Mootummaan Sudaan Humna Addaa waliin marii taasisuufi

Gaaffii Ameerikaan dhiyeessiteen mootummaan Sudaan Humna Addaa wajjin waliin mariyachuuf tole jedheera. Humni Waraanaa Sudaanifi Humni Addaa, Raappid Sapport Forsii (RSF) lola itti jiran karaa nagaan waliin mariyatanii akka furaniif gaaffii kan dhiyeessite Ameerikaa yoo ta’u, mootummaan Sudaan ammoo haal-duree kaa’un mariyachuuf waliigaleera.

Marichi jaarsummaa Ameerikaatiin kan gaggeeffamu yoo ta’u Siwizaraanditti akka marii’atamu ibsameera. Kanaan dura yeroo garaa garaatti mariin qaamolee lamaan gidduutti akka gaggeeffamu yaalin hedduu godhamus hin milkoofne. Humni Addaa (RSF) magaalota to’ate keessaa hanga bahutti wajjin taa’ee marii hin gaggeessu jedhee ture mootummaan Sudaan.

Haata’u malee gaaffii marii nagaa Ameerikaan amma dhiyeessite fudhachuun RSF waliin mariif akka taa’u Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan beeksiseera. Ameerikaan jaarsummaan gidduu seenunshee waraana qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffamee lubbuu hedduu gaaga’e kana ni goolaba jedhamee abdatama. Lola Humna Waraana Sudaanifi Humna Addaa (RSF) gidduutti ji’oota 15 gaggeeffamaa jiruun namoonni kumaan lakkaa’aman du’aniiru. Sababa waraana kanaan lammiilen biyyattii miliyoona 10 ol ta’an qe’eerraa buqqaaniiru. Namoonni miiliyoonatti lakkaawwamanis beelaaf saaxilamaniiru. Ogeessi wabii midhaan nyaataa Sudaan keessatti hojjetu Timoo Gaasbeek ‘’ji’a Fulbaa naa dhufuutti lammiileen Su daan dhibbantaa 70 ta’an beela cimaaf ni saaxilaman jedhee nan sodaadha’’ jechuun isaa ni yaadatama. Sababa beela cimaa kanaan namoonni mi iliyoona lamaafi kuma 500 caa laa lubbuu isaanii dhabuu akka danda’an ogeessichi yaaddoo qabu ibseera. Kuusaan midhaanii lammilee kanaaf ta’u akka hin jirrees ibsee ture.

Rooyitarsi Ministeera Dhimma Alaa Sudaan wabeeffachuun akka gabaasetti, Sudaan qondaalota Ameerikaa waliin marii gaggeessuf gaaffii dhiheessiteetti. Sudaan Tiriibun ammoo mootummaan Sudaan maricharratti hirmaachuf haal-duree kaa’era jedheera. Haal-dureewwan kanaan eenyu mariirratti argamuufi argamuu akka hin qabne kan ibsuudha. Mariin kun torbee lama booda akka gaggeeffamuus ibsameera. Saawudii Arabiyaafi Siwizarlaand marii Ameerikaan qindeessiturratti argamuun qaamolee wal-waraanan lamaan ni mariisisuus jedhameera.

Madda: BBC

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo