeessaniiru.
Waajjira Aadaafi Turiizimii Aanaa Dawaa Caffaatti ogeessa Misooma Turiizimii Aadaa obbo Mahaammad Aliyyii, sirna barreeffamaa kanaan walaloon, Manzumaan, kitaabileen seenaa akkasumas xalayaan hedduun ittiin barreeffamuun faayidaa hedduu kennaa akka ture dubbataniiru. “Afaan Ofii beektuun yoo barreessituufi barattu caalaatti hubannoo cimsachuun irra guddeessaan ammoo akka walii galtu si taasisa’’ jedhaniiru. Qubeen kun, qubeewwan Afaan Oromoo hunda, qubeewwan dachaa dabalachuun ittiin barreessuun kan danda’amu ta’uun isaa ammoo dhimma ijoo qubee kana adda taasisu ta’uu kaasanii, yeroo durii namoonni naannawa Jimma, Harar, Arsii irraa dhufuun barachaa akka turaniifi kitaabilee Ajamiin barreeffaman fudhatanii gara biyya isaaniitti galaa turuu isaanii dubbataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Aadaafi Turiizimii Aanaa Dawaa Caffaa obbo Nuuruu Mahaammad, Ajam dhimma jabaa kalaqa hawaasa Bulchiinsa Sablammii Oromoo, yeroo durii, ogummaa akkamii akka qaban kan argisiisu taatee guddaadha jedhaniiru. “Yeroo ammaa garuu irra caalaatti wanti godhamuu qabu dhaloota hunda barsiisuudha. Ogummaan kalaqaa kun ol ba’ee mullachuutu irra jiraata. Gama dhaabbilee barnootaa olaanaa jiranin ammoo qorannoofi qo’annoo gahaan gadi fageenyaan akka irratti hojjetamuuf karoorri qabameera. Akka irratti qorataniifis waamicha dhiheessina” jedhaniiru. Hawaasni keenya bal’aanis kalaqa isaa kana kunuunsee eegumsa barbaachisaa gochuu qaba jechuun itti gaafatamaan kun gaafataniiru. Ogummaa kalaqaa jaarraa hedduu dura tureefi ergaa guddaa qabu kanas hawaasni bal’aan mootummaafi qaamni dhimma isaa na ilaallata jedhu hundi jabeesse irratti hojjechuu qabaanis dhaamsa barruu keenyaati.
Suurraa Iddoosaatiin